Atileet Siraanash Yirgaa Maaraatoonii Shaangaay injifatte

Finfinnee: Atileetin Itoophiyaa Siraanash Yirgaa Maaraatoonii Shaangaayi injifatte. Atileet Siraanash fiigicha kana sa’aatii 2:21:28tti galuun dorgommicha dursitee xumurteetti.

Siraanashitti aanuun atileetiin lammii Keeniyaa, Seelii Cheepiyegoo Kaptich sa’aatii 2:21:55n sadarkaa lammaffaadhaan xumurte.

Dhiirotaan ammoo atileetiin lammii Keeniyaa Filemoon Kiiptuu Kipichumbaan sa’aatii 2:05:35n dorgommicha injifannoon yoo xumuru, kan Taanzaaniyaa Alfoonsi Siimbuu sekondii afur duubatti hafee sa’aatii 2:05:39n galuun dorgommicha sadarkaa lammaffaan xumureera.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Atileet Siraanash Yirgaa Maaraatoonii Shaangaay injifatte”

  1. Pingback: link dultogel

Comments are closed.