Finfinnee: Itoophiyaan kallattii Affaariin fageenya gabaabaarratti Galaana Diimaan walitti ba’uun ulaa galaanaa mataashee qabaachuu akka dandeessu Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo beeksisan.
Ambaasaaddar Shifarraan Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Itoophiyaan biyya guddoo dinagdeenshee saffisaan guddachaa jiru waan taateef ulaa galaanaa garagaraa akka filannootti qabaachuutu irraa eegama. Itoophiyaan kallattii Affaariin fageenya kiilomeetira 45 hincaalle keessatti Galaanaa Diimaan walitti ba’uun ulaa galaanaa mataashee tolfachuu dandeessi.
Akka isaan jedhanitti, yeroo baay’ee qaamotni tokko tokko Itoophiyaan akka qaama Galaana Diimaa hin taanetti ibsu. Ta’us Galaanni Diimaan lafa keessa yaa’ee Affaar bakka Afdeeraa jedhamutti omisha ashaboof oolaa jiraachuu qorannooleen garaagaraa kanaan dura taasifaman mirkaneessaniiru. Affaar bakki Daalol jedhamu sirriirri galaanaasaa Galaana Diimaan walqixa waan ta’eef Itoophiyaan yoo bakka kana qotuun Galaana Diimaan walitti baaste salphaadhumatti haroo bal’innisaa kiloomeetira kuma torbaafi 974 ta’u hojjechuun ni danda’ama.
Bo’oo Suwiisii kan yeroo ammaa dooniiwwan addunyaa hedduu keessummeessuun galii olaanaa argamsiisaa jiru hojjechuuf Galaana Meediteraaniyaanii hanga Galaana Diimaatti lafti kiloomeetirri 90 qotamuu yaadachiisanii, Itoophiyaan garuu ulaa galaanaa argachuuf Afdeeraa hanga Galaana Diimaatti yoo baay’ate lafa kiiloomeetira 40 hanga 45 qofa qotuu akka ishee gaafatu ibsaniiru. Kana malees, Itoophiyaan lafa gadi fageenyisaa sirriirra galaana hedduu waan qabduuf fageenya dheeraa qotuu gaafata malee kallattii Jibuutiinis ulaa galaanaa qopheeffachuu akka dandeessu hubachiisaniiru.
Itoophiyaan gama kamiinuu ulaa galaanaa argachuuf hojiin dippiloomaasii cimaan barbaachisaadha jedhanii, kanaan duras Itoophiyaan ulaa galaanaa akka dhabduuf Laga Abbayyaa misoomsuuf karoora tureen walqabatee Itoophiyaa dadhabsiisuuf shira hamaa hojjetame ta’uus kaasaniiru.
Haa ta’uutii, rakkoon har’aa yeroo waan namaaf hinkennineef ulaa galaanaa tajaajila kennaa jiru qajeelfama kennanii fudhachuun fayyadamuuf carraaqqii taasisuun Itoophiyaa dhimma sirriifi murteessaa ta’uu himanii, hundaa ol hariiroo gaarii amma jiruun haala fayyadamummaa biyyoota lameenii mirkaneessurratti Eertiraa waliin walitti dhufeenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Hidhaan laga Abbayyaa wayita ijaarsisaa eegalamu dhiibbaan idil addunyaa daran hammaataa turus hojii dippiloomaasii cimaa hojjetameen dhugaan Itoophiyaa hubatamee ijaarsi hidhichaa sadarkaa ammaarra ga’uu ibsanii, ulaa galaanaa argachuuf Itoophiyaan gama kamiinuu mirga guutuu qabaattus akkuma hidha Laga Abbayyaa danqaalee hedduun waan jiraniif cimanii hojjechuu gaafata jedhaniiru.
Itoophiyaan durirraa eegalee biyyoota ollaa waliin aadaa waliin hojjechuufi guddachuu qabaachuu himanii; anniisaa elektirikaa hidhaan Laga Abbayyaa biyyoota ollaaf gatii madaalawaan dhiyeessuuf akkuma karoorfatte ulaa galaanaa mataashee yoo gonfattes omishaalee barbaachisoo gatii madaalawaan biyyoota ollaaf dhiyeessuu akkusumas omishaalee biyyoota ollaa galfachuuf kan gargaaru ta’uu hubachiisaniiru.
Ulaan galaanaa guddina biyya tokkoof dhimma akkaan murteessaadha kan jedhan Ambaasaaddar Shifarraan, Kooriyaan biyya qabeenya uumamaan qoqqobamte taatus ulaa galaanaatti qixa sirriin fayyadamuun yeroo ammaa guddina dinagdee roga maraa keessa jiraachuushee yaadachiisaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016
4 Comments to ““Itoophiyaan kallattii Affaariin fageenya gabaabaarratti ulaa galaanaa qopheeffachuu dandeessi” -Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo”
Comments are closed.