Manni Marii Waloo Paartiilee Siyaasaa Oromiyaa paartiileen ga’eesaanii akka ba’an taasisaa jira

Finfinnee: Mariin walgaarreffachuu paartiilee siyaasaa hambisuun ijaarsa sirna dimokraasii biyyaa keessatti ga’eesaanii akka ba’an taasisuuf shoora olaanaa akka qabu Manni Marii Waloo Paartiilee siyaasaa Oromiyaa ibse. Manni marichaa Kamisa darbe gabaasa raawwii mana marichaafi dhimmoota adda addaarratti mari’ateera.

Walittiqabaan duraanii mana marichaa Obbo Shaafii Huseen haasaa baniinsaa taasisaniin akka jedhanitti, mariin mana marichaan gaggeeffamu barsiifata walgaarreffannaa hambisuun ijaarsa sirna dimokraasii biyyaa keessatti paartiileen naannichaa ga’eesaanii akka ba’aniif shoora qaba. Mariiwwan hanga ammaatti taasifameenis rakkoolee hedduu furuun danda’ameera.

Akka ibsasaaniitti, paartiileen hundi biyya tokko waliin qabanirratti adda addummaasaanii walii kabajuufi rakkoo furuuf mariin mana marichaatiin gaggeeffamu cimee ittifufuu qaba. Adeemsa hanga ammaatiinis damee dargaggoo, dubartootaafi miidhamtoota qaamaatiif leenjiin kennamuun akka hojii keessa galan taasifameera.

Adda Walta’iinsa Federaalawaa Demokraatawaa Sabdaneessa Itoophiyaarraa maricharratti kan argaman Obbo Battee Urgeessaa gamasaaniin akka jedhanitti, mariin waloo paartiilee siyaasa naannichaa jalqabbiinsaa gaariidha. Duraanis kun dhabamnaan waldhabdeen babal’ate. Yoo akkanatti ittifufame rakkoolee hafan mariidhaan furuuf haalli mijataan uumama.

Miseensi koree raawwachiistuu hojii paartii ‘Izeemaa’ Obbo Taarikuu Dinbaruus mariin mana maree waloo paartiilee siyaasaa naannichaatiin gaggeeffamaa jiru sirna dimokraasii ijaaramaa jiru cimsuuf barbaachisaadha jedhaniiru. Manni marichaa Komishinii Marii Biyyaalessaa wajjinis waan hojjetuuf gara fuulduraatti hanqinoota jiran mariidhaan furuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Manni marichaa gabaasa raawwii hojii mana marichaarratti mari’achuun gaggeessitoota haaraa shanis filateeera.

Haaluma kanaan Obbo Muusaa Furoo walittiqabaa, Obbo Solomoon Taaffasaa walittiqabaa ittaanaa, Obbo Kiroos Axnaafuu Barreessaa, Doktar Paastar Bayyanaa Dassaalanyiifi Obbo Masaayi Abbabaa miseensa ta’uun filatamaniiru.

Walittiqabaa mana marichaa haaraa ta’uun kan filaman haasaa taasisaniin, ittigaafatamummaa biyyaa guddaa kennameef amanamummaan akka ba’an ibsaniiru. Hojii gara fuulduraatti hojjetan keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuun manni marichaa dhaabbilee siyaasaa naannicha keessa socho’an hunda hirmaachisuuf akka hojjetanis dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Manni Marii Waloo Paartiilee Siyaasaa Oromiyaa paartiileen ga’eesaanii akka ba’an taasisaa jira”

  1. Pingback: กงล้อ888
  2. Pingback: m358

Comments are closed.