Indastiriin konistiraakshinii Itoophiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’iinsa agarsiisaa ALA bara 2024-2027tti waggaatti guddina dhibbantaa saddeet akka agarsiisu qorannoon raga damichaarratti jiru ni mul’isa. Hojii waggoota darban hojjetamaniinis bu’aa jajjabeessaan galmaa’eera. Ijaarsawwan bu’uuraalee misoomaa baay’inaan raawwataman guddina invastimantii biyyaatiifillee gahee olaanaa gumaachaniiru.
Akka Oromiyaattis zooniiwwan indastirii, manneen qusannaa, daandii, bishaan, jallisii, buufata xiyyaaraafi gamoowwan gurguddoo ijaaruun guddina damichaa saffisiisaa jira. Ta’us ijaarsawwan biyyattiitti raawwataman keessaa %80 ol kan ta’an bajataafi yeroo jedhametti xumuramuu dhabuusaanii akkasumas, muuxannoon ogeessoota damichaa hanga barbaadame akka hintaane qorannoowwan nimul’isu.
Sababoota harkifannaa pirojektotaa keessaas ga’umsa kontiraaktarootaa, deggarsa bajataa sirrii, hordoffiin karooraafi raawwii laafaa ta’uu, sadarkaa ijaarsarratti fooyya’insi dizaayiniifi jijjiiramoonni yaadiddamaa jiraachuu dhabuu, qaala’ina gatii meeshaalee ijaarsaa, karoorri qindoominaa dhibuu, naamusaafi hojmaata badaa akka fakkeenyaatti kaasuun nidanda’ama.
Rakkoo kana kan hubate Mootummaan Naannoo Oromiyaas damichaaf xiyyeeffannaan akka kennamu kallattii kaa’uun hojjetaa jira. Sektarri dhimmichi kallattiin ilaallatu Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaas hojiilee hedduu hojjetaa jira.
Keessumaa ogeessonni damichaa akka muuxannoo waljijjiiraniif, walitti hidhamiinsa hojii akka uummataniif akkasumas, kalaqawwan teknolojii haaraa konistiraakshiniif galtee ta’an akka itti dhihaataniif Waldaa Konistiraakshinii Oromiyaa waliin ta’uun fooramii hundeesseera; fooramiin jalqabaas torban har’aa Finfinnee, Hoteela Iskaayilaayititti adeemsifameera.
Sirnicharratti haasaa kan taasisan Daarektarri Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa Injinar Naatinaa’el Geetaahun akka jedhanitti, fooramiin yeroo jalqabaatiif adeemsifame kun waggaa waggaan kan adeemsifamu yoo ta’u, kaayyoowwan eeraman cinaatti, hudhaaleen damee konistiraakshinii keessa jiran adda baasuun kallattii fuulduraa kaa’uuf akkasumas, kallattii ijoo mootummaa taasisuun damichi bilchina olaanaan akka gaggeeffamu taasisuufi.
Biyyattiin qabeenyawwan uumamaatiin kan badhaate taatullee, abbootiin qabeenyaa rakkoo kana furuun galteewwan konistiraakshinii biyyuma keessatti akka omishaman taasisaa akka hinjirre kaasanii, keessumaa yeroo ammaa Itoophiyaan biyyoota magaalotasaanii babal’isaa jiran keessaa tokko ta’uunshee rakkinicha hammeessuu himu.
Fedhiin mana jireenyaafi bu’uuraalee misoomaas guyyuu dabalaa buluun, mootummaan caalaatti damee kanaaf xiyyeeffannaa akka kennuuf kan dirqamsisu ta’uu kan himan daarektarichi, baay’ina ummata magaalaa yeroo gara yerootti dabaluuf carraa hojii uumuufi gaaffii bu’uuraalee misoomaa deebisuun yoomiyyuu caalaa dhimma xiyyeeffannaa barbaadu ta’uu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, hojii mootummaan wayita ammaa babal’ina bu’uuraalee misoomaarratti hojjetaa jiru dameen konistiraakshinii dinagdee biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiistuudha. Kanarraa ka’uun damee kana ammayyeessuuf imaammatawwan qopheessuufi fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jira. Keessumaa dameen teknolojii misooma dinagdee biyyattii akka deggaruuf xiyyeeffannaa addaa kenneeraaf.
“Ta’us indastiriin konistiraakshinii biyyattii kaappitaala gahaa qabaachuu dhabuun, dhiheessiifi fayyadamni galteewwanii gadaanaa ta’uun, hanqinoonni teknikii, kalaqaa, hoggansaafi faayinaansii gadaanaa ta’uun, hanqinoota hirmaannaafi muuxannoo damichi haala barbaadameen akka hinguddanneef danqaa ta’eera” jedhu.
Rakkooleen eeraman kunneeniifi kanneen biroo garuu tattaaffii mootummaan taasisuun qofa hiikkachuu kan hindandeenye ta’uu kan himan Injinar Naatinaa’el, waltajjii abbootiin gahee irratti walarganii yaada waljijjiiran qopheessuun barbaachisaa ta’uusaatiin fooramii kun hundaa’uu dubbatu. Abbootiin gahees hanqinoota jiran ifatti baasuun fooyya’iinsa damichaatiif hojjechuu akka qaban dhaamu.
Daarektarri Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Itoophiyaa Injiinar, Masfin Nagawoo gamasaaniin, fooramiin akkanaa rakkooleefi carraawwan jiran irratti dubbachuun kallattii gara fuulduraa waliin kaa’uuf akka fayyadu himanii, konistiraakshinii qulqullina qabuufi haala jijjiirama qilleensaa darbees haaloota idil addunyaa ce’uun dhalootatti darbuu danda’u ijaaruuf qaamni hundi ga’ee irraa eegamu ba’achuu akka qabu himu.
Kana malees konistiraakshiniin haala siyaas dinagdee biyyaa wajjiin deemu jiraachuun dirqama ta’uu ibsanii, keessumaa hanqina galteewwanii damee kanarratti mul’atuu furuun barbaachisaa ta’uusaatiin yeroo yerootti marii adeemsisuuniifi ifatti dubbachuun barbaachisaa ta’uu kaasu.
Dabalataanis damee kana teknolojiifi humna nama barateen deggaruun barbaachisaa waan ta’eef waltajjii waliinii qopheessuun murteessaadha jedhu. Kanaaf qooda fudhattoonni damichaa hudhaaleen konistiraakshinii hiikamanii fedhiin ijaarsaa biyyattii guutuuf xiyyeeffanaan akka hojjetaniif waamicha dhiheessu.
Inistitiyuutii Manaajimantii Konistiraakshinii Itoophiyaatti ogeessi ijaarsaa Injinar Fallaqaa Asaffaa barreeffama marii waltajjicharratti dhiheessaniin akka jedhanitti, dameen konistiraakshinii rakkoolee qabu keessaa ba’ee sadarkaa barbaadamurra akka ga’uuf maanaajimantiin odeeffannoo fooyya’aa (Better Information Management- BIM) barbaachisaadha.
Kanarraa ka’uun inistitiyuutiinsaanii pirojektota biyyattiitti hojjetaman yeroo, qulqullinaafi gatii maluufiin hojjetamanii akka xumuramaniif mootummaan itti amanee erga hundeessee kaasee dhaabbata hojjetaa jiruu ta’uu himanii, dameen konistiraakshinii sadarkaa barbaadameerra akka hingeenyeef hudhaa olaanaa kan itti ta’e odeeffannoon dhaabbataa ta’ee jiraachuu dhabuusaa ta’uu hubachuunis irratti hojjetaa jiraachuu himu.
Qaamni pilaanii taasisu, dizaayinii hojjetuufi hojii konistiraakshinii hojjetu yeroo waliif kennee irratti mari’atee hubannoo waliiniitiin hojjechuu dhabuun ijaarsa diiziyaaniinsaa wal hindubbisne hojjechuuf saaxilaa jiraachuu ibsanii, sababa odeeffannoo guutuu jiru keessaa hanqisaa deemamuuf ammoo sadarkaafi qulqullinni ijaarsaa gadi bu’aa deemaa jiraachuufi qabeenyi, humniifi yeroon qisaasamaa jiraachuu dubbatu.
Kana fooyyessuuf ‘BIM’ akka biyyaatti qabaachuun murteessaa ta’uufi teknolojii kana fiduun odeeffannoo bakkaa bakkatti caccabe walfakkaataa taasisuuf akka fayyadu eeranii, karoorarraa eegalee hanga hojii ijaarsaatti haala walfakkaataan yaaduufi hojjechuuf kan dandeesisu ta’uu himu. Kana jechuun ogeessonni ykn abbootiin gahee addaddaa yoo hojjetanillee haala walfakkaatuun dubbisanii hubachuuf kan isaan dandeesisu ta’uu addeessu.
“Akka qorannoon damee konistiraakshinii biyyooleessaa agarsiisanitti pirojeektiwwan kaappitaalaa ijaaraman keessaa %85 kan ta’aan haala karoorfameen hinhojjetaman. Akkasumas %93 yeroo jedhameefitti hinxumuraman. Gama baasiitiinis waggaatti doolaara miliyoona 280 qisaasamaa jira. Rakkoon kun akka biyya keenyaattis gatii olaanaa dhimma nu kanfalchiisaa jirudha. Keessumaa pilaatfoormiin hojii walfakkaataa hojjechuuf nu dandeesisu diriiree waan hinjirreef rakkinicha hammaataa taasisa” jedhu.
Akka ibsasaaniitti inistitiyuutiin kun ALA bara 2016 Baankii Addunyaa waliin ta’uun, haala raawwiin pirojektoota meegaa 52 (bishaan, daandii, ibsaafi kkf) qorachuun baasiin %36n caalmaa agarsiisaa jiraachuu mirkaneesseera. Kanaaf indastiriin konistiraakshinii biyyattii jijjiiramaafi fooyyeessawwan hedduu kan barbaadudha.
Rakkoo kana hiikuuf hojiileen konistiraakshinii karooraa hanga raawwiitti walhindubbisne dijitaalawaa taasisuu akka barbaachisu kaasanii, isa kanaaf ammoo maanajimantii odeeffannoo fooyya’aa ‘BMI’ hojiirra oolchuun kan gaafatu ta’uu kaasu.
Sirnichi yommuu hojiirra oolu ogeessoonni sadarkaa sadarkaarra jiran hundi ittigaafatamasaanii qixa sirriin akka ba’an waan taasisuuf hojiin konistiraakshinii yeroo, baasiifi humna namaa qusatee qulqullinasaa eeggatee akka raawwatu akka fayyadus ni eeru.
Sirnichi qaama konistiraakshiniirratti hirmaatuuf qofa osoo hintaane isa ijaarsawwan garagaraa ijaarsifatuufis odeeffannoo ifa ta’e kennuun, yoom, qarshii hammamiin, humna namaa hammamiin, diizayinii kamiin yoo hojjetame gaarii ta’a isa jedhu odeeffannoo kan kennuufidha jedhu. Yoo itti gammaduullee baatanii jalqabarraa kaasee waan ilaalaniif sirreessisuuf carraa kan uumuu ta’uunsaas filatamaa akka taasisu himu.
Hirmaattootni fooramichaas yaada kennaniin waltajjiin akkanaa qophaa’uunsaa keessumaa rakkoo qulqullinaa, dafanii xumuruu, baasii garmaleef saaxilamuufi kkf damee konistiraakshiniirratti mudataniif furmaata waloo barbaaduuf carraa bal’aa waan uumaniif ittifufiinsa qabaachuu akka qabu kaasu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
7 Comments to “Maanaajimantii Odeeffannoo Fooyya’aa: Konistiraakshinii fooyya’aaf”
Comments are closed.