Misoomni qonna magaalaa erga babal’achuu eegalee as jijjiramni gama dinagdeefi wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu yeroorraa yerootti gabbataa dachaan dabalaa jira.
Kana milkeessuufis Qorannoon Qonna Itoophiyaa qorannoo gara garaa gaggeessaa ture keessatti hudhaalee damichaa adda baasuun fala omishaafi omishtummaan ittiguddachuu danda’u akkam isa jedhuuf deebii kenneera.
Bu’uuruma qorannoofi qo’annoo gaggeeffame ejjennoo godhaachuun hojii qonna magaalaa babal’ataa jiruun hawaasni magaalaa fayyadamaa ta’aa jira jedhu Daarektarri Ittaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa Doktar Dirribaa Galatii.
“Misoomni qonna magaalaa kanaan dura xiyyeeffannoo bal’aa kan hinarganneedha” jedhanii, keessumaa hojii waggoota lamaa as hojjetameen jijjiramni argamaa jiru gama tokkoon hawaasni wabii midhaan nyaataatiin akka of danda’u, gama biroon immoo dinagdeedhaan akka of ijaaru gochaa jira.
Inistiitiyuutichis dhimmi qonna magaalaa dhimma ijoo hawaasaaf murteessaa ta’e, hiyyummaafi eeggattummaa hir’isuu keessatti shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eef toorri xiyyeeffannoo gama kanaan kennamaa jiru akka cimu ta’eera.
Jalqabarratti qonni magaaalaa yeroo eegalamu namoota baay’eef gaaffii guddaa ture. Magaalaatti maaltu hojjetama yaada jedhuun kanneen sochicha gatii dhabsiisuuf yaalan jiru.
Duubarra garuu bu’aa galmaa’e hordofuun rakkooleen ilaalchaa turan hir’achaa jiraachuu kaasaniiru. Bu’aaan qorannoo Qonna Itoophiyaan galmaa’aa jirus sochicha daran kan jajjabeessu ta’uu kaasaniiru. Qonni magaalaa babal’achuun rakkoo hojidhabdummaa hudhaa dargaggootaa ta’e furuurra darbee madda galii wiirtuu dinagdee ta’aa jirachuus eeraniru.
Akka ibsasaaniitti; qonni magaalaa hojiilee misooma qonna lafa xixiqqoorratti omishalee gara garaa misoomsuufi horsiisa lukkuufi hanqaaquu bu’aa guguddaa argamsiisuu danda’an kan hammatuudha.
Kanaan dura omishaaleen qonnaafi lukkuuleen kanamalees bu’aaleen lukkuufi loonii baadiyyaarraa kan eegaman yoo ta’u jiraattonni magaalaa eeggattummaaf akka saaxilaman taasisaa turuus Doktar Dirribaan ni dubbatu.
Haata’u garuu booda kana toora xiyyeeffannoo qonna magaalaaf kennameen magaalaattis misooma qonnaa gara garaa babal’isuun fayyadamummaa dargaggootaafi jiraattotaa jijjiiruun danda’ameera. Misoomichi wabii midhaan nyaataa jiraattotaa mirkaneessuun ala hojidhabeeyyiif carraa hojiifi madda galii dinagdeensaanii itti cimu ta’ee tajaajilaa jira.
Misoomichi daraan jajjabeeffamuu kan maluufi teknoloojiin deeggaramuu akka qabuuf Inistiitiyuutiin Qorannoo Qonna Itoophiyaa deeggarsa ogummaa taasisaa jira. Kunis qorannoofi qo’annoo gara garaa taasisuun akkaataa misoomichi itti daran cimuufi fayyadamummaan lammiilee ittimirkanaa’u, kanamalees magaalota kutaa biyyattiitti argaman mara keessatti akka babal’atuuf hojii guguddaa hojjechaa jira.
Dameen qonna magaalaa qaala’insa gabaa tasgabbeessuu, rakkoo dhiyeessii mudachuu danda’u furuufi baasii hinmalle baraaruu keessatti bakka olaanaa qaba. Kanamalees carraa hojii uumuun ala aadaan gorduuba ofiitti waamara argachuu akka gabbataa deemu muuxannoon kunis akka babal’atu taasisaa jira.
Haata’uutii ammallee rakkoon ilaalchaa misooma qonna magaalaa kana sakaalaa jiru hedduu ta’uu qorannoon mirkaneessuu himaniiru. Bakkeewwan horsiisni lukkuu itti gaggeeffamutti namoonni bobbaan lukkuu faalama fidaa jira, sagaleenis nujeeqaa jira jedhan akka jiranillee nihimu.
Kanamalees magaala keessatti misooma qonnaa bal’inaan gaggeessuuf rakkoon lafaa ykn bakka hojii akka jirus qorannaan mirkanaa’eera. Hojiiwwan qonna magaalaa loon furdisuun dhiyeessii fooniirratti hojjechuu, horii aannanii misoomsuu aannan gabaaf dhiyeessuu, dhiyeessii fuduraafi muduraafaallee dabalataan kan hammatu yoo ta’u, hirkattummaa dhaloota ol adeemaarra jiru kan furu ta’a jira.
Hojichi hammam bu’aaqabeessa ta’us akka magaalaa Finfinneeti fudhannee yoo ilaalle xiyyeeffannoon akka bulchiinsa magaalaatti kennamaa jiru dhimma fooyya’uu malu ta’uu qorannaan irra geenyeerraa jedhu. Kanaafuu bulchiinsi magaalichaa baajata ga’aa kennuu mala, lafti hojii kennamuu mala, hudhaan dhiyeessiilee furamuu mala isa jedhuuf Qorannoon Qonna Itoophiyaa kallattii kaa’ee jira.
Qonni magaalaa daran cimuun dhaloota dinagdeen cimsuu keessatti bakka guddaa akka qabu qorannoon erga mirkanaa’ee ogeessonni misooma qonnaa kanaaf barbaachisoo ta’an ramadamuu dhabuun damicha booddeetti harkisaa jira.
“Misoomni qonna magaalaa ogeessa qonnaa duuba milkaa’uun jira jedhanii yaduun hindanda’amu” kan jedhan daariktarichi gama kanaan dhimmichi dhimma mootummaan bocamee hojiitti seename hamma ta’etti ogeeyyotaan deeggaramuun barbaachisaadha.
Waan kun ta’uu dhabuusan misoomni gama qonna magaalaan eegamu haalaan akka hinmilkoofne waan godhuuf irratti hojjechuun barbaachisaadha. Qorannoon Qonna Itoophiyaa waggoottan lamaa as qorannoofi qo’annoo gaggeesseen akkuma xiyyeeffannoon guddaa ijaarsotaaf taasifamu qonna magaalaafis hanga sadarkaa aanaatti gadi bu’amee hudhaalee adda bahanirraatti hojjechuun fayyadamummaa hawaasaa wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee hanga dinagdeen of cimsuurratti bu’aa qabeessummansaa mul’achuu mala jedhu.
Mariin yeroo ammaa akka qorannoo qonna Itoophiyatti dhimma kanarratti taa’amaa jirus hudhaalee qorannoon adda bahan dhiyeessuun falasaaf immoo xiyyeeffannoo kennamuu malu qaama dhimmisaa ilaallatuuf kaa’uun misoomichi akka babal’atu humna guutuun hojjetamaa jira.
“Dhimmi qonna magaalaa dhimma seektara tokkoo qofa miti dhaabbilee gara garaa hammata kan” jedhan ammoo Qorannoo Qonna Itoophiyaatti Qorataa kan ta’an Doktar Tolasaa Alamuuti.
Misoomni qonna magaalaa callisaan omishatti kan galu waan hintaaneef gama dhiyeessiilee bu’uuraa akka ibsaa,bishaan, bakka hojiifi teknoloojii ammayyaa kan hammatuudha jedhu.
Omishaafi omishtummaan qonna magaalaa dachaan akka dabaluuf hudhaalee jiran qorannaan adda baasuudha jedhanii omishtoonni ijaarsa dandeettii, deeggarsa faayinaansii, ittifayyadama teknolojii ammayyaa babal’isuun murteessitoota ijoodha.
Beeladaafi bu’aalee beeladaa qofa kuduraafi muduraa misoomsuu qofti gahaa miti. Fayyaasaanii eeguurrattis ogeeyyonni gahumsa qaban yoo hinhirmaanne hudhaan damichaa furamuu, omishaafi omishtummaanis dachaan dabaluu akka hindandeenye kaasaniiru.
Hudhaaleen ijoo qorannoo qonna Itoophiyaan adda bahan kunniin irratti yoo hojjetaman qaala’insa gatii gabaa tasgabbeessuu keessattillee shoora guddaa kan taphatuudha.
Sanyiin filatamaa beeladaafi bu’asaanii dachaan dabaluu danda’an babal’isuun murteessaadha. Sababnisaas kun ta’uu dhabnaan yeroo hunda omishaalee baadiyyaarraa dhufan qofarratti akka hirkannu nutaasisa. Kanamalees sochiin misooma qonna magaalaas ni harkifata.
Qorannoon gama kanaan hojjetame misooma qonna magaalaarraa bu’aan wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu hanga dinagdeen of cimsuutti kan geessisu ta’ee akka galtee guddaatti tajaajila.
Misoomni dammaafi qurxummii dabalataan magaalaatti babal’achuun rakkoo dhiyeessii mudachuu danda’u furuu keessatti shoora guddaa kan taphatan ta’uu qorannichaan mirkaneessuu kan eeran Doktar Tolasaan, hirmaannaa dhaabbata tokkon qofa kan milkaa’u akka hintaanes kaasu.
Kana waan ta’eef hudhaaleen bu’uuraalee misoomaan walqabatanii ka’an furuun itti fayyadama teknoloojii babal’isuun omishtoonnis fayyadamoo akka ta’aniif dhaabbileen dhimmisaa isaan ilaallatu marti walitti dhufanii hojjechuu malu.
Deeggarsi faayinansii, sanyii filatamaafi bakki hojiis gama kanaan taasifamu cimuu qaba jedhanii yoo kun hintaane ammallee omisha alarraa galu jechuunis kutaalee biyyattii gara garaarraa gara giddugalaatti dhufu qofarratti akka hirkannu taasisu.
Kun immoo rakkoon dhiyeessii akka mudatu, qaala’insi gatii gabaa akka hammaatu, omishtoonniifi bittoonni kallattiin akka walhinagarre alseerummaan faddaaltotaa akka babal’atu taasisa.
Hawaasni humna ittiin dhiyeessiiwwan kanneen guuttatu dhabuu waan danda’uuf rakkoo dinagdee gamanumaa mudachuu malu furuuf hudhaalee Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatiin adda bahan kanneenirratti xiyyeeffatanii hojjechuun misooma qonna magaalaa yoo babal’isan wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbanii dinagdeen cimanii argamuuf wanti nama daangessu hinjiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
3 Comments to “ “Qonni magaalaa wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee madda galii ta’ee jira” – Doktar Dirribaa Galatii”
Comments are closed.