Finfinnee: Ijaarsi pirojektii Godambaa Adwaa kiiloo meetira ’00’ ji’oota muraasa keessatti xumuramuun tajaajilaaf banaa akka ta’u Hogganaan Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi Dhimmoota Kaabinee Obbo Xilaahun Warquu ibsan.
Hoggantoonniifi gaazexeessitoonni miidiyaalee addaddaarraa babbahan kaleessa ijaarsa pirojektii Godambaa Adwaa Birbirsa Gooroo (Piyaasaa)tti daaw’ataniiru.
Daaw’annicharratti haasaa kan taasisan Obbo Xilaahun, bulchiinsi magaalichaa pirojektota tajaajila ummataaf oolan yeroo gabaabaafi dheeraa keessatti hojjechuun hawaasa fayyadamtoota taasisaa jiraachuu eeranii, pirojektota yeroo gabaabaatiin ijaarsa manneen jireenya manguddootaa, giddugaloota sooramaa, nyaata barattootaa, warshaalee omisha buddeenaafi daabboo tajaajila kennuu eegaluusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Karoora yeroo dheeraatiinis Pirojektiin Godambaa Adwaa isa tokkoofi guddaa ta’uu himanii, kunis ji’oota muraasa keessatti xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta’u ibsaniiru.
Pirojektiin kun lafa heektaara 3.3rra kan qubateefi qarshii biliyoona 4.6n hojjetamaa akka jiru kan ibsan Obbo Xilaahun, keessoosaatti tajaajiloota addaddaa akka kennuuf kaayyeffamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Pirojektiin Godambaa Adwaa balbaloota shan kan qabu yoo ta’u, seenaa Adwaa ibsuun ala tajaajilawwan mana kitaabaa, ispoortii, siinimaa, bakka tapha daa’immanii, galmoota walgahii, suuqota, bakka dhaabbii taaksiifi awutoobisii, kaaffeewwan, mana nyaataafi kkf kan ofkeessatti hammate ta’u ibsaniiru.
Daaw’annicharratti Hogganaan Waajjira Pirojektii Meeggaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Injiinar Daboo Tunkaa argamaniiru.
Wayinisheet Kaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 6 Bara 2016
5 Comments to “Ijaarsi pirojektii Godambaa Adwaa ji’oota muraasa booda xumurama”
Comments are closed.