Dilbata darbe mooraan Golfi Kilab jedhamuufi Finfinnee, naannawa Xoorhayiloochitti argamu daran miidhageera, shaashiqeera. Dhiyee biiftuun lixxus shamarran mimmiidhagoo uffannaafi faayawwan aadaa Oromootiin kuulamaniin bareedee, ifeera.
Haalli waltajjichi ittimiidhagfameefi hawwattummaansaa qilleensa qorraa bubbee makatee nama kirkirsu kan nama dagachiisu ture. Waltajjichi kan gaggeeffame akka barame galma keessatti otoo hintaane dirreerratti waan ta’eef jechuudha.
Sirna beekamtii kennuufi galateeffannaa Irreechaa Awwaardi marsaa 2ffaaf qophaa’e kanarratti Ministirri Aadaafi Ispoortii Jaal Qajeelaa Mardaasaa, Ministir De’eetaan Ministeerichaa Aadde Nafiisaa Almahaadii, Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee, abbootiin qabeenyaa, qondaaltonni waraanaa, tola ooltonni, Artisti Bishiriyaa Boorshaafi Taaddalaa Roobaa (lamaanuu gaafa sana weelluuwwan gurra namaatti tolaniifi sosochoosan dhiyeessaniiru) dabalatee artistoonni buleeyyiifi dargaggoonni miidhagina waltajjichaa turan.
Dhugaa dubbachuuf shamarran uffannaa aadaa Oromootiin daran mimmiidhagan oggaa keessummoota sirnicharratti hirmaachuuf dhufan simatanii gara teessoo qophaa’eefitti bitaa mirgaan waa’elchanii geessan namatti tola. Sirnichaafis naatoo addaa ta’aniis waarisiisaniiru.
Shamarran kunniin dhaabbiisaaniitti dabalee sadarkaa miidhaginni (dizaayiniin) uffannaafi faayawwan aadaa Oromoo irra gahan, iccitii, duudhaafi bareedina Oromummaa achi keessa jirus sirriitti agarsiisaniiru, irraayis mul’ateera, calaqqiseera, akkuma irranatti jenne dukkanas gara ifaatti jijjiiraniiru.
Haaluma dhaabbii, uffannaafi faayeffannaa shamarran kanneeniirraa kan ka’e qooda fudhattoonni ykn keessummoonni suuraa yaadannoo seenaaf kaa’amu wajjin ka’uuf daran ko’oommatanii turan.
Ogeessonni waltajjicha gaggeessan, Zinnaash Olaaniifi Phaawuloos Alamaayyoos haala qilleensa qorraa irranatti eerre nama dhagachiisuun afaanota sadii jechuunis Afaan Oromoo, Amaariffaafi Ingiliffaan ofittis walittis qoosaa hirmaattota waltajjii waarii Dilbataa kana miidhagsaniiru, hoggananiiru.
Anis odeeffannoo waa’ee waltajjichaa karaa Miis Turiizimii Oromiyaa duraaniifi ambaasaaddara Turiizimii Afrikaa Bahaa Haliimaa Abdulshikur argadherratti hundaa’uun maatii koo wajjin hanga humna koo miidhagina waltajjichaa ta’ee waarisiiseera.
Sirna baadhaasaa ykn awwaardii maqaa Irreecha mallattoo tokkummaa, waliinummaa, galataa, obbolummaafi calaqqee sirna Gadaa ta’e qabatee marsaa lammaffaaf qophaa’e kana abbootii Gadaatu eebbaan bane.
Akeekni waltajjichaa abbootii Gadaa, murnootaafi namoota bu’aa ba’ii keessatti duudhaafi aadaa Oromoo akka Irreechaafi sirna Gadaafaa eeganii asiin ga’an, tajaajila hawaasummaa (tola oolanii) fi nageenya biyyaatiif waan guddaa gumaachan gareewwan sadiitti qooduun sadarkaa biyyaatti beekamtii kennuufi galateeffachuudha.
Sirnichi Dhaabbata Qindeessaa Ispeeshaal Iventii Naafsiifi Yunivarsitii Ambootti Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Tsaggaayee Gabramadiin Qawweessaa waliin ta’uun kan qophaa’e yoo ta’u, gaggeessituun hojii Dhaabbata Naafsii Aadde Nasiim Madad Abbaaduraa fuula ifaafi gammachuudhaan guutameen hirmaattotaan baga nagaan dhuftan jedhan.
Ittaansuunis sirnicharratti namoota guddina afaan, seenaafi aartii ummata Oromoo guddisuufi ceessisuu keessatti gaheesaanii bahataniif akkasumas tola ooltotaafi qaamolee nageenya waaraa mirkaneessuuf ifaajaniif beekamtiifi badhaasni kan kennamu ta’uu eeran.
“Abbaan sirna badhaasichaa ummata bal’aa Oromoofi Itoophiyaati. Guyyaan kun seenaa keessatti anaaf adda. Abjuu barootaatu naa milkaa’e. Haalota sodaachisoo danuu keessa darbuuni kan as qaqqabame. Namoonni wareegama olaanaa kanfaluun aadaafi duudhaan Oromoo akka as ga’u taasisan haala kanaan galateeffachuuf qaqqabuu kootiif Rabbi koon galateeffadha.
“Oromoon ummata aadaa, seenaafi duudhaa cimaa qabuudha. Anis akka dubartii Oromoo tokkootti aadichuma keessatti guddadhe. Namootaafi qaamolee nageenya, dinagdeefi tola ooltummaarratti hojjetan galateeffachuuf guyyaa kana hawwiidhaanin eegaa ture.”
“Dhaabbanni keenya Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabramadin wajjin ta’uun sagantaa bal’aa akka biyya keenyaatti nageenyaaf bu’uura ta’u, namoota waanuma qabaniifi hinqabnerraa qoodanii tola ooluudhaan asiin nu gahan galateeffachuuf kan qophaa’eedha sagantaan kun.
“Ani ummata Oromoorraa nageenya, arjoomuufi qooduu barachaan guddadhe. Duudhaan Irreecha keessa jiru biyya keenya bira darbee gaanfa Afrikaafiyyuu kan ta’uudha. Aadaa keenya kanatti akka fayyadamnuufi nageenya keenya baay’ifnuuf waltajjii kana qopheessineerra” jedhan.
Ministirri Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaas, sagantichi tokkummaa ummataa kan ijaaruufi kan cimsu ta’uu eeruun, fuuldurattis cimee ittifufuu qaba jedhan.
Daarektarri olaanaan Giddugala Qo’annoofi Qorannoo Looreet Tsaggaayee Gabramadiniin Gargaaraa Pirofeesaraa Saamu’el Layikunis ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, akeekni badhaasa Irreechaa namoota yeroo rakkisaa keessa taa’anii ummataafi biyyaaf waan guddaa hojjetan galateeffachaa, dhaloonnis akka irraa baratu taasisuudha jedhan.
Ergaa mataduree Irreecha kaleessaafi har’a jedhuun dhiyeessaniinis, “Irreechi bu’aa falaasama ummata Oromooti. Sirna Waaqa ittigalateeffatu. Oromoon Uumaa bacaqii gannaa keessaa gara birraa booqaatti, beelarraa gara quufaatti isa ceessise Irreeffachuun galateeffata.
“Kanaaf Irreechi ayyaana galateeffannaati. Irreechaa Awwaardiin ammoo namoota kaleessa haala rakkisaa keessatti seenaa barreessan, nageenya buusan, waanuma qabaniifi hinqabnerraa garalaafummaadhaan warra kaan afaan kaa’aniifi waa gumaachan, tola ooltummaarratti hojjetan galateeffachuuf kan hundaa’eedha.
“Irreechi har’a jiruufi jireenya Oromoo ta’eera. Saboonni kaanis akkuma nama cidhaaf qophaa’uu Irreechaafis niqophaa’u. Ayyaanni garaarummaa korniyaa, amantii malee, sadarkaa jireenyaa tokko malee tokkummaadhaan kabajamu akkuma addunyaattuu Irreecha qofa.
“Kaayyoonsaa hariiroo uumaafi uumama jidduu, namaafi uumaa jidduu jiru cimsuudha. Irreechi kan dabaalame safuu Oromootiini. Irreechi guyyaa Irreecha duraa, gaafa Irreechaafi Irreecha boodaa jedhamee adeemsa mataasaa qabuudha malee waanuma guyyaa tokkotti raawwatamee galamu qofa miti.
“Irreechi qabeenya aadaa, duudhaafi falaasama Oromoo calaqqisiisuudha. Keessumaa yeroo ammaa utubaa Oromoo qofa otoo hintaane akkuma biyyaattuu waltajjii tokkummaa saboota Itoophiyaa ta’aa jira. Dur kottaa hirmaadhaa jechaa turre. Amma garuu affeerraa malee biyya alaarraa dabalatee namoonni fedhiidhaan hirmaachaa jiru. Kanaaf Irreechi ammaan tana kan saboota biyya keenyaafi ummata addunyaa ta’eera jechuudha.
“Afrikaa keessatti falaasama tokko kaasuun barbaada- Ubuntuu. Ubuntuun falaasama Afrikaa keessatti beekamuudha. Falaasama akka dhuunfaatti otoo hintaane sadarkaa walootti ilaalamuudha. Ubuntuun adeemsa tokkee (qeenxee)tti hinamanu, tuuta (kolleektivizimiidha). Irreechis akkasuma. Dhuudhaaleen lamaanuu hariiroo walisaan fakkeessan qabu jechuudha.
“Yaadamni haaraan tokkos jira. Innis kan Oromolojii jedhamuudha. Akkuma Ijibtolojii jechuudha. Ijibtoolojiin waa’ee seenaa, duudhaafi aadaa Misir (Ijibti) kan qo’atuudha. Akkuma kana waan yeroonsaa ga’eef yaadama Oromolojii ykn kan of danda’ee waa’ee seenaa, aadaafi duudhaa Oromoo qo’atu jechuudha” jedhan.
Ittidabaluunis gama nageenyaatiin biyyi keenya yeroo adda addaatti rakkoolee keessa turteetti. Qaamolee nageenyaa miidiyaa dabalatee waraana meeshaa adeemsifamaa ture dandamachuun akka biyyi kun ittifuftu kan taasise Raayyaa Ittisa Biyyaati. Kanaaf isaaniifis beekamtiin kennameera jechuun ibsan.
Damee 3ffaan beekamtiin kenname tola ooltummaadha. Damee kanaan Tola Oolaa Maastar Abinnat Kabbadaa jedhamuuf beekamtiin kennameera. Namni kun namoota rakkataniif waanuma qabuun dafee qaqqaba. Nama kanaaf beekamtii jalqabaatu kenname. Kanaanis kabaja qabnuuf ibsuufiif beekamtii kennineerraaf. Dhaabbata Tola Oolaa Maqedooniyaafis akkasuma beekamtiin kennameera jedhan.
Kana malees Waajjira Giiftidureerraa Aadde Zinnaash Taayyaachoo hojii guddaa isaan bajata mootummaatiin ala maallaqa walittiqabuudhaan, maallaqa gurgurtaa kitaaba Doktar Abiyyirraa argameefi kkfn waan manneen barnootaafi warshaalee daabboo Naannoo Oromiyaa dabalatee guutummaa biyyaatti babal’isuuf taasisaniifi taasisaa jiraniif Irreechaa Awwaardiin beekamtiin kennameeraaf.
Dhaabbilee haala rakkisaa keessatti seenaa, aadaafi dhuudhaa Oromoo guddisuufi ittifufsiisuu keessatti shoora olaanaa bahataa turan keessaa tokko kan ta’e Waldaa Maccaafi Tuulamaafis beekamtiin kennameera. Namoota seenaa dhugaa Oromoo barreessan keessaa hayyuu Seenaa Taabor Waamiitiif akkasumas Pirofeesar Amsamroom Laggasaaf (hayyuu lammii Ertiraa waa’ee sirna Gadaa barreessan) beekamtiin kennameera, galateeffamaniirus.
Gargaaraa Pirofeesaraa Saamu’eel, “Sabni kun saba bal’aa waan ta’eef bara dhufu akkuma Afrikaatti hojjenna; keessumaa seenaafi duudhaa Afrikaarratti xiyyeeffanna. Iddoon Itoophiyaan seenaa Afrikaa keessatti qabdu olaanaa waan ta’eef akkasumas qe’een Afrikaanotaa Itoophiyaa waan ta’eef kanuma ka’umsa godhannee hojjenna. Karaan utubaa seenaa, dhugaafi falaasama tokko ittidhaabnu karaa kana waan ta’eef dhimmamtoota asitti waamnee beekamtii ni kenninaaf.
“Akkuma Itoophiyaattuu namoota sabootaafi sablammoota Itoophiyaa keessaa hojii dhugaa hojjetaniif akkuma baranaa bara dhufus cimsinee ittifufna. Deemee deemee kaayyoon awwaardii kanaa namoota akka addunyaatti nagaa buusuurratti, aadaa beeksisuurratti tola ooltummaarratti hirmaataniif beekamtii kennuudha. Keessumaa dameelee sadan kanneenirratti sadarkuma addunyaatti hojjechuudha karoorri keenya.
“Irreechaa Awwaardi jaarmiyaa akka biyyaatti hundaa’e waan ta’eef bardheengaddaas abbootii Gaamootiif beekamtii kenneera. Qaamolee sinodoosii lamaan nagaa buusaniifis akkasuma.
“Akeekni Irreechaa awwaardi kun caalaatti akka milkaa’uuf keessumaa Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa dabalatee dhaabbilee mootummaarraa waan guddaatu eegama. Dhaabbileen mitmootummaa dhimmichi kallattiidhaan isaan ilaallatus akkasuma qoodasaanii gumaachuu qabu. Hojii ummataafi biyyaaf hojjetamu kamuurratti waldanquurra walutubuun otoo aadeeffamee gaariidha.
“Yeroo baay’ee akka hanqinaatti kan mul’atuufi nu rakkisu beekamtii walii kennuu dhabuu waan ta’eef haalli aadmaleen kun sirrachuu qaba. Beekamtii waliikennuufi waljajjabeessuun baratamuu qaba. Akeekni Irreechaa Awwaardis kanuma waan ta’eef hunduu utubuu qaba. Beekamtii walii kennuun kun iddoo biraatti waanuma xiqqoofuu aadeffamaa waan jiruuf nu birattis cimee ittifufuu qaba.
“Dhumarrattis akeeka nuti qabannee kaane kana Yuneeskoon akka utubu amantii guddaan qaba. Sababiinsaas kan nuti deemaa jirruufi hojjetaa jirru sadarkaa addunyaatti dhimma kallattiin isa ilaallaturratti waan ta’eef.
“Ministeera Aadaafi Ispoortii wajjinis waliigaltee mallatteessinee hojjetaa jirra. Ministirri ministeerichaa Obbo Qajeelaa Mardaasaafi ministir de’eetaansaanii akkasumas keessummoonni hundi sagantichaaf iddoo kennanii hanga halkan keessaa sa’aatii 4:30tti turanii hirmaachuusaaniif guddisnee galateeffanna. Biiroon Aadaafi Turizimiis otoo argamee gaarii ture” jedhan.
Nutis barreeffama keenya kana eebba abbootii Gadaa gaafa sanaatiin haa goolabnu. “Hayyee Yaa Waaq, Waaqa jechaan kan hundaa lafa jechuun hundaa, gurraacha garaa garbaa lemmoo garaa taliilaa, kan kennitee hingaabbine, ajjeeftee gumaa hinbaasne guyyaa nagaan oollee halkan nagaan nu bulchi. Irraa gora nu oolchi, biyya biyya nagaa nuu godhi, waraana misoomatti nuu jijjiiri. Lola jaalalatti nuu geeddari.
“Waaqni barana kana kan araaraa, sabaafi sablammiin waljaalatu, tokkummaadhaan bulu nuuf haa godhu. Irreecha Finfinnee kan gannaa oofkallee Irreecha tulluutiin nu haa ga’u. Rifaatu qufaatu nu haa lagu. Rabbi araara gubbaadhaa nuu haa buusu.
“Waanti nagaa caalu hinjiru Waaqayyo biyya keenyaaf nagaa kenni. Qorichi lolaafi jibbaa jaalalaa jaalala biyya keenyatti nuu hori. Waaqayyo si waammannaa nu awwaadhu, ilmaa dhaga’i, intalaa dhaga’i, mootummaa dhaga’i, xiqqaa guddaa dhaga’i, biyya keenya nageessi, biyya keenya eebbisi, nagaa nuu kenni.
Qe’een Oromoo nagaa haa ta’u, Oromoo jidduutti nagaan haa bu’u. Oromoo jidduutti araarri haa bu’u. Gadaan quufaa gabbina!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016
6 Comments to “Irreechaa awwaardi 2ffaa: Waltajjii dhimmamtootaaf beekamtiin malu ittikenname”
Comments are closed.