Federaalizimiin sabdaneessaa garaagarummaa keessatti tokkummaa mirkaneessaa jira

Finfinnee: Federaalizimiin sabdaneessaa sabdaneessummaa bu’uura godhachuun garaagarummaa keessatti tokkummaa mirkaneessaa jiraachuu hayyooti ibsan. Sirna federaalizimii sabadaneessaa cimsuuf mariifi dimokraasiin murteessaadha jedhame.

Hayyuun seeraafi bulchiinsaa Obbo Aroon Daagool ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, federaalizimiin sabdaneessaa sabdaneessummaa bu’uura godhachuun garaagarummaa keessatti tokkummaa mirkaneessaa jira. Tokkumma mirkaneessuuf ammoo heera mootummaa keewwata 47 lakkoofsa 3 Saboota, Sablammootaafi Ummattoonni mirga hiree ofiin murteeffachuu akka qaban tumameera. Kanaafis sirni federaalizimii sabdaneessaa filannoo ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, jijjiiramaan booda garaagarummaa keessatti tokkummaa cimsuun cimee ittifufeera. Bu’aa hanga ammaatti argameefis naannoleen Itoophiyaa Giddugaleessaa, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaafi Itoophiyaa Kibba Lixaa hundaa’an agarsiistuudha.

Mootummaa caasaa, ijaarsaafi adeemsasaa akka jijjiiramuuf sababa ta’uus yaadachiisanii; Mana Mare Bakka Bu’oota Ummataafi waltajjiilee biyyaalessaa biroo dabalatee Itoophiyummaan laafee ture deebi’ee kabaja akka argatu ta’ee jira jedhan.

Dhimma Mootummaa Naannoo Sumaalee gidduuseenuufi Naannoo Tigraayi Komishinii Filannoo hundeessuufi nageenya kabachisuuf karaan Mootummaan Federaalaa ittideeme qormaata sirna federaalizimii mudatee ture ta’us sirna federaalizimii sabdaneessummaa bu’uura godhachuun garaagarummaa keessatti tokkummaan akka dhugoomu kan taasiseedha jedhaniiru.

Kanaaf, dhimmoota adda taasisanirratti adda addummaa jiru qabachuun, dhimmoota tokko taasisanirratti tokkoomuun aadaa, amantaa, seenaafi eenyummaa sabdaneessummaa Itoophiyummaa qabachuun garafuulduraatti deemuun barbaachisaa ta’uus ibaniiru.

Yunivarsitii Haromaayaarraa hayyuun saayinsii hawaasummaa Doktar Guutamaa Immaanaa gamasaaniin sirni federaalizimii sabdaneessaa biyyoota aadaa, seenaa, amantaa, teessuma lafaafi fedha siyaasaa adda addaa qaban keessatti barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Biyyoota adda addaummaa akkasii qaban keessatti sirna federaalizimii sabdaneessaa cimsuun walqixxummaafi tokkummaa biyyaa mirkaneessuuf seenessa dogoggoraa sabootaa, sablammootaafi ummattoota gidduu ture mariifi dimokraasii dhugoomsuun barbaachisaadha jedhan.

Akka ibsasaaniitti, yeroo seenessi dogoggoraa fedhii garee tokkoo bakka qabachaa deemu dimokraasiin badaa deema. Dimokraasiin mirgaafi dirqamasaa beekuun aadaa, seenaa, amantaafi fedhii siyaasaa warra kaanii kabajuun hunda qixxeetti keessummeessuun sirni federaalizimii sabdaneessaa biyya tokkoo akka cimu taasisa.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “Federaalizimiin sabdaneessaa garaagarummaa keessatti tokkummaa mirkaneessaa jira”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: ks quik 2000
  3. Pingback: Naga Games

Comments are closed.