Guyyaan sabootaa hojiilee ummata fayyadan hojjechuun kabajama

  • Sirni federaalizimii sabdaneessaa tokkummaa biyyaalessaa dagaagsa

Finfinnee: Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa marsaa 18ffaan Sadaasa 29 bara 2016 akka biyyaalessaatti Naannoo Somaaleetti kabajamuuf qophiin taasifamaa kan jiru yoo ta’u, akka Oromiyaattis Sadaasa 26, Magaalaa Maayaatti akka kabajamu Caffeen Oromiyaa ibse.

Afyaa’ii Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa kabaja ayyaanichaa ilaalchisuun ibsa dheengadda miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, guyyichi guyyaa heerri biyyattii ittiragga’e yoo ta’u, saboonni waanjoo garummaa jalaa ba’uun injifannoosaanii itti mirkaneeffataniidha.

Ayyaanichis bara 1998 irraa eegalee waggaa waggaan sagantaawwan garagaraatiin kabajamaa turuu yaadachiisanii, barana hojii ummataaf hiika qabu hojjechuun akka kabajamu ibsaniiru. Akka Oromiyaattis seensa baatii Sadaasaarraa eegalee kabajamaa jiraachuu himanii, Sadaasa 25 marii paanaaliitiin, Sadaasa 26 ammoo qindeessummaa Caffee Oromiyaa, Godina Harargee Bahaafi Magaalaa Maayaatiin miidhaginaan kan kabajamu ta’uu eeru.

“Sagantichaaf Oromiyaan kan sadarkaa naannoofi biyyaaleessaatti kabajamuuf qophaa’aa jira. Hirmaattonni ayyaanichaa hundi Oromiyaa qaxxaamuranii gara Jigjigaatti waan imalaniif isaan haala gaariin simatanii keessummeessuuf koreen hundaa’ee qophiin addaa taasifameera” jedhu.

Ayyaanichaan walqabatee kallatii, barana haala addaatiin kabajamuu qaba jedhu hordofuun duudhaalee waloo naannichi labse, tajaajila lammummaa, buusaa gonofaa, gaachana sirnaafi manni murtii aadaa hammam hojiitti hiikamaa akka jiru daawwachuun, karoora xiiqii qabame keessaa ji’a Sadaasaatti haala addaan raawwachuun kabajamaa jiraachuu himu.

Akkasumas hojiilee misoomaa kanneen inisheetiiviidhaan hojjetamaa jiran bal’inaan daawwatamuus eeranii, seektara fayyaa wajjin ta’uunis tajaajilli wal’aansa bilisaafi arjoomni dhiigaa taasifamaa jiraachuu Obbo Eliyaas ibsaniiru. Guyyichi Hidha Haaromsaatiif bittaa boondii raawwachuufi dhiiga arjoomuun kabajamaa jiraachuu eeraniiru.

Guyyichi mataduree “Heddumminniifi walqixxummaan tokkummaa biyyaalessaatiif” jedhuun kabajama.

Oduudhuma walqabateen,sirni federaalizimii sabdaneessaa walqixxummaafi tokkummaa biyyaalessaa dagaagsuuf shoora olaanaa akka qabu hayyoonni ibsan.

Waltajjiin marii  Gumii Balal marsaa 35ffaan guyyaa Sabootaa sababeeffachuun qophaa’e kaleessa Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti adeemsifameera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa waltajjicharratti taasisaniin, Itoophiyaa biyya saboota aadaa, afaaniifi amantaa garagaraa qabanirraa ijaaramteef sirni federaalizimii sabdaneessaa murteessaadha.

Sirnichis qajeeltoo ofiin of bulchuu, walkabajuu, walhubatanii tokkummaa biyyaalessaa ittiin dagaagfatan ta’ee tajaajila jedhanii; qaamolee sirna qeenxee leellisan dura dhaabachuun qormaata waloo waliin furachuufi waliin biyya bulchuuf  sirnichi shoora olaanaa taphataa jiraachuu ibsaniiru.

Mana Maree Federeeshiniitti Ittigaafatamaan Dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Tarrafaa Badhaadhaa gamasaaniin, sirni federaalizimii sabdaneessummaa aadaa, afaaniifi seenaa saboota Itoophiyaaf beekamtii kennuun biyya ijaaraa jiraachuu himaniiru. 

Amma akka lammii lammaffaatti ofilaaluun hafee gara ilaalcha biyya waliin qabaachuutti ce’ameera. Afdaneessummaan dagaagee saboonni Itoophiyaa aadaa waliihubachuun walitti dhufeenyisaanii akka cimuuf mootummaafi manni marichaa hojii guguddaa hojjetaa jiru jedhaniiru.

Ayyaanichi, saboota walbarsiisuun, akka muuxannoo waljijjiiran taasisuurra darbee, hawwata tuurizimiifi iddoowwan investimantiisaanii ittibeeksifatan ta’uus himanii; ida’amni taateewwan ijaarsaafi tokkummaa biyyyaa cimsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Hayyuun federaalizimii  yunivarsitii Finfinnee Doktar Tasfaayee Jimaa waraqaa ka’umsa marii dhiyeessaniin federaalizimiin sabdaneessaa ijaarsa biyyaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Sirnichi cimee ittifufuufi dimokraasii wajjin walsimuu himanii; federaalizimiin dimokraasiidhaan walsimuudhabuun, malaammaltummaa, sabquunnamtii cimaan dhabamuu, rakkoon daangaa bulchiisaa furamuu dhabuufi ilaalchi qaamolee sirna qeenxee leellisanii danqaa federaalizimii sabdaneessaa ta’uus eeraniiru. 

Gorsaan tarsimoo ABO Obbo Ibsaa Nagawoo gamasaaniin walqixxummaan sirna federaalizimii sabdaneessaa keessatti dhugoomu tokkummaa fida. Tokkummaan ammoo dimokraasiifi waliin guddachuu dhugoomsa jedhan.  

Saamraawwit Girmaafi Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “Guyyaan sabootaa hojiilee ummata fayyadan hojjechuun kabajama”

  1. Pingback: sagame

Comments are closed.