Dargaggoo Kaasaahun Geetaachoo jiraataa magaalaa Finfinnee, naannawa Jamoo jedhamuu yoo ta’u, dargaggoota sagantaa Kibxata darbeetiin dhiiga arjooman keessaa isa tokko.
Sagantaa arjooma dhiigaa Liigiin Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee qopheesserratti kanneen hirmaatan keessaa Dargaggoo Kaasaahun kan ammaa dabalatee marsaa 4ffaaf arjoomuu kaasa.
Dargaggoon kun turtii addatti Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen arjoomni dhiigaa aarsaa salphaa lubbuun dhalootaa itti baraaramudha jedha.
Wayita dargaggoonni hedduu walabummaa biyyasaanii kabachiisuuf wareegama qaalii, aarsaa lubbuu gaafatu kaffalaa biyyaafi dhaloota ittifufsiisaa jiranitti arjooma dhiigaa waakkachuun jaalala biyyaa dhabuudha jechuunis ibsa.
Biyya dargaggoonni lubbuusaanii hinwaakkanne keessatti arjooma dhiigaatiif waakkachuun waliif yaaduu dhabuudha kan jedhe dargaggoon kun, dhiiga bakkabu’uun lubbuu bakka bu’iinsa hinqabaanne baraaruun murtee sirrii ta’uu kaaseera. Innis marsaa 4ffaaf dhiiga arjoomuusaatti daran kan gammadu ta’uu ibsuun dargaggoonni kaanis fakkeenyummaasaa kana akka hordofan gorsa.
Obboleeyyan keenya dirree waraanaatti bobba’uun lubbuu bakka bu’insa hinqabne kennaa jiraniif kabaja guddaatu malaaf jedhee, deeggarsaafi aantummaa isaaniif qabnu tola ooltummaa arjooma dhiigaa isa salphaan deeggaruun barbachisaa ta’uu dubbata.
Ittigaafatamummaa dargaggoonni walabummaa biyyasaanii kabachiisuuf qaban olaanaa ta’uullee kaasee, jaalalaafi aantummaa biyyaafi lammii ofiif qaban qabatamaan agarsiisuuf humna qabaniin deeggaruun dirqama jedhan dargaggoon kun.
Anis dirqama lammummaakoo kana bahachuuf aarsaa isa salphaa bakka bu’uu danda’uun lubbuu akka tasaa darbu baraaruu caalaa wanni nagammachiisu tokkollee hinjiru jehuunis ibsa.
Dargaggoonni keenyas ittigaafatamummaa dhalootaa harkasaanii jiru milkeeffachuuf otoo dadhabe, mudhuke hinjedhiin yoomiyyuu caalaa kutannoodhaan tattaafachuu qabu jedha Kaasaahun.
Fakkeenyummaan dargaggoota muraasaan eegalame kun isaan kaan birattis cimee arjoomni dhiigaa ittifufuu qaba jedhee gochichi aarsaafi wareegama oboleeyyan dirree waraanaatti walabummaa biyyaa kabachiisuuf kaffalaniin kan walbira hinqabamneedha jedha.
Kun waan ta’eef dhiiga bakka bu’uun lubbuu bakka bu’insa hinqabne baraaruuf tumsi dargaggootaa shoora olaanaa akka taphatu kan ibse dargaggoon kun dargaggoota magaalaa Finfinnee fedhiin hirmaataniif galanni akka malu kaaseera.
Innis gamasaatiin arjooma dhiigaa taasisfamurratti hirmaannaasaa cimsee kan ittifufu ta’uu ibsee, jalqabbichi kan jajjabeeffamuufi deeggaramuu qabuudha jedha.
Dargaggoonni arjooma dhiigaa qofaaf miti dhimma ijaarsa biyyaa kamuu keessatti waakkii malee hirmaannaa taasisuun lubbuu lammiilee baraaruu walabummaa biyyaa kabachiisuuf warreen darbanirraa barumsa fudhachuun ta’ee argamuu qaba jedha Kaasaahun.
Sababa hanqina dhiigaa mudatuun du’aatiin lammiilee yeroorraa yerootti dabalaa jiru akka furamuuf tajaajilli tola ooltummaa arjooma dhiigaa cimuu akka qabu kan himummoo Dargaggoo Abduu Abbaasaanbiiti. Dargaggoo Abduun jiraataa Kutaa Magalaa Nifaas Silkii yoo ta’u, kanaan duras yeroo sadii dhiiga arjoomuu ibseera.
Alanas waamicha Liigiin Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa qopheesserratti argamuun marsaa 4ffaaf arjoomuu, lubbuu du’uuf jiru du’a oolchuurra kan na gammachiisu hinjiru jedha.
Haadholiin sababa da’umsaatiin dhiigni heddumminaan dhangala’uun walqabatee lubbuu dhabaa jiran tokko lama waan hintaaneef isaaniif wabii kan ta’ummoo dargaggoota jechuun ibsa. Haadholiin lubbuu kennuuf lubbuu dhabaa jiru. Kunis hudhaa biyya keenya qoraa jiruudha. Kana furuuf immoo arjoomni dhiigaa taasifamu ittifufuu qaba jechuun gorsa.
Dargaggoonni haadholiif, abbootiif kanamalees daa’imman gama maraan oolchuuf ittigafatamummaa guddaa qabu. Kun akka milkaa’uufimmoo wareegamaafi aarsaa barbaachisu kaffaluun dirqama jedha Abduun.
Kaan dirree waraanaatti bahee walabummaa biyyaa kabachiisuuf kufa, dhiiga. Haadholiin lubbuu kennuuf lubbuu dhabaa jiru, jaarsoliin hanqina dhiigaafi deeggarsa gara garaa dhabuun eeggattummaafi du’aaf saxilamu. Rakkoolee kanneen furuuf ittigaafatamumman dargaggootarra jiru olaanaadha jedha. Kanaafis dargaggoonni humna qabaniin hirmaannaa barbaachisu taasisuun dhalootaafi biyyasaanii baraaruun qabu jechuunis dubbata.
Akka Dargaggoo Abduun jedhutti dargaggeessi harkisaa dheeraadha. Misooma ittifufaa saffisiisuu, nageenya biyyaaf hiriiruu, dhiiga bakka bu’uun lubbuu bakka bu’insa hinqabne oolchuu waan ta’eef utubaa biyyaatti jechuun ni danda’ama.
Jijjiirama kana fiduuf dargaggoonni kumaatamni kufaniiru. Kaan madaa’aniiru, kaanimmoo hanga har’aallee sirna itti dhiiganii wareegama qaalii kaffaluun galmeessisan ittifufsiisuuf waardiyyaa dhaabbataniiru.
Kanarraa kan ka’e ittigaafatamummaan dargaggootarra jiru olaanaadha. hordoffii, ijaarsaafi deeggarsa barbaada jechuudha. Dargaggoon osoo lubbuusaaf hinwaakkatiin sirna kana fide dhaloota hanqina dhiigaatiin hubamaa jiruuf birmachuun aantummaasaa kabachiisuu qaba jedha Dargaggoo Abduun.
Dargaggoonni hedduun aadaa hojii uummachuurratti hanqina qabu. Dhaabbilee barnoota olaanaarraas eebbifamanii eeggattummaaf saaxilamaa jiru. Kun akka furamuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu taasisuu qaba. Dargaggoonnis barsiifata hojii eeggachuu keessaa bahuu qabu jechuunis gorsa.
“Ani gama kootiin arjooma dhiigaa aarsaa salphaa ta’een lammiikoo lubbuusaa bakka bu’insa hinqabneef arjoomaan jira. Kana malees nageenya naannawaakoo qabatamaan mirkaneessuuf hiriyyootakoo wajjin tajaajila tola ooltummaa kennaan jirra” jedha Abduun.
Humna qabaniin lammii ofiif wabii ta’uun barbaachisaa ta’uullee ibsee, ittigaafatamummaan dargaggootarra jiru daran olaanaa waan ta’eef xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaadha. Dargaggoonnis utubaa biyyaa ta’uusaanii beekanii dallaa hiyyuma diiguuf, biyya ijaaruuf yeroo barbaachisaa ta’ettimmoo biyya ofiif waardiyyaa dhaabachuuf warreen darbanirraa barachuun qabu jedha.
Dargaggoonni akkuma utubaa biyyaa ta’an yoo hordoffiifi deeggarsa hinqabaanne humnoota badiif meeshaa ta’uu danda’u. Kanaafis sababa kan ta’e olola miidiyaa hawaasaati jedhee, ittifaayyadama miidiyaa hawaasaarrattis hojiin hubannoo uumuu osoo kenname dargaggoota ijaaruu keessatti shoora olaanaa taphachuu akka danda’u eera.
Dargaggoon yoo yaadaan, ilaalchaan ga’umsaafi dandeettiidhaan ijaaramaa hindeemne balaadha jedhee toorri xiyyeeffannoo gama kanaan kennamuu malu cimuu akka qabu dhaameera.
Dargaggoo Hasan Sabsibis jiraataa magaalaa Finfinnee kutaa Magaalaa Nifaasilk Laaftoo yoo ta’u, tajaajila tola ooltummaa nageenya kabachisuu taasisuun ala arjooma dhiigaanis hirmaachaa jiraachuu eera.
Kanaan dura marsaawwan lamaaf arjooma dhiigaa taasisuu kan himu dargaggoo kun, marsa 3ffaafis kennuu dubbatee, dhiiga inni arjoomeen lubbuun du’a oole akka jiru kaaseera. Kanatti daran gammmaduus ibseera.
“Dhiigni arjoomame bakka buufama. Lubbuu garuu dhiiga boo’anii bakka buusuun hindanda’amu. Kanaaf falli jiru arjooma dhiigaa taasisuudha. Aarsaa salphaa dhiiga keenyaan lubbuun du’uuf ture du’a ooluun eenyumayyuu kan gammachiisuudha” jedha.
Lubbuun hanqina dhiigaatiin darbu osoo baraarame biyyaaf utubaadha, qabeenya,waardiyyaadha, gaachana. Kana gochuu dhabuu keenyaan waantota hedduu akka dhabnu beeknaa laata? jechuun gaafata Dargaggoo Hasan.
Kanaaf lubbuu bakka bu’insa hinqabne oolchuuf arjooma dhiigaa salphaa ta’e kennuun kan nama galateeffachiisu qofa miti biyya ofiif wabii ta’uu waan ta’eef dargaggoonni dammaqinaan hirmaachuun qabu.
Biyyi dargaggoota qabdu olola miti waraana hamaanuu hin raafamtu hinjilbeeffattu. Kanaaf gatiin dargaggeessaa qaaliidha. Kanaan walqabatee ittigaafatamummaan kennameefis daran ulfaataa yoo ta’u, biyyi akka biyyaatti akka ittifuftuuf bu’uura ta’anii tajaajilu.
Dargaggoonni walabummaa biyyaa kabachiisuuf lubbuusaanii qabsiisanii daangaashee kabachiisaa jiran, kanneen tajaajilawwan gara garaatiin biyya keenya deeggaraa jirrummoo arjooma dhiigaan faana dhaabachuun du’a akka malee walbaraaruuf tumsuun nurraa eegama.
Walumaagalatti akka Finfinneetti sagantaan dargaggoota 1500 hirmaachisuun dhiiga yuuniitii 1500 sassaabuu Doloolloo Biddeenaatti (Addababa’ii Masqalaa) Kibxata darbe arjoomni dhiigaa mataduree, “Dhiiga bakka bu’uun lubbuu bakka bu’insa hinqabne haa baraarru” jedhuun adeemsifameera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
8 Comments to “ “Yeroo kaan lubbuu kennu ani dhiiga kennuun daran salphaadha” -Dargaggoota dhiiga arjooman”
Comments are closed.