Ji’oota shanan darbanitti foon toonii kuma 328 omishuun danda’ameera

Finfinnee: Ji’oota ja’an baranaatti foon toonii kuma 298 omishuuf karoorfamee ji’oota shanan darbanitti foon toonii kuma 328 omishamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti Gorsaan Ministirri De’eetaan Damee Qabeenya Beeyladaafi Qurxummii Doktar Yohaannis Girmaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kalaqamuu Innisheetivii Maaddii Guutuutiin Itoophiyaan damee misooma beeyladaatiin hojii dinqisiisaa hojjechaa jirti.

Akka ibsasaaniitti, biyyattiin uumamaan horsiisa beeyladaatiif kan mijattu ta’uusheefi caalaatti lammiilee hedduun horsiisa looniirratti bobba’eedha. Dhaabbileen qo’annoofi qorannoo beeyladaarratti bobba’an baay’inaan jiraachuun carraalee gaarii milkaa’ina innisheetivichaaf tumsuudha.

Inisheetivicha milkeessuuf qaamota horsiisa beeyladaa, horsiisa lukkuu, misooma dammaafi qurxummiirratti bobba’aniif deeggarsi ogummaafi faayinaansii taasifamaa jiraachuus eeranii, misooma lukkuu babal’isuuf qofa galteewwan barbaachisoo alaa galchuuf mootummaan doolaara miliyoona 30 ramaduu ibsaniiru. Cuucii miliyoona 28 rabsuuf karoorfamee, ji’oota shanan darbanitti cuucii guyyaa tokkoo miliyoona 29 arabsuu eeraniiru.

Milkaa’ina inisheetivichaatiif fayyaafi nyaatni beeyladaa murteessaa ta’uu eeranii; dhibee beeyladaa ittisuuf beeyladoota miliyoona 84f talaallii kennuun dabalata nyaata beeyladaa tooniin miliyoona 92 omishuus himaniiru.

Qaamota omishaalee Maddii Guutuurratti bobba’aniif deeggarsa ekisteenshinii firii qabeessa taasisuuf mandara omisha aannanii, mandara horsiisa lukkuu, mandara horsiisa kanniisaafaa jedhanii moggaasuun naannawa tokkotti fiduuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Haalota mijatoo uumuun ji’oota shanan darbanitti foon lukkuu toonii kuma 88, qurxummii toonii kuma 38fi damma toonii kuma 96 omishuun ifatti innisheetivichi milkaa’aa kan jiru akka ta’e Doktar Yohaannis himaniiru.

Misooma dammaarratti karoora ba’e milkeessuuf hojiin hojjetamu damicha ammayyeessuurratti kan xiyyeeffatu ta’e eeruun gaagura ammayyaa kuma 315 qaamota omisha damicharratti bobba’aniif raabsamee jiras jedhaniiru.

Bu’aan hojii misooma beeyladaa oolee bulee malee battalatti kan mul’atu ta’uu baatuus inisheetiviin kuni erga jalqabee waggaa tokkicha kana keessatti bu’aaleen ijaan mul’atan hedduun jiraachuu eeranii oomisha killeerratti keessattuu iddoo hundatti omisha kana gabaa hundarratti gatii madaalawaan argachuun kan danda’ame omishni killee baay’inaan jiraachuusaarraan kan ka’e ta’uus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Ji’oota shanan darbanitti foon toonii kuma 328 omishuun danda’ameera”

  1. Pingback: pinnacle
  2. Pingback: 토토사리트

Comments are closed.