Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti bara bajataa 2016tti buna kuntaala miliyoona 11.5 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi omishaafi omishtummaa bunaaf potenshaala guddaa qaba. Godinaalee 21 naannichaa keessaa 18tti bunni ni omishama. Akkuma biyyaattuu galii bunarraa argamuunis ta’e baay’ina buna omishamuutiin naannichi dhibbantaa 70 gumaachaa jira.
Naannichatti lafa heektaara miliyoona 2.8irratti bunni misoomaa jira. Kana keessaa heektaara 1.4rra kan jiru bara bajataa kanatti omisha ni kenna jedhamee eegama. Barana hanga gabaasni kun qindaa’etti buna kuntaala miliyoona 2.1 walitti qabeera jedhan.
Inisheetivoota qonnaa hojiirra oolaa jiran keessaa inisheetiviin bunaa isa ijoodha kan jedhan Obbo Mahaammadsaaniin, inisheetiviichis omishtummaa bunaa dabaluuf, buna qulqullina qabu omishuufi omishtoota fayyadamoo taasisuurratti kan xiyyeeffatu ta’uu eeraniiru.
Bara 2011rraa eegalee hanga bardheengaddaatti buna dulloomaa sanyiin bunaa haaraan %35 lafa heektaara kuma 400rratti bakka buufamuu ibsanii, gama hojii lafa haaraarratti misooma bunaa babal’isuutiinis waggoota afran darbanitti lafa haaraa hektaara kuma 800rratti adeemsifamuu ibsaniiru.
Omishtummaan bunaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa jira kan jedhan Obbo Mahaammadsaaniin bara 2011 waliigalatti buna kuntaala miliyoona 6.5 qofatu omishame, bara 2015immoo buna kuntaala miliyoona 10.4, bara 2016 kuntaala miliyoona 11.5tu argama jedhamee eegama jedhan. Bara 2011 giddugaleessaan hektaara tokkorraa kuntaala jaha omishuurraa bara 2015 immoo gara kuntaala saddeetitti olguddisuun danda’amuus eeraniiru.
Mootummaan jijjiirramaa fayyadamummaa qonnaan bultoota buna omishaniitiif xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuus ibsanii, networkii hattootaa sirna gabaa omishichaa keessa jiru kukkutuuf hojii hojjetameen fayyadamummaan omishtootaa gara dhibbantaa 400tti guddachuu dubbataniiru. Ta’us ammallee qonnaan bulaan hamma dadhabbiisaa argachaa akka hinjirre dubbataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
3 Comments to “Oromiyaatti buna kuntaala miliyoona 11.5 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira”
Comments are closed.