Finfinnee: Hundeeffamasaa dura magaalaan Shaggar bakka rakkoon bulchiinsa gaariifi alseerummaan itti dagaage waan tureef maqaa invastimantiin weerarri lafaa bal’inaan adeemsifamaa turuu Kantiibaan Magaalichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Dhiyeenya magaala Finfinneetti qabuufi carraa gaarii guddinaaf qaburraan kan ka’e magaalichi ijaafi qalbiin abbootii qabeenyaa maxxanneefi abbootii qabeenyaa misoomaa keessa galti. Ta’us qabeenyi guddaan magaalattiin qabdu qabeenyi lafaa barootaaf abbootii qabeenyaa maqaa invastimantiitiin socho’niin saammamaa tureera.
Doktar Tashoomaan Wiixata darbe haala sochii invastimantii magaalichaa ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, kaayyoo barbaadamuuf yoo oole invastimantiin guddina fida, carraa hojii uuma, galii biyyaa dabala, biyyoonni invastimantiin itti dagaage guddina saffisaa kan ittigalmaahudha.
Magaalli Shaggar yommuu hundeeffamu invastimantii misoomawaa saffisiisuuf koree hundeessuun hojiitti galame kan jedhan kaantibaan kun; rakkoolee seektara invastimantii keessa jiran furuuf jalqabatti daataadhaan qindeessutu taasifame jedhu.
Jalqaba hundeeffama magaalichaatti invastimantiiwwan kuma afuriifi 812tu boordii invastimantiirraa eeyyama fudhatee socho’aa kan turan yoo ta’u kunneen keessaa invastimantiiwwan 2004 qofa hojiitti seenuu ibsaniiru.
Yeroo sanatti alseerummaa invastimantiin wal qabatee rakkoo wal xaxaa heddutu magaalicha keessatti mul’achaa ture kan jedhan Doktar Tashoomaan; abbootiin qabeenyaa kuma tokkoofi 62 lafa isaaniif hin eeyyamamne qabatanii argamuus ibsaniiru.
Rakkoolee seektaricha keessatti mul’achaa jiran hiikuuf bulchiinsi magaalichaa tarkaanfiiwwan seeraa fudhachaa jiraachuu eeranii; abbootii qabeenyaa ijaarsarra waggaa shaniifi isaa ol turan, beekamtii waajjira invastimantii malee kan akaakuu invastimantii jijjiiran, lafa fudhatan invastimantiif oolchuu osoo qabanuu kanneen kireessanirratti tarkaanfiin kan fudhatame ta’uu hubachiisaniiru.
Bu’uuruma kanaan abbootii qabeenyaa dafanii gara hojiitti hingalleefi akka waliigalteetti hinhojjenne kuma tokkoofi 602tti of eeggannoon kan itti kenname yommuu ta’u, waliigalteen invastimantii 604 ammoo haqamuusaa ibsaniiru.
Rakkoo bulchiinsa lafaa malee, hanqinni lafaa akka hin jirre yaadachiisanii; qaamota alseerummaa invastimantii raawwatanirratti tarkaanfii seeraa fudhachuun hojiin lafa gara baankii lafaatti deebisuu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru
Rakkoolee kanaan dura turan gara fuulduraatti akka hin mul’anneef simannaa invastimantiirratti tajaajila si’ataafi saffisaa kennuuf sooftiweerii mataasaa danda’e misoomsuun tajaajila kennamu karaa dijitaalawaa ta’een kennaa jiraachuus himaniiru.
Magaalicha keessatti carraa invastimantii akaakuu 14 kutaalee magaalichaa hunda keessatti adda baafamuu ibsanii; invastimantii jaarraa 21ffaa madaalu diriirsuuf sochii taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Taammiruu Raggaasaa
BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016
8 Comments to “ Maqaa invastimantiin weerarri lafaa bal’inaan adeemsifamaa ture”
Comments are closed.