Finfinnee: Namoota mirgi namummaasaanii sarbame haqa ce’umsaatiin beenyaa barbaachisaa akka argatan gochuuf mana murtii haaraa, dhaabbata Abbaa Alangaa Addaafi Komishinii Dhugaa Barbaadu hundeessuun barbaachisaa ta’uu Gareen Ogeessota Haqa Ce’umsaa beeksise.
Gareen kun ibsa kaleessa miidiyaaf kenneen akka eeretti, Guraandhala 27 bara 2015 irraa eegalee hanga Fulbaana 30 bara 2016tti galtee Imaammata Haqa Ce’umsaaf ta’u walittiqabuuf akka biyyaatti waltaajjiwwan 80 adeemsiseera.
Itoophiyaatti sababoota walitti bu’iinsa baroota adda addaatti uumamaniin dhiittaan mirga dhala namaa raawwatameera. Lammiilee hedduun gariinsaanii qe’eesaanirraa buqqa’aniiru, gariinsaan ammoo lubbuusaanii qaalii dhabaniiru jechuunis ibseera.
Walittibu’iinsa uumamuun lammiileen biyyattii kanaan booda akka hinmiidhamneef haqa ce’umsaa diriirsuun barbaachisaa ta’uu korichi eeree; kanaafis imaammatni haqni ittiin barbaadamuufi sarbiinsa mirga dhala namaa faana walqabatee namootni himatamuu qaban ittiin himataman jiraachuu akka qabus ibsameera.
Milkaa’ina haqa ce’umsaatiif caasaa haqaa haaraatu barbaachisa kan jedhu gareen kun; mana murtii haaraa, dhaabbata abbaa alangaafi komishinii dhugaa barbaadu haaraa hundeessuun hojii haqaafi araaraa hojjechuun barbaachisaa ta’uunis himameera.
Sarbamuu mirga namummaa raawwatameef namoota gaheensaanii olaanaa ta’eefi yeroo sarbiinsi mirga namoomaa raawwatamu namootni ittigaafatamummaasaaniii bahuun osoo irra jiru ittigaafatamummaasaanii hin baane dhiifamni godhamuufii akka hin qabne gareen kun jala sarareera. Kana gochuuf ammoo, seerri yakka biyyatti seera yakka idil addunyaa faana wal simachuu akka qabus ibseera.
Kanamalees, namootni dhiittaan mirga namoomaa irratti raawwatame kaafamuu qabu jechuun akkaataa kabaja namummaasaanii eegeen qe’eesaaniitti deebisuun beenyaa miidhamasaanii faana walmadaluu argachuu akka qabanis garichi yaada gorsaa kenneera.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
One Comment to “Haqa ce’umsaatiif mana murtii haaraa hundeessuun barbaachisaa ta’uun ibsame”
Comments are closed.