Finfinnee: Oromiyaan dachee uumamni faayee taatee uumamaa daawwataman hedduu qabuudha. Naannichi qabeenya waa maraanis ta’e argama lafaatiin giddugaleessa biyyaa ta’uun beekama.
Sababa bu’uuraaleen misoomaa haala barbaadameen misoomee hinjirreef qabeenya uumamaa naannichi qabu hawwata tuuristiif oolchuun bu’aan barbaadamu argamuu baatus ammaan tana xiyyeeffannaa mootummaan naannichaa kenneen bu’aa abdachiisaan argamuu eegaleera.
Dhimmuma kana ilaalchisee Komishinarri Ittaanaan Komishinii Turiizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo turtii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, naannichatti bakkeewwan uumamaafi namtolche hawwata turiizimii ta’an hedduu ifoomaa jiru. Aadaan daawwannaa biyya keessaas guddachaa dhufuun galiin argamus daran dabalaa jira.
Yaa’iinsa daawwattootaa naannichatti dabalaa jiruun kurmaana tokkoffaa qofatti qarshiin biliyoona sagal walittiqabamuu ibsanii; ji’oota hafanittis hanga galii argamuu caalaatti dabaluuf komishinichi xiyyeeffannaa addaattiin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bakkeewwan hawwata turiizimii haaraan misoomaa jiran wayita xumuramanii hojii eegalan galii guddaa maddisiisuun akka danda’amus himanii; komiin kana dura bu’uuraalee misoomaatiin walqabatee tures hanga tokko fooyya’uu himaniiru. Hanqina gama kanaan jiru hundeerraa furuuf ammayyuu tumsa qaamolee hundaa kan fedhudhas jedhan.
Turiizimiin invastimantiif ka’umsa kan jedhan Komishinar Naggaan; biyya kamittuu namni tokko erga bakka tokko daawwachuuf deemee booda yaadni bakka sana misoomsuu kan dhufuuf ta’uu dubbataniiru. Abbootiin qabeenyaa hedduunis haala kanaan misoomarratti akka hirmaatan ibsaniiru.
Komishinichi carraa kanatti fayyadamuuf fuula miidiyaa hawaasasaarratti mataduree, ‘invest in Oromiyaa’ yookiin Oromiyaa haa misoomsinu jedhuun abbootii qabeenyaatiif waamicha gochaa jiraachuu eeraniiru.
Biyyoota heddutti waantonni hedduun daawwannaa turiizimiif akka oolan himanii; Oromiyaattis qabeenya uumamaa dabalatee qonnaafi paarkiiwwan industirii babal’achaa jiran akka hawwata turiizimiitti kan tajaajilan ta’uu dubbataniiru. Haaluma kanaan qonniifi warshaan wayinii Kaastel Baatuutti argamu bakka hawwata turiizimii taasisuuf hojjetamaa jira jedhan.
Waliigalaan Itoophiyaan biyyoota addunyaa turiistoota hawwachuun filatamoo ta’an kurnan keessaa Taanzaaniyaafaayyuu caaltee sadarkaa torbaffaarratti argamuushee Dhaabbatni Turiizimii Addunyaa tibbana ifoomsuu Komishinar Naggaan ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
6 Comments to “ Oromiyaan damee turiizimiitiin sochii gaarii agarsiisaa jira”
Comments are closed.