Mattuu: Bosona dukkana’aa, mana baadiyyaa ogeessi cimaan akka aduufi rooba hingalchinetti kaabee ijaare fakkaatu, samii hurriifi duumeessi irraa hindhabamneefi aduun baay’inaan irratti hinargamne, iddoo boqonnaa haara galfii qalbiifi onnee, Iluu Abbaa Booraa biyya Caalii Shonee.
Bosonni gabbataan kun bineensota bosonaa akka biyyaatti sababa ciramuu bosonaatiin gara biyyoota ollaatti baqachuudhaaf dirqaman kanneen akka qeerransaatiif abdii ta’ee, akaakuuwwan shimbirroofi allaattiiwwan hedduuf mana jireenyaa nageenyisaa eegame ta’ee jara qubachiisee sooratas nyaachise.
Fincaa’aa Dagwajii Godina Buunnoo Baddallee Aanaa Gachiitti argamu daawwachuun torbee Turiizimii Oromiyaa baranaa kana tokko jedhee kan eegale jilli ayyaanicha kabajuudhaaf gara lixa Oromiyaatti bobba’e, godinoota Oromiyaa keessaa Ambaasaaddara Nageenyaa jedhamuun kan moggaafame godinichi qabeenya uumamaa hedduu hawwata turiizimii ta’an qabaachuun cinatti nageenyisaa kan mirkanaa’e waan ta’eef turistootaafis carraa gaarii kan uumuudha.
Itti fufuunis godina Iluu Abbaabooritt siidaa abbaa hogbarruu Oromoo Abbaa Gammachiis/Onisimos Nasiib daawwachuudhaan gara fuula duraatti kan imale jilli kun, hayyuun kun godina kanatti Aanaa Hurrumuu jedhamutti kan dhalatan akka ta’eefi awwaalchisaaniis achitti raawwatamuutu himama. Yaadannoo hayyuu kanaatiif tanaan dura siidaan isaanii aanaa sanatti kan dhaabbate ta’us, ijaarsi gamoo aadaafi seenaa akkasumas manneen kitaabaa hirmaannaa ummataatiifi mootummaan jalqabamee ture hanga ammaatti osoo hinxumuramiin hafuu garuu hawaasni ni komata.
Yeroo ammaa kana Yunivarsiitiin Mattuu ijaarsa kana abbummaadhaan hojjachiisee xumursiisuudhaan yaadannoo hayyuu kanaa olkaa’uuf kutannoo agarsiisuun akka oduu gaariitti fudhatama.
Daawwannaa kanaan bosona yabbuu sadarkaa Yuneskootti galmaa’erraa hanga Fincaa’aa Soor kan Abbaayitti aanee akka biyyaatti sadarkaa lammataatti argamu kan daawwataman yemmuu ta’u, qabeenya turiizimii lixa Oromiyaatti argamu irraa fayyadamuun hafee hojiin adda baasuutuu reefu kan eegalaa jiru ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa (BATO) Aadde Jamiilaa Simbiruu ni ibsu.
Yeroo ammaa kana garuu dameewwan murteessoo mootummaan xiyyeeffannoo addaa kenneef keessaa inni tokko damee turiizimii waan ta’eef gama kanaan immoo humna lixni Oromiyaa qabu beeksisuudhaaf torbeen turiizimii Oromiyaa kun Magaalaa Mattuutti akka kajamu taasifamuus dubbataniiru.
Kitaabni Qajeeltoo Turistii Sarara Kibba Lixaafi Lixa Oromiyaas saganticharratti kan eebbifame yemmuu ta’u, kunis iddoowwan qabeenyi turiizimii kunneen itti argamaniifi haala waliigala irratti hubannoo gahaa kan kennu ta’uunis ibsameera.
Naannawaan qabeenya uumamaatiin badhaadheefi hawwata turiizimii gabbataa ta’e qabu kun garuu gama bu’uraalee misoomaatiin boodatti hafaa waan ta’eef xiyyeeffanaa argachuu akka qabu hirmaattotni sagantichaa yaadachiisaniiru.
Torbeen turiizimii Oromiyaa kun yeroo 19ffaaf mata duree “Turiizimiifi invastimantii Magariisa” jedhuun kabajame.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016
3 Comments to “ Qabeenyi turiizimii kibba lixa Oromiyaa sababa rakkoo bu’uraalee misoomaatiin dhokachaa jira”
Comments are closed.