“Ikoo Turizimii Wancii-Dandii: Pirojektii nu hammate” -Qonnaan bultoota naannawichaa

Haala duraan baratameen ijaarsi hojiilee misoomaa gara garaa qonnaan bultoota lafasaaniirraa buqqisaafi dhiibaa ture.

Ijaarsi Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii-Dandii garuu nu hammate malee nu hindhiibne jedhu qonnaan bultoonni naannawichaa yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin.

Qopheessummaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin gareen gaazexeessitootaa ijaarsa Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii- Dandii daawwateera.

Imala keenyaan manneen viillaa mootummaan qonnaan bultoota naannawichaa sababa misoomaatiin lafasaanii dhabaniif ijaare argineerra.

Obbo Magarsaa Kabbadaa, Naggaalliny Dagafuufi Aadde Ayyaluu Hayilamaariyam qonnaan bultoota sababa ijaarsa Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii-Dandiitiin laftisaanii hojii misoomaatiif oole keessaa ijaarsa pirojektichaa ilaalchisuun kanneen yaada nuu kennaniidha.

Qonnaan bultoonni naannawichaa akka jedhanitti, “Pirojektichi nu hammate malee nu hindhiibne. Yeroo hojiin ijaarsa pirojektichaa jalqabamu lafaafi qe’ee keenyarraa dhiibamnee kaana jennee sodaannee turre.

Mootummaan garuu manneen viillaa 13 meeshaalee mana keessaafi bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban naannawa pirojektichaatti ijaaree nuu kenne. Pirojektichi carraa guddaa jiruufi jireenya keenya fooyyessuufi jijjiiru nuu fidee dhufe malee akka nuti sodaannee turre nu hindhiibne, qe’ee keenyarraas nu hinbuqqifne. Kanaafuu mootummaa carraa kana nuu fidee dhufe daran galateeffanna.”

Mana kana yoo barbaanne ji’atti hanga qarshii kuma 70 hanga 100tti kiraan kennachuu dandeenya kan jedhan qonnaan bultoonni kunneen, “Pirojektichi jiruufi jireenya keenya jijjiiruufi carraa hojii bal’aa akka argannu kan taasisuudha” jechuun ibsu.

Sababa ijaarsa pirojektichaatiin bu’uuraalee misoomaa kanneen duraan hinqabne daandii, ibsaa, mana barnootaa sadarkaasaa eeggateefi kkf arganneerra kan jedhan qonnaan bultoonni kunneen, utuu ijaarsi pirojektichaa hinjalqabamiin dura daandiifi ibsaa hinqabnu turre jechuun himan.

Yeroo ammaa abbootii warraa 800 naannawa Haroo Wancii jiraatan keessaa abbootiin warraa 300 tajaajila ibsaa kan argatan ta’uu eeranii, warri hafanis yeroo ittaanutti tajaajilicha ni argatu jennee abdanna jedhu.

Mootummoonni itoophiyaa dhufaa darban Haroo Wancii misoomsuun jiruufi jireenya hawaasa naannawichaa jijjiiruuf yaale hinturre. Mootummaan kun garuu naannawa keenya misoomsuudhaan hojii jiruufi jireenya keenya daran fooyyessuufi jijjiiru, akkasumas gara fuulduraattis abdii guddaa irraa qabnu nuuf hojjeteera.

Qindeessaan pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa gamasaaniin akka jedhanitti, Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii-Dandii pirojektii guddaa yeroo gabaabaa keessatti qulqullinasaa eegee hojjetamee xumuramee eebbaaf qophaaa’eedha. Pirojektichi hawaasa naannawichaa fayyadamaa taasisuu keessattis qooda guddaa qaba.

Mootummaan qonnaan bultoota sababa misoomaatiin lafaafi qe’eesaanniirraa ka’an 13f manneen viillaa sadarkaasaanii eeggataniifi meeshaaleefi bu’uuraalee misoomaatiin guutaman kan ijaareef ta’uu himaniiru.

Qindeessaan pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa akka jedhanitti, mootummaan naannoo Oromiyaas qonnaan bultoota naannawichaatii ameessa ykn sa’a dhaltii 13 bittee kan kenneef yoo ta’u, isaan keessaa sagal dhalaniiru. Kana malees hoolotaafi gaagura kanniisaa ammayyaa’aa bituufiin qonnaan bultoota naannawichaatiif kenneera. Naannawichi Haroo Wancii qofaan utuu hintaane omisha dammaatiinis waan beekamuuf hawaasni naannawichaa omishicha guddisuurratti akka xiyyeeffatan yaadachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

9 Comments to “ “Ikoo Turizimii Wancii-Dandii: Pirojektii nu hammate” -Qonnaan bultoota naannawichaa”

  1. Pingback: marbo 9000
  2. Pingback: nutrition products
  3. Pingback: อย จีน

Comments are closed.