Finfinnee: Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Oromiyaatti qormaatni kutaa 8ffaa baranaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatti barsiisota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaatiin kan kennamu ta’uu Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa ibsan.
Obbo Efreem dhiyeessii galtee barnootaafi sosochii qulqullina barnootaarratti biirichi taasisaa jiru ilaalchisuun Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, qormaatni kutaa 6ffaafi 8ffaa sirna barnoota haaraan yeroo jalqabaatiif sadarkaa naannootti barana ni kennama. Hanna qormaataa hambisuuf akkuma qormaatni kutaa 12ffaa yuunivarsitiiwwan adda addaatti kenname qormaatni kutaa 8ffaas barsiisota sadarkaa 2ffaatiin manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessatti waan kennamuuf gamanumaan cimanii qo’achuun barbaachisaadha.
Rakkoo gad bu’iinsa qabxii qormaataafi qulqullina barnootaa haasaa qofaan osoo hintaane hojii qabatamaan keessaa ba’uuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaan hojjetaa jira jedhanii; maatiifi hawaasni barnootaaf barattoota qopheessuurratti qoodasaanii ba’uu akka qaban dhaamaniiru. Barataan tokko gara kutaa ittaanutti ce’uuf dhibbantaa 50fi isaa ol fiduun dirqama ta’uus ibsaniiru.
Raabsa kitaabilee barnootaa ilaalchisees Obbo Efreem akka jedhanitti, kitaabileen barnoota sirna barnoorta haaraa sadarkaa 2ffaa naannichaaf ramadaman miliyoona 7.1 keessaa miliyoonni 5.08 biiricha dhaqqabuun hanga Sadaasa 28tti kitaabileen miliyoona 4.4 manneen barnootaaf raabsamaniiru.
Kanneen hafanis ministeera barnootaarraa biiricha dhaqqabaa jiru. Haala amma jiruun reeshoo kitaabilee kunneeniifi barataatti wayita ilaalamu barattoonni kutaa 9ffaa mata mataatti kitaaba ni argatu.
Kutaa 10ffaatti kitaabni tokko barataa lama, kutaa 11ffaafi 12ffaatti ammoo kitaabni tokko barataa sadiif kan kennamu ta’a. Kitaableen barumsaa sadarkaa 1ffaafi sana duraa miliyoona 11 ta’an barataa bira dhaqqabaniiru.
Oromiyaan rakkoo qulqullina barnootaa akka biyyaatti mul’atu maqsuuf bara 2009 irraa eegalee manneen barnootaa adeemsa baruufi barsiisuuf mija’oo ta’an bal’inaan hojjechuufi barsiisota qaxalee ogummaa barsiisummaa gonfatan horachuuf sosochii olaanaan taasifamaa jiraachuu eeranii; barsiisota gosa barumsaa garaagaraa baratan hojii barsiisummaarratti bobbaasuuf akka ta’utti giddugalli leenjii barsiisotaa magaalaa Adaamaatti ijaaramee leenjii barsiisummaa kennaa akka jirus dubbataniiru.
Bu’uuruma kanaan bara kana qofa barsiisota kuma lamaafi 600 kanneen appilaayidii ta’an ogummaa barsiisummaatiin leenjisuuf hojiitti bobbaasuu himanii; ammas barsiisotni kuma tokkoofi 200 ta’an leenjiirra jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Gumii tiraanisfoormeeshinii barnoota Oromiyaa jedhamu kan qooda fudhattoota hedduu of keessaa qabuufi pirezidaantii naannichaatiin hogganamu hundaa’uu himanii; gumicha jalatti sosochii qulqullina barnootaa naannoo hanga gandaatti jiru kan hordofu koreen teknikii dhaabbachuu eeraniiru.
Hanga ammaattis barsiisota, maatii barattootaafi qooda fudhattoota biroo waliin qulqullina barnootaa mirkaneessuurratti waltajjiiwwan garaagaraa taasifamaa jiraachus beeksisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
7 Comments to ““Oromiyaatti qormaatni kutaa 8ffaa baranaa barsiisota sadarkaa 2ffaatiin kennama” -Obbo Efreem Tasammaa”
Comments are closed.