Kabaja biyyaalessaa
Kaayyoon ida’amuu inni tokkoofi ijoon sabboonummaa biyyaalessaa lammiileefi biyya keenyaa mirkaneessuudha. Yeroo kabaja lammiilee jennu duudhaa lammiileen keenya ofiisaaniis ta’e warra kaan biratti gatii argachuufi kabajamuuti.
Kabajni qajeelfama faayidaa waloofi sodaa eegsisuuti. Duudhaa namoonni yeroo hunda karaa gara maniitti ittiin dhiyaatan otoo hintaane ofiidhumasaaniitiifuu akka isaanumti manii ta’uu ittiin amananiidha.
Kabajni namoota uumama namoomaa hunda, biyyaafi gareedhaan akkasumas sadarkaa nama dhuunfaatti ilaalamuu danda’a. Kaayyoowwaniifi duudhaaleen biyya keenyaa kan kabaja lammiilee mirkaneessan ta’uu qabu. Biyya keenyatti mankaraaruu sabummaarraa kan ka’e waanti dadhabaa dhufe tokko sabboonummaa biyyaalessaati.
Sabummaan sadarkaa sabaattis haa ta’uu sadarkaa biyyaatti amala warreen kaan wajjin waldorgomuu yoo qabaatu, sabboonummaan biyyaalessaa garuu amala jaalala biyyaa qabaachuun kan of ijaaruufi ofirraa ittisuurratti xiyyeeffateedha.
Waggoota darbanitti amalli gootummaa lammiilee biyya keenyaa gadibu’aa dhufeera. Lammiileen biyyasaanii dhiisanii godaanan, gareewwan gurmaa’anii biyyumasaanii saaman, taa’anii kanneen gadibu’iinsa biyyasaanii daaw’atan, beektonni kun hinga’u jedhanii gadibu’iinsa kana hammeessuuf odeessaa oolan, gootummaafi sabboonummaan biyyaalessaa laafuusaatiif agarsiistuudha.
Kanaafuu, akka biyyi keenya soorummaafi dimokraasiitti ceetu yoo barbaadame jaalala lammiileen biyyasaaniif qaban dabaluudhaan guddinaafi eenyummaa biyyasaaniirratti gootota mariif hindhiyaanne gochuu barbaachisa.
Qunnamtiin alaafi dippolomaasiin kabaja, eegumsaafi nageenya lammiilee keenya ala jiraataniif kan dhimmuufi falmu ta’uu qaba. Hojiileen dippiloomaasii keenyaa kabaja Itoophiyaanotaafi dhalattoota Itoophiyaa eegsisuu ilaalchisee qaawwa bal’aa kan qaban ta’uun nihubatama.
Kabaja biyyaalessaa keenya eegsisuun qajeelfama hojii dippiloomaasii keenyaa ta’uutu irra jiraata. Hojiilee dippiloomaasii dinagdeefi nageenyaa keenya biroos haa ta’uu mirga lammiilee keenyaa kabachiisuu ilaalchisee hojiin hojjennu kabaja biyyaalessaa keenya kan eegsisu ta’uu qaba.
Karaa biraatiin, hammamillee isa qofa yoo ta’uu baates, kabajni biyyaalessaa kan fedhii otoo hinta’iin qabiyyee humna biyyummaati. Ibsituuwwan ijoo humna biyyaa ammoo humna ittisaafi dinagdeeti.
Taphni humnaa dandeettii ittisa biyyaa hirkoo ijoo kan ta’u waraanni filannoowwan dippiloomaasiifi siyaasaa duguugamanii yeroo dhuman sadarkaa dippiloomaasii isa dhumaa ta’uusaa hubachuudhaani.
Kanaafuu, waraanni firii fedhii qaama tokkoo qofa ta’uu dhiisuusaatiin haala kamiinuu yoo eegalame garuu humna walitti dhufeenya alaa waraana yeroo gabaabaa keessattiifi baasii xiqqaadhaan injifachuudhaan xumuruu giddugaleessa godhatee ijaaruu barbaachisa. Kunis kallattii dhimma alaa, nageenyaafi ittisa walitti hidhu hordofuu jechuudha.
Humni walta’e kunis uumameera jedhamuu kan danda’u naannolee waraanaa afraniitti (lafa, bishaan, qilleensaafi saayibariirratti) fedhiifi faayidaa biyyaalessaa biyya keenyaa eegsisuu yoo dandeenyeedha.
Kanaafuu, manii guddaafi kallattii xiyyeeffannaa tasgabbiifi nageenya biyya keenyaa ta’uu kan qabu humna naannolee waraanaa afranuu bu’aaqabeessa ittiin taasisnu uumuurrratti ta’uu qaba. Dhimmi humna bishaanirratti qabnu kabachiisuu wajjin walqabatu inni tokko dhimma nageenya biyyaalessaafi sabboonummaa dinagdee biyyi keenya galaana diimaarratti qabduudha.
Galaanni diimaan daangaa Itoophiyaarraa fageenya gabaabaa (kiiloo meetira 60) irratti kan argamuudha. Sochiiwwan galiifi ba’ii daldala Itoophiyaa akka waliigalaatti kan hundaa’an galaana diimaa kanarratti.
Itoophiyaa Afrikaa keessatti biyya dhaabbilee doonii guguddoo qabdu waan ta’eef, shaqaxoonni ba’aniifi galan hedduunsaanii galaanarra imalanii kan seenaniifi ba’an karaa galaana diimaa darbaniiti. Kanaafuu, eenyummaan hundagaleessaa Itoophiyaa galaana diimaarra kan dhaabateedha. Dinagdeen biyya keenyaa kallattiinis ta’u alkallattiin nageenya galaana diimaa wajjin kan walqabateedha.
Sodaan fuuldura keenya jiru, haalli duraan tureefi qorqalbiin naannawa kanaa otoo sochii keenya hindaangessiin, akkasumas otoo faayidaa keenya hinmiidhiin deemuu kan dandeenyu yoo nageenyiifi tasgabbiin galaana diimaafi naannawa sana jiraate qofa. Sodaawwan loltummaa, dinagdee, siyaasaafi dippiloomaasii naannawa kanatti uumaman yaaddoowwan nageenya biyyaalessaa biyya keenyaati.
Biyyoonni buufata waraanaa naannawa sanatti ijaarratan gidduusaanii yoo waliigaltee dhabuun uumame eenyummaan warreen akka biyyaatti dhaabanne rakkoo keessa seenna. Yeroo dinagdeen Itoophiyaa guddachaa deemutti ittifufiinsasaa eegsisuuf nageenya keessoo qofa otoo hintaane kan naannawaallee nu barbaachisa. Itoophiyaan nagaa ta’uu naannawashiitii baay’istee barbaaddi.
Kanaafuu, Itoophiyaan shooraafi aangoo galaana diimaarratti qabdu guddisuu qabdi. Yaaddoo guddina dinagdeefi nageenya naannawa sana jiru hir’isuutu ishiirraa eegama. Galaanni diimaan dirree walittibu’iinsaa biyyoota guddatanii ta’aa dhufuusaatiin Itoophiyaanis gama kanaan ittifayyadama galaana diimaa ilaalchisee haalli sadarkaa idiladdunyaatti fudhatamummaa qabu akka uumamu gochuutu irra jiraata.
Itoophiyaan dippiloomaasiifi fudhatamummaa nageenya hiikuu sadarkaa idiladdunyaatti, ardiifi naannawashii keessatti qabdu guddifachuutu irraa eegama. Daddarbiinis daldalaa galaanarraa nagaa ta’ee akka jiraatu carraaquu qabdi.
Furmaata kallattii danuu barbaaduun, kallattiin hunda hirmaachisuufi iftoomina qabu akka dhufu gochuu qabdi. Walitti bu’iinsonni jiranis to’annoodhaa ala bahanii karaa darbiinsaa akka ishii hindhowwanne gochuudhaan shoora geggeessummaa taphachuu qabdi.
Haala siyaasaafi dinagdee addunyaa gegeeddaramaa ta’e kana keessatti haalota hiriiraafi caaseffama naannawa galaana diimaatti taasifamuu danda’an ittidhiyeenyaan hordofuu barbaachisa.
Dhimmi naannawa kanatti uumamu kamuu Itoophiyaaf murteessaa waan ta’eef biyyoota guguddoo nannawa sanatti bu’uura buusan wajjin walittidhufeenya uumuufi hojii farra waanbadummaa biyyoota kaan wajjin ta’uudhaan haalota to’achuu barbaachisa.
Carraaqqiin biyyi keenya taasistu meeshaaleen shaqaxaa seenaniifi ba’an haala yaaddoo nageenyaarraa bilisa ta’een karaa galaana diimaa wabii ittiin dabarsitu argachuu qaama idiladdunyaa keessatti hammatamee akka ta’u dhiibbaa gochuu qabdi.
Yoo sochiin daldala alaa biyyattii jiraachuu baate nageenya biyyaalessaa mirkaneessuun waan hindanda’amneef filannoon ijoofi tokko Itoophiyaan humna galaanaa duraan qabdu deebistee ijaaruudhaan naannawa kana humna morkataa ta’e kaa’uu qabdi.
Maddi: Kitaaba IDA’AMUU, fuula 348-352
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016
8 Comments to “Itoophiyaan humna morkataa naannawashii kaa’uu qabdi”
Comments are closed.