Guyyaan Saboota Sabalammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 18ffaan har’a, magaalaa guddittii naannoo Somaalee, Jigjigaatti sirna ho’aadhaan kabajama. Guyyaa kun guyyaa heerri biyyattii sanada waliigaltee ummattootaa jedhamee beekamu itti ragga’e sababeeffachuun kan kabajamu yoo ta’u, guyyaa saboonni waanjoo garbummaa keessaa ittiin ba’ameedhas.
Nutis dhimma kanaaf dhimmoota birootiin walqabatee Afyaa’ii Ittaanaa Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataa keessummaa keenya maxxansa kanaa taasifanneerraa; dubbisa gaarii!
Bariisaa: Yeroo keessaniif isin galateeffachaa, mee dubbistoota keenyaan walbaraa.
Obbo: Eeliyaas: Tole. Eeliyaas Ummataa Karoorsaan jedhama. Dhaladhee kanin guddadhe Godina Wallagga Lixaa, aanaa duraan Aayiraa Gullisoo jedhamee walitti waamamu, amma Gullisoo jedhamutti. Barnootakoos yommuu umuriinkoo gahu Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Gullisoottin kutaa tokkoffaa hamma saddeettaffaatti baradhe. Sadarkaa lammaffaas mana barnootaa ‘LASS’ (Lalo Aira Secondary School) jedhamu qabxiidhaan dorgomeen gale.
Kutaa saglaffaa ergan achitti xumuree booda sochii soshaalizimii yeroo sanaatiin dargaggoota adamsuun waan tureef abbaankoo naannawichaa xiqqoo na fageessanii adaadaakoo bira Najjootti na ergan; kutaa kurnaffaa achittin baradhe. Ta’us waanin maatiirraa adda ba’ee hinbeekneef barnootakoo akkan barbaadetti hordofuun natti cime. Bara sana sadarkaan dur bahuu gadi baheen kutaa 10ffaa xumureen gara Aayiraa ‘LASS’tti deebi’e barnootakoo xumure.
Barnootakoo sadarkaa olaanaas Kolleejjii Qonnaa Magaalaa Bishooftuutti argamu seeneen inni cufamnaan gara Haramaayaatti darbee eebbifame. Ittaansee gara addunyaa hojiittin makame. Yeroo jalqabaatiif naannoo amma Itoophiyaa Kibba Lixaa jedhamee beekamu Miizaan Teeppiittin Ministeera Bunaafi Shaayii jalatti hojii eegale.
Naannawa ADWUIn seenetti jalqabarra jijjiirraa argadhee gara Aanaa Dhidheessaa (yeroo sana Konyaa jedhama) dhufeen waggaa tokko sadarkaa abbaa adeemsaattin hojjedhe. Fooyyeessa Misooma Bunaa pirojektii jedhamuttis fudhatamee gara Mattuu deeme. Achittis sadarkaa ogeessummaarraa hanga qindeessummaatti dameewwan garagaraarra hojjedheera.
Muuxannoon achiirratti horadheenis gara hogganummaa Waajjira Qophii Wabii Nyaataafi Ittisa Balaa Godina Iluu Abbaa Boor ta’ee osoon hojjetaa jiruu yeroo ongee tarsiimoon qubannaa qophaa’ee Godina Harargeerraa namoonni gara Oromiyaa lixaa akka qubatan taasifame Hogganaa Qophii Ittisa Balaa godinichaa ta’ee hojjedheera. Akkasumas Hogganaa Ittaanaafi Hogganaa Waajjira Qonnaa godinichaa ta’ee walduraa duubaan hojjedheera.
Utuun Ittaanaa Bulchaa Godinaafi Hogganaa Waajjira Qonnaa godinaa ta’ee hojjetaa jiruu sadarkaa barnootakoos fooyyeffachuun waan narra jiruuf gara naannootti dhufeen digiriikoo lammaffaa Ikkonomiksiidhaan Yunivarsitii Finfinneerraa akkasumas, gaggeessummaan Yunivarsitii Liidistaarirraa argadheera. Boodarra waamicha naa taasifameen yeroo mootummaa jijjiiramaa gara godinaatti deebi’een bara 2001 irraa eegalee Bulchaa Ittaanaafi Bulchaa Godina Wallagga Lixaa ta’ee waggoota sadiif hojjedheera. Yommuun gara sana deemetti waggaa tokkoof jedhamee ta’us haalli nageenyaa naannawa sana ture garuu akkan turuuf na dirqisiiseera. Boodarra filannoo marsaa ja’affaarratti dorgomee naannawa dhalootakoo, Aayiraa Gullisoo bakka bu’ee bara 2014 gara naannoo dhufe. Amma Afyaa’ii Ittaanaa Caffee Oromiyaa ta’een tajaajilaa jira.
Bariisaa: Egaa yommuu barattan barataa qaxalee akka turtan seenaa barnootaa sadarkaa lammaffaa keessanirraa hubachuuun ni danda’ama. Mee haala yeroos tureetti, bakka wantoonni hedduu namaa hinguunnetti bu’aaqabeessa ta’uu akkamiin ibsitu?
Obbo Eeliyaas: Akkuma beekamu jireenya har’aatiif bu’uurri kaleessaa murteessaadha. Kanaaf maatiifi hawaasni keessatti guddatanis murteessaadha. Yommuu kan har’aa wajjin walbira qabamee ilaalamu garaagarummaa bal’aa qaba. Fakkeenyaaf maatiin koo bal’aadha. Abbaankoo abbasaatiif hangafa waan ta’eef anis akka hangafaattin guddadhe. Kanaaf kununsiifi deggarsi naa taasifamu daran olaanaa ture. Dhugaa dubbachuuf akka ijoollee baadiyyaatti miti kanin gudadhe. Yeroo sanatti kanfalanii mana barnootaa bultiitti barsiisuun daran cimaadha.
Inni biraan naamusni ittiin guddanne cimaadha. Naannawa sanatti amantiidhaan walqabatee haalli jiru cimaadha. Mana barnootaa keessatti Macaafa Qulqulluu kutaa sadaffaarraa kaasnee akka akaakuu barnootaa tokkotti baranna. Inni kun jireenya keenya keessatti gahee guddaa qaba. Waliigala barsiisonni keenyaafi hawaasni naannawaa milkaa’inaan guddachuu keenya keessatti bakka olaanaa qabu.
Bariisaa: Maal ta’uuf hawwitu turtan?
Obbo Eeliyaas: Inni kun biyya keenya keessatti daran rakkisaadha. Kan ati hawwitu kan biraa, kan sii ta’uu kan biraati. Ani saayinsii uumamaa barachuun barbaadayyu. Ta’uu kanin barbaadus gara fayyaa kana seenuu ture. Garuu ramaddiinkoo isaan ala ture. Ta’ullee bakkan amma jiru kanatti gammadaadha.
Bariisaa: Gara hoggansaattoo nan dhufa jettanii yaaddanii beektuu?
Obbo Eeliyaas: Inni hojiidhuma keessa dhufa. Ani hoggansa osoo hintaane ummata tajaajiluu isa jedhutu natti tola. Egaa yeroo hojjettu keessatti hojiin hojjettu gara hoggansaatti si fiduu mala. Ani ammas taanaan hamma humnakoo ummata tajaajiluu, rakkataa gargaaruutu na gammachiisa.
Fakkeenyaaf yoo gara maatiikootti dhufte ani ijoolleen ofii godhadhe baay’ee hinqabu; intala Doktar Meetii Eeliyaas jedhamtu tokkon qaba; garuu kanin guddiseefi guddisaa jiru baay’een qaba. Ijoollee baay’ee barsiisee ogummaawwan addaddaarratti bobba’an qaba.
Bariisaa: Mee egaa jireenya dhuunfaa keessan keessaa haa baanuuti, addatti har’i guyyaa ayyaanni saboota, sabalammootaafi ummattootaa akka biyyaatti itti kabajamu ta’uusaatiin waa’ee guyyichaa waa muraasa dubbistoota keenyaan jedha.
Obbo Eeliyaas: Sadaasni 29 guyyaa heerri RFDI itti ragga’e waan ta’eef sana sababeeffachuun kabajama; kunis bara 1987 jechuudha. Guyyaan kun akka kabajamuuf ammoo murtoo Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ebla bara 1997 murteesseen Sadaasa 29 bara 1998 irraa eegalee waggaa waggaadhaan magaalota naannoo garagaraarratti kabajamaa jira.
Bara 1987 sanadni waliigaltee saboota, sablammootaafi ummattootaa kan ta’e heerri amma jiru osoo hinragga’iin dura, heerri biyyattii mootiidhaan kenname jedhamee kan beekamuufi barreeffamaanis kan jiru hanga bara 1966 Hayila Sillaaseen aangoorraa gaggeeffamanitti hojiirra kan tureedha. Kunis bara 1931 kan ba’eefi bara 1955 kan fooyya’e ture. Ergasii booda Isappaakoo’n ‘Ihidirii’ jedhee bara 1980 fooyyessuuf yaalus waggoota sadii booda aangoorraa ari’ame. Hangasitti garuu hojiirra ture.
Heera bara mootii Hayila Sillaasee wanti adda taasisu sirna fiwudaalizimii ykn baalabbaataa jedhamuufi gita bittaa cunqursaa kan dhaadhessu, mirgi sabootaafi sabalammootaas kan itti hineegamne, inumaayyuu kan itti dhiitame ture. Afaan, amantii, aadaafi duudhaan sabootaa beekamtii kan itti hinarganneefi amantiifi afaan saba tokkoo qofti olaantummaadhaan kan itti calaqqisu ture. Amantiin tokkichis akka amantii mootummaatti kan itti fudhatame ture. Bu’uura dinagdee kan ture laftis harka warra baalabbaataa ture. Kana malees mirgoonni uumamaafi dimokraasii kan keessatti hinkabajamneedha.
Sirna kana jijjiiruuf qabsoo hadhaawaa barattoota yunivarsitiifi qonnaan bultootaan taasifameen mootichi aangoorraa bu’uu danda’aniiru. Kanaanis mootummaa abbaa irree tokkoffaan kufee, abbaa irree lammaffaa ykn Dargiin dhufe. Innis bulchiinsa yeroo mootummaa hundeessuun heeruma dura ture qabatee hamma bara 1980tti ittifufeera. Booda heericha fooyyessuuf wanti yaalame jiraatus waan waraana keessa turameef fincilli hammaate, bara 1983 aangoorraa bu’ee ADWUIn aangoo qabate.
Bara 1983 hanga Sadaasa 29 bara 1987 heerri haaraan ragga’utti yeroo ce’umsaa jedhamee biyyi ittiin bulaa turte. Sana booda qorannoo gadi fagoon, muuxannoon biyyoota addaddaa taasifamee hayyootaafi ogeessota biyyattii keessatti hirmaachisuun qophaa’ee ummataaf dhihaatee erga irratti mari’atamee booda ragga’e. Heerri kun sabootaafi sabalammoota biyyattii hundaaf beekamtii kan kenneefi mirgasaanii kan kabajuudha. Yeroo ammaas sanada waliigaltee saboota, sabalammootaafi ummattoota Itoophiyaa ta’ee hojiirra jira.
Hayyoonniifi qaamoleen siyaasaa heerichi akka fooyya’uuf gaaffii kaasaa kan jiran yoo ta’u, heerichi Macaafa Qulqulluu ykn Quraana waan hintaaneef akkuma biyyoota guddatanii haala yerootiin wanti fooyya’u ni jiraata. Kanaafis koreen dhaabatee, qorannoowwan addaddaa gaggeeffamee, mootummaanis eeyyamamaa ta’ee akka biyyaalessaatti dhimmoonni ilaalamaa jiran jiru. Heerri uumamumasaatiin har’a qoratamee waggaa har’aa ykn waggaa lamaan har’aa hojiirra oolu osoo hintaane qoratamee yeroo dheeraaf kan turu waan ta’eef akkanaan ilaalamuu qaba.
Bariisaa: Saboonniif sablammoonni biyyattii heera amma jirurraa maal argatan?
Obbo Eeliyaas: Tokkoffaa mirga ofiin of bulchuu goonfachiiseera. Kana jechuun mootummoonni naannolee karaa itti hundaa’an argataniiru. Akka biyyaatti ammoo biyya waliin bulchan, achi keessattis hirmaannaan isaanii karaa manneen maree bakke bu’oota ummataafi federeeshiniitiin ifatti kan beekamuu qabu. Aangoo mootummaa keessattis, ramaddii bajataa, bu’uuraalee misoomaafi kkf keessatti walqixa fayyadamaa jiru.
Lammaffaan, mirga carraa misoomaa hundaaf qixa kenna. Kana jechuun naannoleen akkaataa caaseffamasaaniitiin carraa argataniiru jechuudha. Haala kanaan dura tureen naannoleefi magaalonni carraan karaawwan addaddaatiin misoomu kennameef eenyufaa akka turan ni beekama.
Inni kaan dagatamee rakkoofi gadadoo keessa yoo jiraatu garri kaan waan fooyya’aa qaba. Inni biraan mirga afaan, aadaafi duudhaa sabaafi sablammootaaf beekamtii kan kenneedha. Biyya kana keessa saboonni sablammoonni beekamtii argatan 80 oltu jiru. Akkasumas walqixxummaan amantiis mirkanaa’ee amantiileen biyyattii keessa jiran beekamtii argataniiru.
Gama biraatiin mirgi walqixxummaa koorniyaa duraan maqumaaf (siyaasumaaf) ture qabatamaan mirkanaa’eera. Kanatti dabaluunis daa’imman, miidhamtoonni qaamaafi qaamoleen hawaasaa hundi mirga addunyaarratti mirkanaa’e gonfataniiru. Kanaanis yeroo jalqabaatiif sirni federaalizimii akka ijaaramuuf bu’uura guddaa ta’eera.
Bariisaa: Erga bu’aaleen eeraman argamaniiru ta’ee, guyyaa sabootaafi sablammootaa kabajuun maaliif barbaachise?
Obbo Eeliyaas: Guyyaa ummattoonni biyyattii wanjoo garbummaa, sirna gita bittaafi cunqursaa abbaa irree irraa ittiin hiikaman yaadachuuf kabajama. Kana warra keessa turetu hubata. Biyyi kun mana hidhaa sabaafi sablammootaa jedhamtee beekamti turte.
Akkasumas guyyaa heera tokko jalatti buluuf waadaan itti seename yaadachuuf kabajama. Guyyaa birmadummaan sabootaafi sabalammootaa itti mirkanaa’e, misooma biyyattii yoomiyyuu caalaa saffisiisuuf waadaan itti haareffamu, kan saboonni mirgoota namummaafi dimokraasii itti gonfatan, tokkummaafi obbolummaan itti agarsiifamu, nageenyi ittiin waareeffamu, gochootaafi aggaammiiwwan heericharratti aggaamaman itti balaaleffachuufi sababoota birootiif kabajama.
Bariisaa: Guyyaa kun yommuu waggoota 17n darbaniif kabajamu dirreetti ba’anii aadaadhuma mul’isanii galuutiin ture.
Kan baramaa maaltu adda taasisa?
Obbo Eeliyaas: Barana ayyaana galma keessaafi dirreerratti kabajanii galuu keessaa ba’uun hojiilee misoomaa addaddaa hojjechuun, kanneen karoorfamanii hojjetamaa jiran daawwachuufi hojiilee tola ooltummaa garagaraatiin kabajama. Bu’aalee guyyaan kun kabajamuusaatiin argamanis akka galteetti fudhachuun caalaatti miidhagee kabajama.
Haala kanaan Oromiyaatti baatii Sadaasaa jalqabarraa eegalee labsiiwwan humna waloo akka naannootti labsaman hojiirra oolchuun, hojiilee misoomaa bakkeewwan addaddatti hojjetaman daawwachuu, hordoffii taasisuuniifi sochiilee garagaraatiin kabajamaa tureera.
Sadarkaa Oromiyaatti Sadaasa 26 bara 2016 magaalaa haaraa hundoofte, Maayaatti bifa miidhagina qabuun kabajameera. Akka federaalittis har’a mataduree “Heddumminniifi walqixxummaan tokkummaa biyyaaleessaaf” jedhuun Jigjigaatti kan kabajamu yoo ta’u, jilli Oromiyaas ayyaanicharratti hirmaataa jira.
Bariisaa: Sirni federaalizimii kun haala jedhameen hojiirra ooleera jechuu dandeenyaa?
Obbo Eeliyaas: ADWUIn olaantummaa TPLFn durfamaa ture federaalizimii dhugaa hojiirra oolchuu waan hinbarbaanneef ammas rakkoon sabootaafi sabalammootaa furmaata guutuu argachuu hindandeenye. Sababa kanaan naannoleefi naannolee gidduutti, akkasumas, sabootaafi saboota gidduutti walshakkiifi walitti bu’iinsi uumamaa dhufe. Hamma namoonni kumaatamaan lakkaa’aman buqqa’aniifi miidhaan addaddaa irra ga’utti qaqqabee ture. Kunis hanga jijjiirama bara 2010tti ittifufe.
Gochi kunis jabaatee hanga sadarkaa biyya diiguutti kan qaqqabsiisee ture ta’uun ni yaadatama. Qabsoo qarreefi qeerroo keenyaan akkasumas kan sabootaafi sablammootaatiin humni jijjiiramaa ADWUI keessaa biqile har’a haala adda ta’een utuu waraanni ykn warraaqsi hingaggeeffamiin riifoormiidhaan biyya jijjiiramatti fideera. Bara jijjiiramaa kanattis hojiileen araara buusuu, hidhamtoota siyaasaa hiikuu, biyya hambaa kan turan biyyatti deebisuu hojjetamaniiru. Kanaanis falaasamni Ida’amuu, daandii badhaadhinaa ministira muummichaatiin kan itti bocameedha.
Akkasumas, riifoormiiwwan dinagdee, raayyaa ittisa biyyaa cimaa ijaaruu, hojiilee hawaas-dinagdee biroo hojjechuun bal’inaan raawwatamaniiru. Cabiinsi dinagdee, haqaa, bu’uuraalee misoomaa, hariiroo biyya alaa, aleergiifi kkf irratti mul’atanii turanis fooyya’iinsa olaanaa argamsiisaniiru.
Kanneen malees paartiin hunda hammataa ta’e, Badhaadhinni hundaa’uun olaantummaa paartiilee afurii ADWUI keessa ture hambisuun kanneen qaamolee deggaraa turaniifi sagalee guutuu hinqabne hunda ofitti dabaluun bakka bu’ummaa guutuu kenneeraaf. Imaammatawwaniif labsiiwwan addaddaa kana dura hidhaa turanis akka fooyya’an taasifameera.
Bariisaa: Sirni federaalizimii biyya kanaaf bu’aa akkamii buuse?
Obbo Eeliyaas: Yeroo baay’ee federaalizimii akka waan rakkoo ta’etti kan kaasan nijiru. Ciccituu, fofottoquufi gargar ba’uutu bu’aa fidamoo, walitti dhufanii tokko ta’uutu bu’aa qaba isa jedhu ilaaluun ni danda’ama. Kana seenaa as dhuftee dhala namaarraa kaasnee ilaaluu dandeenya. Akkasumas, biyyoonni addunyaa maqaa garagaraatiin walitti dhufanii hojiisaan hojjetan fudhachuun ni danda’ama. Kanaaf walitti dhufuun tokkummaa, walqixxummaafi jaalalaan taanaan faayidaa olaanaa qaba.
Fakkeenyaaf humna cimaa misoomaa ittifufiinsa qabuu fiduuf waliin misoomuuf murteessaa ta’a. Gabaa guddaa argachuun addunyaarratti dorgomuuf, dippilomaasii cimaa qabaachuuf, Raayyaa Ittisa Biyyaa cimaa tokko waliin qabaachuuf, tokkummaa cimaa horachuuf, addunyaarratti dhageettii qabaachuuf tokkorra lama sadii ta’anii federaalizimiin ijaaramuun bu’aa qaba jechuudha.
Bariisaa: Mee duubatti isin deebisee, yommuu rakkoon nageenyaa daran hammaataa turetti bulchaa Godina Wallagga Lixaa turtan. Haala sana akkamiin yaadattu? Kan hojjechuuf yaaddanoo akka barbaaddanitti hojjettaniittuu?
Obbo Eeliyaas: Yeroon sun yeroo daran ulfaataa ture. Yommuu kana jennu jijjiirama keessa qormaanni akka jiraatu inuma eegama. Waa hundi akka duraa qajeelaadhuma ta’ee hindeemu. Haala kana hoggansa naannawa sana turan waliin akka sirreessinuuf namoota baay’eetu achitti ergamee ture. Sadarkaa namni waan qabee gadhiisu wallaaletti ture kan deemne. Haalli siyaasaa tures humni hidhatee biyya ambaa tures waamicha nagaa taasifameef dhiisee gara bosonaatti seenee, qaamoleen siyaasaa muraasni mufatanis akka nageenyi hinjiraanneef yeroo itti socho’an ture.
Hawaasni naannawaa sanaa sagalee dhukaasaa olaanaafi humna akkanaan hidhatee tarree qabatee deemu argee hinbeeku. Amantiifi duudhaanumti inni ittiin jiraatu bakka olaanaa qaba. qotachuu, daldalachuu, ijoolleesaa barsiifachuufi waaqeffachuu beeka. Kun immoo hawaasas hoggansa birattis burjaajii uume. Mootummaanis haalli kun nagaadhaan akka xumuramuuf adeemsa dheeraa deemaa ture.
Murnichi garuu kanatti fayyadamuun hanga humna mootummaa laamsheessuufi caasaa aanaa diiguutti qaqqabe. Qaamolee hawaasaa garagaraa keessa namoonni humna kanaaf neetworkii ta’anii tajaajilan turaniiru. Aanaarra darbee godinnis gaaffii keessa galee ture.
Rakkoo walxaxaa kana caasaa aanaa addaddaarra godinicha keessa jiru, hawaasa bal’aafi caasaa nageenyaa qabachuun tasgabbeessuuf yaalii olaanaatu taasifamee bu’aanis argameera. Kun egaa dhimma nageenyaa waan ta’eef waan amma hinturretu amma jira. Siyaasa waan ta’eefis guyyaatti waan jijjiiramaa ooluutu jira. Kanaaf rakkoo hammaataa sana dandamannee hanga filannoo bara 2014tti hojii hojjenneerra.
Dhukaasa, daandii cufuu, nama ajjeesuu, nama butuu, saamamuu, akka garaasaa ba’ee galuufi qotachuu dhadhabuuniifi wantoota garagaraarraa kan ka’e ummanni abdii kutannaa guddaa keessa seenee ture. Sababa kanaan dinagdeen naannawichaallee garmalee laafeera.
Naannawichi omisha bunaan kan beekamu ta’us gabaaf dhiheessuun hindanda’amne. Nan yaadadha bara 2012 bunni godinaalee Wallagga Lixaafi Qeellam Wallaggaatti omishame %10 illee gabaaf hindhihaanne. Kana malees namni giddugaleessarra jiru gadi bu’ee maatiifi firasaa gaafachuuf, du’aga’ii namaa dhaquufi gammachuu walii hirmaachuuf deemuun hin yaadamu. Namni dhukkubsatee Finfinneetti riifariin barreeffameef dhufee yaalamuun rakkisaadha. Sababoota garagaraatiin kan beellama qabus bakka dhimmisaa deemuu hindanda’u.
Rakkoon nageenyaa kun waan si’a tokkotti furamu miti. Amma haalli fooyya’aa jiraatus guutummaatti hiikameera jechuun hindanda’amu. Ammallee hojiin hojjetamaa jiru jira. Namnis kan isa fayyaduufi hinfayyadne adda baasee baraa jira. Ummata keessa taa’ee ijjisaa gama sana kan ilaalu ammallee ni jira. Kunneen hundi jala jalaan qulqulla’aa dhufaa waan jiruuf ummanni gara nagaatti ni dhufa abdii jedhuun qaba.
Bariisaa: Isin bakka bu’aa hawaasa naannawichaa waan taataniif ammawoo erga Caffee seentanii deggarsiifi hordoffiin taasistan akkamiin ibsama?
Obbo Eeliyaas: Ammas taanaan hojicha keessaa harka fudhanne jechuu miti. Asis ta’amee hojiin hojjetamu hojiidhuma ummataati. Rakkoon nageenyaa akka yeroo sanaa godinoota muraasa keessatti kan daanga’e miti. Rakkoonsaa babal’atee hamma giddugaleessaatti haala itti dhufetu jira. Bakkeewwan muraasatti rakkoon haa jiraatu malee garri bahaa (Harargee, Baaleefi gartokkee Arsii) kun duras miidhama guddaa dhimma kanaan waan qabaniif kana ofitti hinhiiqsine.
Kana deggaruun egaa waan dirqama keenya ta’eef rakkoon kun akka hiikkatuuf akka hoggansaattis hojii guddaa hojjenna. Kilaastarattis hanga godinaatti ramadamuun hojiin gadi buunee hojjennu ni jira. Hanga danda’ametti karaa nagaa, ilaafi ilaamee, akkasumas araaraan xumuramee Oromoon gar tokkotti akka dhufuuf hojiin hojjetamu jira. Bakka barbaachisaa ta’etti ammoo olaantummaan seeraa akka kabajamu taasifamaa jira.
Hojii nageenyaa qofa osoo hintaane, hojiilee misoomaas bal’inaan hojjetamaa jiru. Kana keessattis ogummaan qabuun seektaroota kanneen akka qonnaa waliin ta’uun hojiilee hojjetaman keessatti deggarsa yeroon itti kennu ni jira.
Akka Caffeettis ammoo karoora mirkaneessuu, gabaasa hojii kan qoratu, duubdeebii kan kennuufi bakka barbaachisaa ta’eetti tarkaanfiin akka fudhatamu kan taasisu Caffeedha. Kanaaf qaama raawwachiisaa keenya wajjin ta’uun hojii bal’aadha kan hojjetamu.
Akkasumas Caffee jalatti koreewwan dhaabbii shan seektaroonni hundi keessatti hammataman ni jiru. Isaanis waggaatti karoora qabatanii hojiin hojjetan ni jira. Qorannoon hojiis kurmaana kurmaanaan ni adeemsifama. Darbees hojiileen karoorfaman qabatamaan godinaafi aanaarratti akkamiin raawwatamaa akka jiran gadi bu’amee ni ilaalama.
Bariisaa: Yeroo baay’ee gaafa gara godinaalee rakkoo nageenyaa qaban deemtanii pirojektota daawwataniifi eebbisistan ni mul’ata. Rakkoon nageenyaa har’arra sadarkaa maaliirra jira jechuu dandeenya? Godinaaleen rakkoo nageenyaaf saaxilaman beela, weerara busaafi rakkoolee addaddaafis saaxilamuurraa kan ka’e namoonni abdii kutannaa keessa seenan jiru. Kana akkamiin ibsitu?
Obbo Eeliyaas: Saayinsiidhumasaa yoo ilaalle jijjiirama keessa waan guddaatu jira. Dura waan hintuqamne, waan ititee taa’u, waan samee tortoretu ture jettee fudhachuu dandeessa. Inni kun gaafa tuqamu ni boora’e. Yommuu boora’ummoo deebi’ee calalamuu qaba. Jijjiiramni adeemsisaa bal’aadha. Kana sirreessanii iddootti deebisuun ammoo yeroo fudhata.
Kana keessatti kan hubatu jira; kan hinhubannes ni jira. Kan faallaakee dhaabatus ni jira. Ummanni keessa jirummoo harki caalu ummata baratee, qaroome, addunyaa waliin walargu, miidiyaa addaddaa dhaggeeffatu, miidiyaan hawaasaa maal akka odeeffannoo bal’aa argate hubatu muraasa. Haalota kanneen keessatti egaa jijjiirama kana kan barbaanne.
Amma kan jirru kana keessa jechuudha. Namnis hubachuu kan qabu kana. Jijjiiramni waan bu’aa ba’ii hedduu qabu malee waa hundi karaa qajeelaa namaa deemu miti. Akkanatti hubachuun hojii hojjetamuu malu hojjechuutu barbaachisa.
Jijjiirama yaadame sana kan dheereessuus kan gabaabsuus kanuma. Kana keessatti gaheen gaggeessaa ammoo isa olaanaadha. Isa kanaaf hojii waggoota 27 ol federaalizimii jedhamee hojjetamaa tureefi, amma waggoota afur shan keessatti waan hojjetame ilaaluun ni danda’ama.
Bariisaa: Inni biraan wayita ammaa mootummaan xiyyeeffannaa itti kennee hubannaa ummataa gabbisaa jiru waa’ee seenessa walooti. Kanarrattis isinis miseensa Mana Maree Federeeshinii waan taataniif maaltu hojjetamaa akka jiru ni beektuuti, mee dubbistoota keenyaaf ibsaa. Seeneessi waloo kun tokkommaa ummataarratti dhiibbaa hinuumuu?
Obbo Eeliyaas: Inni kun fagoodhumatti sodaachuurraa kan madde malee waan qabatamaa natti hinfakkaatu. Wantoonni kana dura taasifamaa turaniifi amma qorannoo gadi fagoodhaan jijjiiramuu qaban baay’eetu jiru.
Fakkeenyaaf duraan bajanni naannolee waraanaan miidhamaniif jedhamee garam deemaa akka ture ni beekama. Bakkawwan tokko tokkotti ammoo daandii ijaaruun akka waan diinaaf kophee bituutti ilaalamee bakkeewwan hacuucamaa turan ni jiru. Kana malees saboonni jiraachuudhumtisaaniillee hinbeekamne turaniiru.
Amma kunniin hundi jijjiiramanii, bajanni ulaagaan qophaa’eefi ramadama. Saboonniifi sabalammoonnis mana maree federeeshinii keessatti barcuma maluuf argataniiru. Gaaffiilee addaddaa naannoleen kaasanis karaa heerri eeyyamuun deebii argataa jiru. Kana boodas gaaffiileen daangaa, of danda’uufi kanneen birootiin walqabatan ka’an bu’uuruma kanaan deebii argataa deemu.
Seeneessa walootiin walqabatees kanneen tokko nu taasisan irratti tokko taanee, addaddummaarratti ammoo naannootti deebinee ittiin hojjechuu dandeenya. Inni kun ammoo Sirna Gadaa Oromoof haaraa miti. Saboonnifi sabalammoota biyya kanaa keessaa %90 kan ta’an Oromiyaa keessa ni jiru. Kanaaf walwajjin jiraachuu duruma itti beekna, kana caalaatti gabbisnee ittiin deemuuf malee miidhaa biraa hinqabu.
Bariisaa: Dhumarratti, biyyi kun nageenyishee mirkanaa’ee, badhaadhina hawwame bira akka geessuuf eenyurraa maaltu eegama?
Obbo Eeliyaas: Hunda dura, nageenyi waa hundaaf bu’uura. Hojiileen eegalamanii bu’aan itti argamaa jiraniifi abdii namatti horan ni jiru. Kana keessatti immoo qormaatiiwwan garagaraa inuma jiraatu.
Fakkeenyaaf yoo fudhanne qaala’inni jireenyaa amma jiru rakkisaa ta’eera. Kun akka biyya keenyaatti qofa osoo hintaane akkuma addunyaattuu qormaata guddaa ta’eera. Sababoonnisaas haala keessoo keenyaafi haala biyyoolessaati. Kana hiikuuf hojjetamaa jiraatullee waa hundi milkaa’ee rakkoon hiikkachuu kan danda’u yoo karaa tasgabbii qabuun hojjetamedha.
Kanaaf gara nagaatti dhufuuf qaamolee fedhiiwwan addaddaa qaban gartokkotti fiduun, kan kootu caalaa osoo hintaane waldhaga’uudhaan hojjechuu barbaachisa. Hunduu nageenyaaf dursa kennee hojjechuu qaba. Inni biraan olaantummaa seeraa kabachiisuudha. Kana jechuun isa waraana gaggeessaa jiru qofa jechuu miti. Biyya kana keessa malaammaltummaa hamaatu jira. Kanas sirriitti ilaaluutu nurra jira. Dhaabbileen kanarratti hojjetan cimuufi ijaaramuu qabu.
Darbees karoora yeoo gabaabaa, dheeraafi giddugaleessaa jedhee mootummaan qopheeffatee itti deemaa jiru milkeessuuf hunduu tumsuu qaba. Keessumaa akka Oromiyaatti rakkoo keessa jirru ilaalcha keessa galchuun haala addaan karoora xiiqii jennee qabanne hojitti hiikuuf dachaa hojjechuu qabna. Yoo ta’uu baate lakkoofsa ummataa dabalaa jiru, haala addunyaafi qilleensa naannawaa jijjiiramaa jiruufi wantoota biroo waliin ta’ee rakkoo keessaa ba’uun rakkisaa ta’aa deema.
Akkasumas, mariin biyyaalessaa akka biyyaatti adeemsifamuuf yaadame akka milkaa’uuf hunduu gumaacha taasisuu qaba. Rakkoo jiru mariidhaan furuun baratamuu qaba. Waan irratti waliigalamuu qaburratti waliigaluun dirqama. Dhimma biyyaarratti garuu qoosaan jiraachuu hinqabu. Kanammoo warri har’a jiru xumuree keessaa ba’a jechuu osoo hintaane dhaloota dhufuuf bu’uura ka’aa deemuu barbaachisa.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 29 Bara 2016
6 Comments to “ Guyyaan sabootaa baranaa agarsiisa dirreerra qofaan osoo hintaane waan ummata fayyadu hojjechuun kabajama” Kabajamoo Obbo Eeliyaas Uummataa”
Comments are closed.