“Boqqonaan maraammartoo jeequmsaa mariin  cufamuu qaba” -Obbo Baqqalaa Nagaa

Finfinnee:  Seenaan maraammartoo jeequmsaa biyyattii mariin goolabuufi yaada furmaataa mariin argame hojiitti hiikuun dhimma ijoo ta’uu miseensi Koree Giddugaleessaa Kongirasii Federaalistii Oromoo Obbo Baqqalaa Nagaa ibsan.

Obbo Baqqalaan Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Sochii fincila diddaa garbummaan walqabee qabsaa’ota Oromoo jumlaan mana hidhaatti guuraman, ajjeechaafi gidiraa ummata Oromoorra ga’aa ture namoota jala bu’uun miidiyaalee garaagaraatti sagalee ta’aa turan keessaa Obbo Baqqalaa Nagaa isaan tokko.

Ummata Oromoof sagalee ta’uusaaniif yeroo turtii waggaa lamaaf  manaa  ba’uu dhorkamanii hidhaa mana keessaa jala turaniiru. Dararaawwan garaagaraas keessummeessaniiru.

Jijjiirama boodas Jawaar Mohaammadfaa akka mana amala sirreessaatii gad lakkifamaniif abbootii qabeenyaa, jaarsolii biyyaafi abbootii Gadaa waliin walta’uun qoodasaanii ba’ataniiru. Amma garuu aangoo hoggansasaanii isa ittaanutti dabarsuun hojii dhuunfaasaanii cinatti miseensa koree ta’anii dhaabasaanii tajaajilaa jiru. 

Akka isaan jedhanitti, biyya afaan qawweetiin ijaaramteefi waldhabbiin afaan qawween furamaa turetti marii biyyaalessaa yaaduun akka jalqabbiitti taatee hinbaratamneefi jajjabeefamuu qabuudha. Mariin taasifamu garuu maraammartoo jeequmsaa kan dhabamsiisuufi firiinsaa bu’aa qabatamaa kan fidu ta’uu qaba.

Biyya angoofi qabeenya to’achuuf geengoo jeequmsaa keessa naanna’aa jirtuuf falli jiru marii qofa ta’uu fedhii namoota hundaa ta’uu himanii; waliin mari’achuun akkuma jirutti ta’ee yaada furmaataa mariin argame hojiitti hiikuun kutannoo mootummaan, qaamota mari’ataniifi mari’achiisan qaban amma osoo hintaane  kan oolee bulee baramu ta’uu dubbataniiru.

Aadaan marii waan hinturreef biyyi kun hundeeffamasheerraa ka’ee waraana angoorraa walfonqolchuun bututuushee kaasanii; mootonni biyyattii badii waraanni dhaqqabsiisurraa barachuu dhabuun Wayyaaneen aguuggii dimokiraasiin dhufte illee isaanirratti dabalatee gaaga’ama namoomaa suukanneessaa geessisuushee yaadachiisu.

Walitti bu’iinsi yeroo ammaa biyyattii keessatti taasifamaa jirus mariin yoo xumurame malee hanga dheerataa deemu gaaga’ama kaleessaa daran hammeessas jedhaniiru.

Mootummaan kun marii yaaduunsaa gaarii ta’ee marii milkaa’aan garuu manaa akka eegalu hubatamuu qaba jedhanii; Oromoo dabalatee sabootni biroo osoo gara marii biyyaalessaatti hin dhufiin dura rakkoo keessoosaanii furachuun milkaa’ina marii sanaaf furmaata jalqabaa ta’uu ibsaniiru.

Keessattuu yeroo ammaa yeroo itti ormi qabeenya Oromoof lola banaa jiru kanatti Oromoon waan wallolaa jiruuf ifa miti kan jedhan Obbo Baqqalaan; gidiraa walitti bu’iinsa mootummaafi qaama hidhatee bosona jiruun ummatni Oromoo argaa jiru maqsuufis ta’e akka sabaatti ajandaa waloo qabatanii marii biyyaalessaatti gad ba’uuf mariin Oromoo gidduutti eegalamee fashalaa’e deebi’ee akka ittifufu gaafataniiru. 

Waa dhiisuun nageenyaaf daandii walakkaatti walitti adeemuu baannaan marii milkaa’aa gaggeessuun ulfaataa ta’uu himanii; kana gochuuf ammoo Oromoon akka sabaatti, sabni biroos maal akka fedhu dursanii hubachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 20 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to ““Boqqonaan maraammartoo jeequmsaa mariin  cufamuu qaba” -Obbo Baqqalaa Nagaa”

Comments are closed.