Fooyyessi Labsii DhPI sagalee guutuudhaan ragga’e

Finfinnee: Fooyyessi Labsii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa (hojiiwwan riifoormii cimsuufi waliingahiinsa hojiilee qabiyyee bal’isuu dandeessisu sagalee guutuudhaan ragga’e.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bara hojii waggaa 3ffaa, walgahiisaa idilee 7ffaa dheengadda gaggeesseen labsii fooyya’iinsa hundeeffama DhPI sagalee guutuudhaan raggaasiseera.

Afyaa’iin mana marichaa Obbo Taaggasaa Caafoo akka jedhanitti, miidiyaawwan ummataa kan bulchu mana mareeti. Kanaaf sadarkaawwan miidiyaan irra gahe hubachaa miidiyaa dorgomaa taasisuu barbaachisa.

Gama kanaan DhPIn otoo ergamasaa ijoo gadi hingadhiisiin filatamaa akka ta’uuf labsichi ragga’uun barbaachisaadha jedhaniiru.

Yaada murtoo fooyyessa labsichaa kan dhiyeessan Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokraasii Obbo Iwunatuu Allanaa gamasaaniin, dhaabbatichi hojiilee riifoormiifi qabiyyee hojjechaa jiruun biyya keessaafi alaatti waliin gahuuf ragga’uun labsichaa dirqama jedhaniiru.

Si’ana miidiyaa tokko qofaa qabatanii deemuun rakkisaadha kan jedhan Obbo Iwunatuun, daangaan miidiyaa badeera, kanaaf dhaabbatichi muuxannoosaa damee maxxansaatiin horate otoo gadihindhiisin filannoo miidiyaa biraatiin akka dhufu eeyyamuun dhugaa barichi barbaaduudha jedhaniiru.

DhPIn gama hojiilee ummataafi biyyaaf dhiyeessaa jiruun filannoo miidiyaa maltiirratti yoo bobba’eefi kanaafimmoo sirni hojmaata faayinaansii gufuu ittita’e yoo fooyya’eef gumaachi biyyattiif buusu olaanaa ta’a jedhan.

Dhumarrattis gaaffiilee miseensotarraa ka’aniif Afyaa’iin mana marichaa Obbo Taaggasaa Caafoofi Obbo Iwunatuun ibsa dabalataa erga kennanii booda labsichi sagalee guutuudhaan ragga’eera.

Wayinisheet Kaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Fooyyessi Labsii DhPI sagalee guutuudhaan ragga’e”

  1. Pingback: https://noonoo.org
  2. Pingback: viplotto168
  3. Pingback: som777

Comments are closed.