“Bishooftuun magaalaa waa maraan carroomtedha”  – Obbo Alamaayyoo Asaffaa

Bishooftuu: Bishooftuu magaalaa waa maraan carroomte ta’uu kantiibaan magaalatti Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan.

Obbo Alamaayyoon guyyaa kabaja Humna Qilleensa Itoophiyaarratti argamuu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, magaalaa Bishooftuu bakkeewwan hawwata tuuriizimii hedduu qabaachuun cinatti Finfinneerraa fageenya gabaabaarratti argamuunshee daawwattoota keessaafi biyya alaaf filatamtuu taateetti.

Xiyyeeffannaa mootummaan kenneen bu’uuraaleen misoomaa hedduunis hojiitti jiru. Haalli qilleensa mijataa uumamaan qabdurraa kan ka’e hojjetanii duroomuufis ta’e bakka jireenyaaf daran mijooftuudha.

Akka isaan jedhanitti, Bishooftuun magaala jiddu gala aadaa, dinagdeefi tuuriizimiiti. Mallattoo birmadummaa biyyattii kan ta’e buufatni Humna Qilleensaa magaalaa kanatti argamuunsaa kabajaafi miidhagina magaalattiiti. Kabaja guyyaa Humna Qilleensa Itoophiyaa sababeeffachuun keessummootni biyya alaarraa dhufan gama tokkoon madda galii magaalatti gama birootiin ammoo maqaa gaarii biyyattii biyyootatti beeksisuuf shoora olaanaa taphata.

Ayyaana guddaa saba Oromoo kan ta’e ayyaanni Irreechaa ummata golee addunyaa arfanuurraa walitti dhufuun magaalattii keessatti kabajamuunsaa miidhagina addaa uumuun cinatti sochii dinagdee magaalattiis ta’ee kan biyyaa daran dammaqsa kan jedhan Obbo Alamaayyoon; kanaan walqabatee sochiin investimantii jirus haala gaariirra jiraachuu dubbataniiru.

Agarsiisni balalii xayyaaraa Afrikaa kun waggaa waggaan magaalaa kanatti taasifamuun Bishooftuu bira darbee biyyattiifuu duuniyaa waa maraati jedhanii; Humni Qilleensa Itoophiyaa kufaatii hamaa dandamatee har’a maqaa gaarii horatee biyyoota addunyaa keessummeessuu ga’uunsaa akka kantiibaa magaalaattis akka lammii biyyattiittis kan isaan gammachiise ta’uu ibsaniiru.

Misooma biyya tokkoo dubbachuun dura dhimmi nageenyaa dhimma angafa ta’uu dubbatanii; nageenya biyyaa aggaammii diinotaarraa qolachuun Humni Qilleensaafi teknoolojii yeroon gaafatu qabaachuun dhimmoota murteessoo ta’uus ibsaniiru. Humni Qilleensa Itoophiyaas xayyaara waraanaa ammayyaa’oo qofa osoo hintaane meeshaalee teknoolojii barbaachisoofi humna nama barateen sadarkaa amansiisaarra jiraachuun waan arganiifi dhaga’anirraa hubachuu himaniiru.

Balaliin Qilleensaa samii Bishooftuurratti taasifame sun kabajaafi miidhagina magaalattii ta’uu yaadachiisanii; magaalaa xiqqoo kana keessatti biyyi guddoon Itoophiyaa jedhamtu addunyaatti mul’achuu dubbataniiru.

Agarsiisni balalii xayyaaraa sunis dhiigaafis diinaafis sadarkaa Humni Qilleensa biyyattii irra ga’e ibsuun dabalata diinota Itoophiyaa tuquuf abbalaniif addatti ergaa guddaa ta’uu hubachiisaniiru.

BARIISAA SANBATAA Mudde 13 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ “Bishooftuun magaalaa waa maraan carroomtedha”  – Obbo Alamaayyoo Asaffaa”

  1. Pingback: w69

Comments are closed.