Finfinnee: Itoophiyaan imaammata dinagdee beekumsaafi qabeenya biyya keessaarratti hundaa’e bocuun erga hojii eegaltee as jijjiirama dinagdee addunyaan ragaa ba’u galmeessisaa jirti.
Haala walxaxaafi qaala’iinsa jireenyaa qormaata hamaa ta’e keessatti biyyattiin guddina dinagdee saffisaa galmeessisaa jiraachuushee baankii addunyaafi dhaabbileen maallaqaa addunyaa ragaaleen ba’aa akka jiran Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) yaa’ii Idilee 4ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarratti ibsuunisaanii ni yaadatama.
Doktar Abiyyi jilasaanii waliin Yaa’ii Misooma Industirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ostiiriyaa, Veenaatti Wiixata darbe adeemsifamerratti keessummaa kabajaa ta’anii argamuun haasaa taasisaniin yaada kana irra deebiin dubbataniiru.
Haasaasaaniin, Itoophiyaan potenshaala keessoo, carraafi rakkoolee jiran qixa sirriin hubachuun imaammata dinagdee keessoo hojiirra oolchuun jijjiirama hundagaleessa galmeessaa jiraachuu eeranii; keessattuu dameewwan qonnaa, industirii, teknolojii, turiizimiifi albuudaarratti jijjiiramni olaanaan argamuu yaadachiisaniiru.
Akka isaan jedhanitti, xiyyeeffannaa damee qonnaatiif kennameen lafti qonnaa hektaara miliyoona 15.3 ture gara hektaara miliyoona 22.9tti guddateera. Omishaaleen sharafa alaa argamsiisuuf irratti kaayyeffataman kanneen akka qamadii, bunaa, avokaadoofi baalli shaayii bu’aa guddaa argamsiisaa jiru.
Fayyadama teknolojiif xiyyeeffannaa kennameen waraqaa eenyummaa dijitaalessuun, kaffaltii karaa elektironiksii raawwachuufi dandeettii yaadachuu namtolchee/intelegensii artifishaalaa hojiitti hiikuun danda’ameera jedhanii; dagaagina industiriif paarkiiwwan idustirii guguddoo 12 ijaaruun gariin gara omishaatti galchuus hubachiisaniiru.
Dinagdee magariisaa faalamarraa bilisa ta’e uumuuf sagantaa ashaaraa magariisaa bocuun hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 32 ol dhaabuu himanii; madda anniisaa elektirikaa humna bishaanii, hurka lafa jalaafi bubbeetti fayyadamuun anniisaan elektirikii biyyattii dhibbantaan 98 faalamarraa bilisa akka ta’es ibsaniiru.
Daarektarri olaanaan Misooma Industirii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Geerdi Muler gamasaaniin, Itoophiyaan bulchiinsa Doktar Abiyyi Ahmadiin jijjiirama dinagdee abdachiisaa keessa jiraachuu himanii; damee qonnaaf xiyyeeffannaa kennameen biyyattiin omisha qamadiin of danda’uu bira dabartee gabaa addunyaafuu dhiyeessuu danda’uushee dinqisiifataniiru. Madda anniisaa elektirikii faalama qilleensaarraa bilisa ta’e biyyattiin fayyadamaa jirtuufis galateeffataniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad yaa’icha cinaatti mootii Ostiiriyaa, Kaarlii Nehamer waliin haala itti walittidhufeenya biyyoota lameenii cimsaniifi abbootiin qabeenyaa biyyattii qabeenyasaanii Itoophiyaatti investii godhanirratti mari’achuusaanii kan ibsan ammoo Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tulluu (PhD)ti.
Haaluma kanaan abbootiin qabeenyaa Awustiriyaa gara Itoophiyaa dhufuun damee qonnaa, albuudaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, keessattuu ijaarsa daandii baaburaarratti bobba’uuf fedhii qabaachuu Doktar Laggasaan ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Doktar Abiyyi jilasaanii waliin imala gara Rippabilikii Cheekitti taasisuun Ministira Muummee biyyattii Piitar Fiyaalaa waliin dameewwan fayyaa, raayyaa ittisaa, aadaafi turiizimii akkasumas qonnarratti haala waliin hojjetamuun danda’amurratti marii bal’aa taasisuu Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Aadde Salaamaawiit Kaasaa ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduu
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016
3 Comments to “ “Itoophiyaan daandii guddinaarra saffisaan imalaa jirti” – Doktar Abiyyi Ahmad”
Comments are closed.