Bu’aalee qonnaa alaa galan hambisuu qofa osoo hintaane alatti erguun danda’ameera 

Finfinnee: Babal’achuun misooma paarkiiwwan industirii bu’aalee qonnaa alaa galan hambisuu qofa osoo hintaane sona dabaluun alatti erguuf karra saaquun ibsame.

Kamisa darbe daawwannaan Giddugala Ce’umsaa Baadiyyaa Maqiifi Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa walta’iinsa Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa, Komishinii Tuuriizimii Oromiyaafi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa taasifameera.

Gaggeessituun Hojii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa Aadde Sannaayit Mabree akka jedhanitti, hawwamaa kan ture bu’aalee qonnaa sonni ittidabalame alaa galchuun hafee paarkiiwwan industirii qabaachuun alatti erguun danda’ameera. Paarkiiwwan industirii kunneen bu’aalee qonnaatti sona dabaluun alatti erguun sharafa alaa argachuu qofa osoo hintaane, carraa hojii bal’aa uumuun hoji dhabdummaa hir’isaa jiru.

Maqiifi Paarkiin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa Giddugala Ce’umsaa Baadiyyaa ja’a jechuunis Maqii, Shaashamannee, Dodolaa, Itayyaa, Baalee Roobeefi Oolancitii of jalatti hammateera jedhanii; wiirtuuleen kunneen bu’aalee qonnaa qonnaan bultootarraa fuudhuun sona dabalanii gabaaf dhiyeessuudhaan galii garii argamsiisuun ala walitti hidhamiinsa qonnaafi industirii finiinsaa jiraachuu himaniiru.

Biyyoota Ameerikaa, Noorweey, Fiilaandiifaatti nyaatni sonni ittidabalamee daandiirratti gurguramuufi giddugalli ce’umsa baadiyyaa bakka bashanannaafi namoota hedduun daawwatamuufi galii guddaa kan argamsiisu ta’uu kan ibsan ammoo Komishinara Komishinii Turiizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaati.

Abbootii qabeenyaa paarkichatti omishasaanii sona dabaluun alatti erguu yaadan keessaa kan dursa qabatan abbaa qabeenyaa abaaboo alatti erguun beekaman Obbo Daawwit Wubusheeti. Obbo Daawwit dhaabbatasaanii “Ethio-flowerpot” jedhamu, kan kanaan dura abaaboo kaappitaala doolaara Ameeriikaan kuma 50 alatti erguu jalqabe, yeroo ammaa ammoo omishaalee avokaadoofi muuzii dabalatee hanga alergiisaa doolaara kuma 700 olitti guddisuu danda’eera.

Akka isaan jedhanitti, kanaan dura haala mijataa dhabuun omishaaleen alatti ergan dafee kan alaa’an waan ta’aniif hanga dhibbantaa 40tti mancaaatiif saaxilamaa turan. Amma garuu giddugala waan hundumaan mijataa ta’e kana argachuusaaniitti daran gammadaniiru.

Hanqina sharafa alaa biyyattii furuuf omishaalee baay’inaafi qulqullinaan erguuf haala mijaa’aa kanatti fayyadamaa jiru. Carraa hojii yeroo ammoo namoota hanga 550 oliif uuman dachaan dabaluufis kaayyeffataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “Bu’aalee qonnaa alaa galan hambisuu qofa osoo hintaane alatti erguun danda’ameera ”

  1. Pingback: ks quik 2000

Comments are closed.