Biyya dinagdee haqaqabeessi hinjirre keessatti guddinni barbaadamuufi fayyadamummaan lammilee qixa ta’e dhufuu hindanda’u. Akka biyyaatti qofa osoo hintaane akkuma addunyaattuu dinagdee haqaqabeessi dhibuusaatiin biyyoota Lixaafi Bahaa gidduutti addaddummaa olaanaan uumamee ture.
Kana malees fedhiifi dhiheessiin walsimuu dhabuunsaa qaala’inni jireenyaa akka mudatuufi haqaqabeessummaan dinagdee akka hinjiraanne taasisuudha hayyoonni damichaa kan dubbatan. Kanaaf ammoo dhiheessiirratti xiyyeeffannoo olaanaa kennanii hojjechuun murteessaa ta’uus ni gorsu.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa torban darbe guyyaa Waldaalee hojii gamtaa mata duree “Hojii Gamtaa Guddina Waara’aaf” jedhuun yeroo 5ffaaf Adaamaatti sagantaalee garagaraatiin kabajeera. Sirnicharrattis hundeessaan baankichaafi Abbaa Waldaa Hojii Gamtaa jedhamuun kan beekaman Obbo Hayilee Gabree barreeffama marii “Fuulduree dinagdee Itoophiyaafi gahee waldaalee hojii gamtaa” jedhu dhiheessaniiru.
Akka isaan jedhanitti, wayita ammaa dinagdeen Itoophiyaa waggaa 90 dura dinagdee addunyaatti hidhame. Falaasamawwan siyaasaa addunyaa dhufaa darban keessattis qooda olaanaa kan qabu ture. Humnoota ciccimoofi ulfaatoo biyyoota Ardii Afrikaa miidhanillee waldaadhaan ta’uun wajjin hojjetaa ture. Sararri filannoo tures dorgomaa ta’uu waan tureef haala kanaan addunyaa waliin dorgommii keessa seenaa ture. Kana keessatti ammoo gaheen waldaalee hojii gamtaa olaanaa ture.
Waldaaleen hojii gamtaa amma jiranis cimanii dhaabachuufi dinagdee addunyaa wajjin dorgomuuf hunda dura beekumsaan ijaaramuu akka qaban eeranii, kunimmoo hundeeffama dura qorannoorraa kaasee irratti hojjetamuu akka qabu himu. Akkasumas karoora irra deddeebi’ame osoo hintaane kan alattillee hojjechiisuu danda’u ta’uu akka qabu eeru.
Kana malees omishtummaa dabaluun murteessaa ta’uusaatiin caasaa waldaalee hojii gamtaa guyyaatti sa’aatii muraasa hojjetu osoo hintaane kan sa’aatii 14:00 ol hojjetu uumuu baannaan addunyaa waliin dorgomuun rakkisaa ta’uu kaasu. Kanaaf karoorri waldaaleen baafatan kana ilaalcha keessa galchuu qaba.
“Inni biraan guddina ittifufiinsa qabu fiduun waldaaleerraa waan eegamuudha. Kunis dhaadannoo qofa otoo hintaane ta’e gochatti hiikamuu qaba. Itoophiyaan biyyoota addunyaa waliin dorgomuu yoo barbaadde guddina dingadee amma jiru waggoota 20n dhufaniif %12-15 oliin guddisuu qabdi. Waldaaleen hojii gamtaa ammoo imala kana keessa kutannoon seenuu qabu. Omishawwan harkasaaniirraa qaban kan gurguramuufi kan geeddaramu taasisuun irra jiraata” jedhu.
Akka ibsa Obbo Hayileetti, bara kana akka abbootii duraanii sangaadhaan qotanii dhiheessuudhaan fedhiin omishaa guutuun waan hindanda’aamneef akkamiin tiraaktaroota kumaatamaan lakkaa’aman alaa galchinee omishaafi omishtummaa keenya daballa kan jedhurratti hojjetamuu qaba. Akkasumas dhaabbata faayinaansii cimaa keessoofi alaa qabaachuun yoo danda’an waldaaleen dinagdee addunyaa waliin dorgomuu danda’u.
Baankii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaatti, Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti, Daarektarri Kutaa Tajaajila Qonnaa Obbo Guutamaa Dibaabaa gamasaanii akka jedhanitti, kaayyoon kabaja Ayyaana Guyyaa Waldaalee Hojii Gamtaa, gumaacha waldaaleen hojii gamtaa guddina hawaas dinagdee biyyaa keessatti qaban hubachiisuufi walta’iinsa sochii waldaalee hojii gamtaa cimsuudha.
Guyyichi barana yeroo dinagdee addunyaa akkasumas kan biyyaa qormaatawwan adda addaatiin qoramaa jiru kanatti kabajamuun adda akka taasisu eeranii, waldaaleen hojii gamtaa qormaata akkanaa keessaa ba’uuf akkasumas, guddina ittifufinsa qabu mirkaneessuu keessatti gaheesaanii olaanaa ta’uu himu.
Rakkoowwan qaqqabiinsa faayinaansii qonnaan bultoonni waldaalee hojii gamtaa qaban hiikuudhaan humna dinagdee hawaasa baadiyyaa utubuu manii godhatee kan hundaa’e baankichis waggoota 19n darban keessatti qonnaan bultoota waldaalee hojii gamtaan gurmaa’anii, yuuniyeniin ijaaramaniif, tajaajila faayinaansii dinagdee qonnaan bulaa wabummaa liqiirraa bilisaa kennuu, walitti hidhamiinsa omishaafi gabaa uumuun, darbees omishasaaniitti sona dabaluun galii maluuf akka argatan, daldalasaanii babal’ifatanii akka sadarkaa idiladdunyaattis daldaluu danda’an maallaqaan utubuu, gorsa ogummaatiin deggaruun, sochii hedduu taasisee milkaa’uu addeessu.
Akka isaan jedhanitti, baankichi ALA bara bajataa 2022/23tti tajaajila gorsaa waldaalee qonnaan bultootaaf kennu daran cimsuuf ogeessota saayinsii qonnaa baratan mindeessuun leenjiiwwan dabalataatiin ga’oomsuun gara tajaajila kennuutti akka seenan taasiseera.
Kanamalees, qaqqabummaa tajaajilasaa babal’isuuf sochii taasisaa jiruun dameewwan 738 qabu keessaa dhibbantaa 80 ol Finfnneen ala yoo ta’u, keessattuu baadiyyaa bakka bu’uuraaleen misoomaa tajaajila baankiif barbaachisu hinjirretti, tajaajila baankii magariisummaa leellisu, humna anniisaa haaromfamaa fayyadamuun qe’ee qonnaan bulaatti dameelee Iikoo 50 banuun gama tokkoon aantummaa hawaasaaf qabu mirkaneessee dhaabbilee daldalaa biroofillee fakkeenya gaarii ta’eera.
Baankichi humna dinagdee hawaasa baadiyyaa cimsuufi utubuuf hojmaata liqaafi qusannoo waldaalee hojii gamtaa ammayyeessuuf mosaajii (software) ‘SACCO- Link’ jedhamu hojiitti galchuudhaan waldaalee Hojii Gamtaa Liqaafi Qusannoo 15 ol ta’an fayyadamoo taasisuun danda’amuu kaasu. Humnaafi dandeettii qonnaan bultootaa waldaalee hojii gamtaa cimsuuf waggoota afran darbanitti waldaalee kuma tokkoofi 193, qonnaan bultoota kuma 12 oliif qarshii miliyoona 32 oliin leenjii hojmaata bizinasiisaanii fooyyessuu dandeessisu kennuu ibsu.
Waldaaleen hojii gamtaa kunneen tajaajilawwan hawaas dinagdee akka dhiyeessaniifi raabsa guddiftuu callaa, dhiyeessa meeshaalee tajaajilaa guyyuu hawaasni ittifayyadamaa jiruufi gabaa tasgabbeessuu keessatti gumaacha olaanaa qabanii, hojiwwan sona dabaluu, rakkoo dhiyeessii faayinaansii furuu, aadaa qusannoo hawasaa guddisuu, hojiiwwan alergiirratti hirmaachuun sharafa alaa argamsiisuudhaan misooma biyyaa keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Obbo Guutamaan ni ibsu.
Baankiin Hojii Gamtaa kabaja guyyichaatiin ala yaa’ii waliigalaa idileesaa 19ffaa adeemsifateera. Yaa’icharratti gabaasa waggaa kan dhiheessan walittiqabaan boordii baankichaa Fiqiruu Deeksisaa (PhD) akka jedhanitti, indastirii baankii Itoophiyaa keessaa adda duree kan ta’e Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, ALA bara bajataa 2022/23tti guddina hundagaleessa galmeessiseen dorgomtummaasaa daran cimsee ittifufeera.
Baankichi bara bajataa kanatti olkaawwannaansaa, dhibbantaa 20.13n guddachuudhaan qarshii biliyoona 116.25 ol gahuufi baruma bajataa kanatti sektaroota dinagdee garagaraatiif qarshii biliyoona 31 liqiidhaan kennuu himanii, waliigalatti liqiin baankichaan kennamee ala jiru qarshii biliyoona 101.91 gahuu eeru. Akkasumas gibira dura bu’aa qarshii biliyoona 3.39 kan argate yoo ta’u, kunis kan bara darbee yeroo walfakkaaturraa caalmaa dhibbantaa 19.4 akka qabu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, tajaajilawwan fedhii hawaasaa bu’uureffateefi qaqqabamaa ta’e dhiyeessuun bara bajataa kanatti dabalataan maamiloota miliyoona 2.24 horachuun baay’inni maamilaa baankichaa xumura bara bajataa kanatti miliyoona 11.2 gahuun baay’ina maamilaatiin baankiiwwan dhuunfaa keessaa adda durummaasaa cimsee ittifufeera.
“Kaappitaala aksiyoonaa dabalataa qarshii biliyoona 2.28 walitti qabachuun xumura bara bajataa kanatti kaappitaalli baankichaa waliigalaan qarshii biliyoona 10.02 gaheera. Qaqqababummaa maamilaa ilaalchisuun dameewwan baankichaa xumura bara bajataa kanatti 738 kan gahe yoo ta’u, gama dijitaalawaatiinis qaqqababummaasaa daran babal’isuun lakkoofsi waliigalaa herreega moobaayilaa hojiirra jiru miliyoona 4.8 qaqqabeera. Sochiin maallaqaa tooftaa dijitaalawaan taasifame, sochii maallaqaa waliigalaa baankichaa keessaa dhibbantaa 63.1 qabata” jedhu.
ALA hanga Waxabajjii 30, bara 2023tti qabeenyi waliigalaa baankichaa, qarshii biliyoona 140.3 ol qaqqabuu himanii, barattis tajaajilawwan fedhii maamilaa guutanii furtuu ta’an yeroo yerootti hawaasaaf dhiyeessuun, tajaajila faayinaansii kennamu qaqqabamaafi bu’aaqabeessa taasisuuf sochii gama teknolojii baankii kalaquu akkasumas, qaqqababummaa faayinaansii mirkaneessuurratti hojjechaa jirutti milkaa’ina guddaa gonfachuu kaasu.
Kanamalees humna dinagdee hawaasa baadiyyaa utubuuf sochii gama tajaajila faayinaansii kennaa jiru cinaatti, ogeeyyii ogummaa qonnaa qaban mindeessuun, deggersa ogummaa dhiheenyatti kennaa jiru daran cimsee kan ittifufu ta’uu himu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016
3 Comments to “ “Waldaaleen hojii gamtaa egeree dinagdee biyyattii keessatti shoora olaanaa qabu” -Obbo Hayilee Gabree”
Comments are closed.