“Haroon Wancii gara fuulduraatti madda dinagdee olaanaa ta’a” -Obbo Dhaabaa Jinfeessaa

Wancii: Haroon Wancii Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wancii, Ganda Wanciitti Finfinneerraa kiiloomeetira 140 fagaatee argama. Haroon kun gaarreen bosona uffataniin marfamee argamuunsaa haroowwan naannichis ta’e biyyattiin qabdurraa adda isa taasisa. Bosonni uumamaafi  haalli teessuma lafaa naannawaa harichaas daran qalbii namaa hawwatu.

Haroon miidhagina addaa qabuufi jannata lafarraa jedhamee waamamu kun baroota dheeraaf utuu hinmisoomin ija tuuristoota addunyaa jalaa dhokatee ture kun yeroo ammaa misoomee qalbii turistoota biyya keessaafi alaa hawwachaa jira. Ijaarsi Pirojektii Ikoo Turizimii Haroo Wancii yeroo ammaa xumuramee eebbaaf qophiirra jira.

Qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin gareen gaazexeessitootaa Dilbata darbe sadarkaa ijaarsi pirojektichaa irra jiru daaw’ateera.

Qindeessaan pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa daaw’annicharratti akka jedhanitti, ijaarsi pirojektichaa waggaa lama dura jalqabame. Pirojektichaan daandiin asfaaltii kiiloomeetira 42, loojiiwwan, pikinikoonni afuriifi tiraakiin atileetonni irratti leenji’an naannawaa Haroo Wanciitti ijaaramaniiru; sararri ibsaas diriireera. Pirojektichi ijaaramuun jiruufi jireenya hawaasa naannawaa jijjiiruufi fayyadamoo taasisuurra darbee dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubuu keessatti gahee guddaa qaba.

Pikinikoota afran naannawa harichaatti ijaaraman keessaa tokko Wiirtuu Nadhii ykn ‘Nadhi Center’ jedhama. Hawaasni naannawichaa irra jireessaan damma omisha. Dammi naannawichaa daraaraa muka heexoorraa omishamu qorichummaaf waan daran barbaadamuuf alattillee kan ergamu ta’uu himu. Turistoonni Haroo Wancii daaw’atan dammicha nyaatanii akkasumas bitatanii akka galaniif wiirtuun dammi itti gurguramu naannawa harichaatti ijaarameera. Wiirtichi kaaffee waan qabuuf tajaajila nyaataafi dhugaatiis kan kennu ta’uu eeraniiru.

Pikinikii lammaffaan ‘Gooroo Cultural House’ jedhama kan jedhan Obbo Dhaabaan, pikinikicha keessatti nyaatawwaniifi dhugaatiiwwan aadaa gara garaatu gurgurama. Turistoonni dhugaatiiwwan aadaa kanneen akka farsoo, bookaa ykn daadhiifi nyaatawwan aadaa gara garaa bakka kanatti argatu.

Pikinikii sadaffaan ‘Kaaffee Liiban’ jedhama. Kaaffeen kun maqaa hawaasni naannawichaa ittiin waamamurraa ka’uun moggaafame. Kaaffeen kun nyaatawwan ho’aa turistoonni ittifayyadaman kan dhiyeessu ta’uu himu.

Pikinikii afuraffaan seensa Haroo Wanciirratti argama. Pikinikiin kun konkolaataawwan 200 ol keessummeessuu danda’a. Pikinikiin kun bakka itti tikeetiin muramuufi tajaajilli baankii itti kennamus ni qaba. Kana malees restoraantiifi waajjiraalee gara garaa qaba. Komishiniin Turiizimii Oromiyaa bakkichatti waajjira banee gaalaarii iddoo hawwata turiizimii naannichaa agarsiisan qopheesseera. Waajjirri ‘IJA Developers share Company’s bakkichatti argama. Pirojekticha kan bulchus kaampaanicha ta’uu himaniiru.

Qonnaan bultoota sababa misooma harichaatiin lafaafi qe’ee isaaniirraa ka’an 13f ammoo mootummaan manneen sadarkaasaanii eeggatan naannawaa harichaa ykn loojiitti  kan ijaareef ta’uu himanii, qonnaan bultoonni mana isaaniif ijaarame keessa jiraachaa galii dabalataas akka argataniif kutaa sadii turistootatti akka kireeffataniif qulqullinaan qophaa’eera. Manneen qonnaan bultootaaf ijaaraman bu’uraalee misoomaa barbaachisaniifi meeshaalee mana keessaatiin guutamanii kan kennamaniif ta’uus himaniiru.

Manneen kunneen bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, bishaan akkasumas meeshaalee mana keessaa kanneen akka teessuma, televiizhiniifi sireedhaan guutamanii qonnaan bultootaaf darbuu himanii, manneen kunneen achitti kan ijaaramaniif turistoonni gara harichaa dhufanis haala jiruufi jireenya hawaasa naannawichaarraas waa akka barataniif yaadameeti jedhu Obbo Dhaabaan.

Mootummaan naannoo Oromiyaas qonnaan bultoota naannawichaatii ameessa ykn sa’a dhaltii 13 bitee kan kenneef yoo ta’u, isaan keessaa sagal dhalaniiru. Kana malees hoolotaafi gaagura kanniisaa ammayyaa’aa bituufiin qonnaan bultoota naannawichaatiif kenneera. Naannawichi omisha dammaatiinis waan beekamuuf hawaasni omishicha guddisuurratti akka xiyyeeffatan yaadachiisaniiru.

Pirojektiin kun ijaaramuusaatiin hawaasni naannawichaa yeroo ammaa tajaajila ibsaafi daandii asfaaltiifi bu’uraalee misoomaa biroo argateera. Tajaajilli telekoomiis ‘4G’ gaheera.

Pirojektichi yeroo ammaa dhaabbiidhaan namoota 560f carraa uumuu himanii, namoonni carraa hojii argatan kunneen hojii turistoota daawwachiisuu, farda turistoonni ittiin imalan dhiyeessuu, hojiilee harkaa, nyaata aadaafi yabaloo bishaan harichaarraa ittiin imalan qopheessuurratti gurmaa’anii hojjechaa jiru.

Oggaa loojiin ijaarame hojii jalqabu ammoo namoota 113f carraa hojii kan uumu ta’uu himanii, kanaafis dargaggoota kolleejotaafi yunivarsitiiwwanirraa eebbifaman 97 guyyoota 45f leenjiin kennamuufi gara Laangaanoo deemanii muuxannoo akka argatan taasifamuu eeraniiru. 

Hogganaan Ittaanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa gamasaaniin, “Ijaarsi pirojektichaa kan gurraan dhaga’amerra yeroo qaamaan argamnee daawwannu daran nama ajaa’iba” jedhan.

Haroon Wancii qabeenya uumamaa dilbii waaqni nu badhaase ta’us baroota dheeraadhaaf hawaasni naannawichaa, naannoon Oromiyaas ta’e biyyattiin bu’aa barbaachisu irraa argachaa hinturre. Ijaarsi pirojektichaa miidhama keenya kanaan duraa nu irraanfachiisee imala guddinaa, badhaadhinaa keenya milkeessuun fayyadamummaa keenya kan mirkaneessuudha jedhu.

Daarektarri Kominikeeshinii  Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Ifabaas Abdulwahaab akka jedhanitti, pirojektichi yaa’iinsi tuuristii naannichaa akka dabalu taasisuun galii damicharraa argamu guddisuu keessatti gahee guddaa qaba. Hojii mootummaan naannichaa damee turizimii kennee raawwataa tureen bara darbe damicharra galiin biiliyoona 9.6 argameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to ““Haroon Wancii gara fuulduraatti madda dinagdee olaanaa ta’a” -Obbo Dhaabaa Jinfeessaa”

Comments are closed.