“Wayita omishni qamadii daran dabale kanatti gabaarratti hanqinni akkamitti akka uumame qalbiidhaan ilaaluu feesisa” – Mallasaa Mokonnin (PhD) Ministir De’eetaa Qonnaa

Waggoota afran darbanitti Itoophiyaan damee qonnaarratti jijjiirama olaanaa keessa galuushii kan ragaa bahu hedduudha. Keessattuu gama omisha qamadii waggoota dheeraaf bittaanis ta’e gargaarsaaf biyyoota alaa jala harka qabachaa turte waggoota muraasaa as ofumasheetii omishtee of sooruu bira dabartee biyyoota alaatiifuu erguu eegalte.

Daballiin gama omishaatiin jiru waan waakkatamu miti. Sababnisaas; qamadii kanaan dura naannawa murtaawaa qofatti omishamaa ture har’a naannolee hundatti omishamaa waan jiruuf.

Qamadii dur ganna qofa omishamaa turetu ammaan tana jallisii fayyadamuudhaan waggaatti yeroo lamaafi sadii omishamaa waan jiruuf daballii omishaarratti gaaffiin hinjiru. Gaaffiin jiru garuu, osoo daballiin omishaa jiruu gabaa biyya keessaatti maaliif hir’inni uumame? Gatiin daabboo maaliif ol ka’e, barana hoo omishni qamadii bonee maalirra jira? Dhimmoota jedhanirratti Ministir De’eetaa Ministeera Qonnaa Mallasaa Mokonnin (PhD) keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifanneerra.

Bariisaa: Dursa nu wajjin gaafdeebii taasisuudhaaf eeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa.

Doktar Mallasaa: Homaa miti. Isinis dhimma utubaa dinagdee biyyattii, Qonnarratti waan hojjatamaa jiru ummata biraan gahuuf tattaaffii taasistaniif galatoomaa.

Bariisaa: Mee haala waliigalaa qonna biyyattiirratti hojii waajjirri keessan hojjachaa jiru nuu ibsuun osoo eegaltanii?

Doktar Mallasaa: Bareedakaa, akkuma ati kaafte haala waliigalaa hojiiwwan qonnaatiin walqabataniifi keessattuu dhimma xiyyeeffannoon kennamuufii qaburratti gabaabsee sii ibsuuf nan yaala.

Qonni biyya keenyaaf maal akka ta’e nama hundatu hubata jedheen yaada. Ministeerri Qonnaa faayidaa dameen qonnaa kun dinagdee biyyattii keessatti qabu hubachuudhaan karoora waggoota 10 baafatee gara hojiitti galeera.

Karoorri kun yaaduma qaama hoggansaatiin qofa osoo hintaane, qo’annoofii qorannoowwan biyyattiitti taasifamaa turan hammatee, waltajjiiwwan omishaafi omishtummaa damee qonnaarratti taasifamaa turanirratti yaadota kennamaa turan simatee, gorsaafi yaada hayyoota damichaa dabalatee kan qophaa’eedha.

Kana qofa osoo hintaane, haala yeroo ammaa biyyi keenyaafi Addunyaan irra jirtu xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan kan qophaa’e yemmuu ta’u,yeroo karoorri kun qophaa’us qophirraa kaasee dhaabbileen qorannoo garaa garaa, dhaabbileen barnoota olaanaafi jaarmiyaaleen deeggarsa misoomaa hundi akka irratti hirmaatan taasifamee kan qophaa’e waan ta’eef karoorichi fedhii mootummaa qofaan osoo hintaane qaamota damee kanarratti gahee qabaniin kan qophaa’e ta’uun beekkamuu qaba. Hirmaachuu qofas osoo hintaane, ilaalchiifi yaadnisaaniis karooricha keessatti akka hammatamu taasifameera.

Itoophiyaan biyyoota addunyaarratti argaman muraasa ‘Agroo ecology’ (teessuma lafaa) mijataafi haala qilleensaa gaarii qabdu taatus hanga ammaatti faayidaa damicharraa argachuu maltu argachaa turte jedhee qaamni afaan guuttatee dubbatu hinjiru. Qonni lafa qotanii omishuu qofa osoo hintaane, horsiisa beeyladaanis kan hammatamu waan ta’eef haalli qilleensa Itoophiyaa horsiisa beeyladootaa akaakuuwwan hundaafis mijatuudha.

Haala mijataa teessuma lafa Itoophiyaafi qilleensa biyyattiitiin dabalataanis biyyattiin haadha ummata miiliyoona 120 ta’uunshee carraa dabalataa guddina si’ataa galmeessisuuf nama gargaaru yemmuu ta’u, baay’ina ummataa kana keessaa dhibbantaan 65 ol dargaggeessa humna omishaa ta’uunsaa carraa dachaa biyyattiin karoora kana raawwachuuf qabduufi gara biyyoota guddataniitti makamuuf qabduudha.

Humna biyyattiin gama kanaan qabduufi faayidaan biyyattiinis hanga ammaatti damee kanarraa argachaa jirtu xiqqaa ta’uusaatiin karoorri waggaa 10 kun akka qophaa’u ta’us, karoora baafachuun qofti gahaadha ilaalcha jedhu hinqabnu.

Karaa kanaan dura barameen ammas damee qonnaarratti biyyattiis ta’e qonnaan bulaa fayyaduun akka hindanda’amne hoggansi sadarkaan jiru hubatee karooricha galmaan ga’uuf hojjachuutu isaanirraa eegama.

Bariisaa: Karoora waggaa 10 kana keessatti dhimmoota ijoo gabaabinaan osoo nuu kaaftanii?

Doktar Mallasaa: Bareeda. Hojiin waliigalaa damee qonnaa keessatti hojjatamu akkuma jirutti ta’ee, dhimmootni karoora waggaa kurnan kanneen keessatti hammataman guguddoo 10tu jiru. Isaan kana keessaa inni duraa misooma qamadiiti. Akkuma jalqabarratti sii kaasuuf yaaletti biyyi keenya omisha sanyiiwwan hundaatiif mijattuu yemmuu taatu, keessattuu misooma omisha qamadiitiif daran mijattuudha.

Kunis karaa dur barameen rooba gannaa eeganii ganna omishuu qofa osoo hintaane, ganna, arfaasaafi bonas jallisii fayyadamuudhaan misooma qamadii dabaluudha.

Kana jechuun immoo waggaatti marsaa sadiin omishuudhaan fedhii biyya keessaa guutuu bira darbamee gabaa alaatiif oolchuudha.

Hanga yeroo dhihootti seenaan biyyattii tana keessatti beekamu seenaa qamadii gargaarsaan gara biyyaa galuufi kan mootummaan biyyoota gara garaarraa sharafa olaanaadhaan bitee gara biyyaatti galchuuni. Isa gargaarsaan dhufu dhiifnee kan mootummaan waggaa waggaadhaan sharafa alaa olaanaadhaan gara biyyatti galchu yemmuu ilaallu, baasiin bittaa qamadii kanaaf oolu kan waggaa tokkoo qofti doolaara Ameerikaa biiliyoona tokkotti kan tilmaamamuudha.

Karoora waggaa kudhanii kana baafannee hojii waggoota afran darbanitti misooma qamadiirratti hojjatameen waggaa waggaadhaan karooraa ol omishuudhaan jijjiirama guddaa keessa galuun danda’ameera. Omishaafi omishtummaa dabaluu misooma qamadii kanarratti inisheetiviin mootummaa keessattuu Ministira Muummee Doktar Abiyyi olaanaa yemmuu ta’u, hoggansi sadarkaan jiru karooricha kutannoodhaan raawwachiisuun gaheesaa sirnaan bahachaa, qonnaan bulaanis kallattii taa’e sirnaan lafatti hojirra oolchaa jiraachuun qindoomina cimaa ijaarame kan agarsiisuudha.

Qindoomina cimaa jalaa hanga gubbaatti misooma qamadiirratti ijaarame kanaan marsaa sadanuu fayyadamuudhaan omishni qamadii seenaa biyya kanaatti hinbaramne omishamuu eegalee jira.

Qamadii jallisiin omishuun biyya kanaaf waan haaraa ture. Kana qofa osoo hintaane, omishni qamadii hojii Baaleefi Arsii kenname sadarkaa fakkaachuutti gahee ture biyya kana keessatti. Yeroo ammaa garuu keessattuu waggoota afran darbanitti iddoowwan kanaan dura omishni qamadii itti yaalamee hinbeekne hedduu misooma qamadiirratti bu’aa olaanaa argamsiisaa jiru.

Akka fakkeenyaatti Oromiyaa yoo fudhanne omisha qamadiifi garbuutiinis kan beekaman Baaleefi Arsii qofa turan. Yeroo ammaa garuu giddugaleessi Oromiyaa naannawawwan Shawaa, Booranaa, Jimmaafi haala godinaalee naannichaa hunda jedhamuun omisha qamadii keessa galaniiru.

Akka biyyatti yemmuu ilaallus, naannolee akka Somaalee, Affaariifi kibbatti omishni qamadii hinbeekamuuyyu. Ammaantana garuu hunduu gara misooma qamadiitti galanii omisha olaanaa argamsiisaa jiru.

Kanaaf bu’aawwan gama misooma qamadiitiin waggoota afran darbanitti argaman kunniin akkanumaan yookiin immoo karaa barameen hojjatamee kan dhufan osoo hintaane, iddoowwan dura waa’ee omisha qamadii hinbeekne barsiisuudhaan, iddoowwan tanaan dura qamadii waqtii gannaa osoo eeganii omishan immoo arfaasaafi bonas jallisii fayyadamanii akka omishan gochuudhaan hojii karoora damee qonnaa keessatti misooma qamadii daran dabaluuf hojjatameeni.

Bariisaa: Yeroon ammaa kun yeroo qophiifi facaasaa qamadii bonaa waan ta’eef haala hojichi irra jiru otoo nuu ibsitanii?

Doktar Mallasaa: Gaaffii bareeda. Akkuma beekamu yeroon amma keessa jirru harka tokkoon omisha ganna darbee sassaabaa harka kaaniin immoo qonna boneetiif yeroo itti qophiin taasifamuudha. Qophii qofa osoo hintaane iddoowwan hedduutti lafti omisha qamadii boneetiif ta’u qotamaa jira. Akka biyyaatti barana misooma qamadii boneetiif qofa lafa hektaara miiliyoona sadii ta’u uwwisuuf kan karoorfame yemmuu ta’u kanaanis omisha qamadii kuntaala miiliyoona 117 omishuuf karoorfamee hojjatamaa jira.

Iddoowwan omisha gannaa dursanii sassaabbataniifi dursanii qonna misooma qamadii boneetti galanitti yeroo ammaa facaasaan qamadiis kan eegalame yemmuu ta’u, hanga ammaatti lafti hektaara miiliyoona tokko ta’u omisha misooma qamadii boneetiin uwwisuun danda’ameera.

Iddoowwan hafanis rakkoon biraa uumamee osoo hintaane, iddoowwan heddutti omisha ganna darbee reefuu omisha irraa sassaabaa jiru waan ta’eef karoorri qabame milkaa’uu akka danda’u wanti nama shakkisiisu tokkollee akka hinjirretti amanna.

Asirratti wanti itti sii dabaluu barbaadu tokko, mul’anni qamadii baay’inaafi qulqullinaan omishuudhaan fedhii biyya keessaa guutuudhaan gabaa alaatiif dhiheessuuf qabamee hojjatamaa ture bifa ajaa’ibaatiin raawwatamee galma barbaadus rukutuu danda’uusaati. Kun immoo yaadicha maddisiisuu irraa kaasee hoggansa bilchaataa gama kennuutiin ministira muummee Doktar Abiyyi Ahmad dagachuun hin danda’amu.

Hoggansiifi hojjataan misooma qonnaa sadarkaan jirus karoora guddaa kana milkeessuu keessatti hunduu shoorasaa sirnaan kan bahate waan ta’eef, hojichi bu’aa qindoomina qaamolee qooda qabanii hundaan milkii argameedha.

Bariisaa: Yeroo qamadiin gara alaatti ergamuu eegale kanattis bitattoota ykn fayyadamtoota bira sirnaan ga’aa akka hinjirre komii ka’u akkamitti ilaaltu?

Doktar Mallasaa: Dhugaa dubbachuuf komiin haala raabsa omisha qamadii gabaa biyya keessaarratti mul’atu komii dhugaqabeessa. Yeroo biyyattiin qamadii alaa galchuu dhiiftee omisha biyya keessaatiin bakka buusuu dandeesse kanatti, yeroo fedhiin biyya keessaa guuttamee gara alaatti erguun danda’ame kanatti haalli omishni qamadii omishamee biyya keessatti fayyadamtoota bira ittiin gahaa jiru rakkoo akka qabu waakkachuun nama hinbaasu.

Nuti akka Ministeera Qonnaatti omishuun ala tamsaasuufi gabaa keessa gallee daangaa aangoo keenyaatiin ala ta’e keessa galuu baannus, qaamni dhimma gurgurtaafi dhiheessii midhaanii irratti aangoo qabu rakkoo kanaaf furmaata kennuudhaan omishni gahaan gama misooma qamadiitiin biyyattiitti mul’achaa jiru sirnaan fayyadamtoota bira akka geessaniif deeggarsa barbaachisu ni taasifnaaf.

Rakkoon kun gama omisha qamadiin qofa osoo hintaane, atara, ruuziifi sanyiiwwan gara garaas kan dabalatuudha.

Istaatiksii mootummaa qofaan osoo hintaane, ragaalee qaamota mitmootummaa hinta’iniinuu omishoota kanneenirratti guddinni ykn daballiin omishaa guddaan jiraachuu ragaa kan bahan ta’us, gabaa biyya keessatti garuu sanyiiwwan kunniin baay’inaan hinargamani (hanqina dhiheessii) ykn gatiinsaanii olka’aadha (daballii gatii sababa hinqabne) mul’ata.

Dhimma kana akka salphatti ilaaluun mootummaafis ta’ee ummata biyyattiitiif gaarii hinta’u. Omishni qamadii waggoota afran darbanitti dachaan dabale kun eessa dhaqaa jira? Gaaffiin jettus deebii hatattamaa argachuu qabdi.

Hanqina omishaattu jira akka hinjenne yeroo sanyiin kun omishamu ooyruurratti argaa jirra. Ooyruurratti dhibeen balleesse akka hinjedhamne yeroo haamamee sassaabamus ta’ee kombaayinaraan dhahamu argaa jirra. Kanaaf omishni qamadii baay’inaan omishamaa jiru kun eessa dhaqaa akka jiruufi hanqinni qamadii gabaa biyya keessatti mul’achuun maalirraa akka madde qalbiidhaan xiinxaluun barbaachisaadha.

Akka gamaggama keenyaatti sababni rakkooleen akkanaa ittiin mul’achaa jiraniif tokkoffaa, haalli walitti hidhamiinsa gabaa omishaafi fayyadamaa jidduu jiru daran dadhabaa ta’uu, yemmuu ta’u, kanaaf immoo ministeera dhimmi kun ilaallatu dabalatee qaamolee dhimma kana keessaa qooda qaban hundi qindoominaan hojjachuun murteessaadha jennee amanna. Hanga ammaattis hojiin eegalame waan jiruuf rakkinichi kan furamuu danda’uudha.

Lammaffaa, immoo qaawwi biraa kan ilaalamuu qabutu jira jedheen amana akka dhuunfaa kootti. Innis hubannoo kooti malee kan waajjira kootii akka hintaane naa hubadhu. Omishni Itoophiyaatti omishamu durirraa kaasee hanga ammaatti kan ummata Itoophiyaa qofa sooru osoo hintaane, kan biyyoota ollaa keenyaa hunda sooruudha.

Fakkeenyaaf, Jibuutiin omishaalee Itoophiyaa akaakuuwwan gara garaa malee hinjiraattu. Somaaliyaan, Somaaleelanda, Keeniyaan, Sudaan, Sudaan Kibbaafi Ertiriyaan biyyootni ollaa kun hundi guutummaatti ta’uu baatus omisha qonnaa olaanaa ta’e Itoophiyarraa fayyadamu.

Kanaaf, biyyootni Itoophiyaa marsanii jiran hundi omisha qonnaa Itoophiyaan omishtu bal’inaan fudhatanii fayyadamaa turani ammas ittuma fufanii jiru. Biyyootni ollaa kun omisha qonnaa Itoophiyaa fudhatanii fayyadamuun kophaasaatti rakkoo tokkollee hinqabu.

Sababnisaa nutis yeroo omishni keenya gadi bu’utti isaanirraa fudhannee fayyadamna waan ta’eef, wanti rakkoo ta’e garuu omishni qonnaa Itoophiyaa gara biyyoota ollaa kanneeniitti adeemu karaa daldala seera qabeessaatiin osoo hintaane, karaa seera maleessaafi kontirobaandiitiin ta’uusaati.

Omishni qonnaa hangana gahu waggaa waggaadhaan biyyoota ollaatiif dabarfamee kennamu kun osoo karaa seera qabeessaatiin ta’ee, biyyaaf sharafa alaa olaanaa argamsiisee qonnaan bulaadhaafis gatii gaariidhaan akka gurguratee jireenyasaa fooyyeffatuuf carraa kan uumu ture.

Garuu hanga ammaatti qorannoowwan dhimma akkanaarratti gaggeeffamaniinis wanti mirkanaa’e omishni qonnaa gara biyyoota olla keenyaatti darbu irra caalaan karaa seera maleessaatiin waan ta’eef qonnaan bulaanis ta’ee biyyattiin faayidaa argachuu maltu argachuu hin dandeenye.

Dhimmi kun immoo gaaffii “osoo omishni qamadii bifa olaanaa ta’een dabalee jiruu gabaa biyya keessatti hanqinni maaliif mul’ate” jedhuufis kan deebii ta’uudha. Omishni qamadii faayidaa gabaa biyya keessaatiif akka ooluuf yaadamee omishame karaa hinbeekamneefi seeraan ala ta’een gabaa biyya keessaa agabuu bulchee biyyoota ollaa karaa seeraan ala ta’een sooraa jira jechuudha.

Bifa waliigalaatiin ministerri qonnaa yoo omishaafi omishtummaa qamadii dabalu, kanneen dhimmi daldalaa isaan ilaallatuufi hojii seera kabachiisuurratti hirmaatanis gaheesaanii sirnaan hinbahatan taanaan omisha dabaluun qofti gabaa tasgabbeessuu akka hindandeenye muuxannoo waggoota afran darbanii irraa barachuun murteessaadha.

Dabalataanis daldaltootni osoo omishni jiruu gatii fooyya’aa eeggachuudhaaf midhaan mankuusaatti naqanii hir’ina gabaa uumaa jiran, gatii seeraan alaa kanfalchiisaa jiranis hordofanii tarkaanfii barsiisaa ta’erratti fudhachuudhaan sirreessuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Hanqina zayita nyaataa mul’atuuf baay’inaan omishamu dhabuu midhaan dibataa sababa ta’uu waan danda’uuf gama kanaan maaltu hojjatamaa jira laata?

Doktar Mallasaa: Akkuma duratti siif kaasuudhaaf yaaletti karoora waggaa kudhanii Ministeerrri Qonnaa baafateen dhimmoota yookiin immoo omishoota guguddoo 10 xiyyeefannoo jalqabaa argatan keessaa inni tokko misooma omisha sanyiiwwan dibataati.

Sababni guddaan sanyiiwwan dibataa kun xiyyeeffannoo argataniif immoo galtee omisha zayitaa waan ta’aniif, hojiiwwan gama ministeera Indaastiriitiin babal’ina indaastirii omisha zayitii saffisuun akkuma jirutti ta’ee, gama keenyaan garuu omishni sanyiiwwan zayitii omishuuf oolan kanneen akka nuugii, talbaafi saliixii akka saffisu gochuun dirqama keenya waan ta’eefi.

Karoorri waggaa kudhanii kun xiyyeeffannaansaa inni guddaan omishoota alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuu waan ta’eef, kanaanis baasii olaanaa biyyattiin dhimmoota kanaaf baaftu oolchuudha.

Waggoota afran darbanitti hanqina zayitii nyaataa biyya keessaa furuufi isa alaa galu biyya keessatti omishuudhaan bakka buusuuf hojii gama midhaan quyyisaa zayitii omishuuf oolan omishuuf hojjatameen bu’aan argame olaanaa ta’us, akka fakkeenyaatti atara gabbataa baay’inaan omishuun danda’amullee gabaa dhabuudhaan qonnaan bulaan rakkoo keessa galeera.

Kun immoo gara fuula duraa irratti omisha kana haala gaarii ta’een ittifufuurratti rakkoo waan uumuuf, Omisha Gabaa Itoophiyaa, Ministeera Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin taanee furuu akka qabnu irratti waliigallee hojii eegalleerra.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

10 Comments to “ “Wayita omishni qamadii daran dabale kanatti gabaarratti hanqinni akkamitti akka uumame qalbiidhaan ilaaluu feesisa” – Mallasaa Mokonnin (PhD) Ministir De’eetaa Qonnaa”

  1. Pingback: Justin
  2. Pingback: p0rn
  3. Pingback: LuckyVip77
  4. Pingback: dultogel
  5. Pingback: Dental1

Comments are closed.