Yuniyeenichi gurgurtaa kaarbooniirraa yuuroo miliyoona 1.1 argate

Finfinnee: Yuniyeeniin Omishtoota Buna Oromiyaa waggoota shanan darbanitti gurgurtaa kaarbooniirraa galii yuuroo miliyoona 1.1 argachuu beeksise.

Yuniyeenichatti ittigaafatamaan damee pirojeektii Obbo Daanyee Guutaa ibsa addatti dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kaayyoon yuniyeenichaa misooma bunaa finiinsuun fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuudha.

Itoophiyaatti bunni kan biqiluufi firii kan godhatu bosona keessatti waan ta’eef misooma bunaatiin bu’aa barbaachisaa argachuuf hojii misooma bosonaa hojjechuun barbaachisaadha jedhanii, kana yaada keessa galchuun yuniyeenichi erga of danda’ee hundaa’ee hojii misooma bunaa cinatti godinaalee Oromiyaa bunni itti omishamu hundatti hojiin misooma bosonaa hojjechaa jirachuu ibsaniiru.

Yuniyeenichi hojii misooma bosonaa malkeessuuf qonnaan bultootni madda anniisaaf jecha akka bosona hinmancaafneef pirojektii Oromiyaa raabsaa Kuuk Istoor (Oromia Cook Store Distribution) jedhamu hundeessuun qonnaan bultootni qoraanirra akka humna ibsaatti fayyadaman taasisaa jiras jedhan.

Haaluma kanaan yuniyeenichi waggoota shanan darbanitti qonnaan bultoota kuma torba fayyadamoo anniisaa elektirikii ta’uu isaan dandeessisuufi istoovii dabalatee teknoolojii garagaraa akka argatan taasisuus eeraniiru.

Akka ibsa Obbo Daanyeetti, karoora gurgurtaa kaarboonii malkeessuuf yuniyeenichi Dhaabbata Nezarlaandi ‘Fair Climate Fund’ jedhamu faana waliigaltee mallatteessee hojjechaa jira.

Dhaabbatichi yuniyeenichaaf deeggarsa maallaqaafi teeknikii kennuutti dabalee kaarbonii yuniyeenichi omishu bituurratti argama.

Bu’uuruma waliigaltichaatiin waggoota shanan darbanitti yuniyeenichi kaarboonii toonii kuma 97 dhaabbatichaaf dabarsuun galii yuuroo miliyoona 1.1 ol argachuu Obbo Daanyeen eeraniiru.

Gara fuulduraattis yuniyeenichi gurgurtaa kaarbooniirraa galii amma argachaa jiru dachaan dabaluuf haala dandeessisurratti argama jedhanii, keessattuu jalqabamuun sagantaa ashaaraa magariisaa omisha bunaafis ta’ee omisha kaarbooniif haala mijaa’aa fidee dhufuus eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Yuniyeenichi gurgurtaa kaarbooniirraa yuuroo miliyoona 1.1 argate”

  1. Pingback: braip produtos
  2. Pingback: directory
  3. Pingback: endolift
  4. Pingback: lsm44

Comments are closed.