“Ashaaraan magariisaa qabsoo Itoophiyaan badhaadhinaaf taasiftuuf gahee olaanaa qaba”  -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Sagantaan ashaaraa magariisaa qabsoo Itoophiyaan misoomaafi badhaadhina gonfachuuf taasistu keessatti ga’ee olaanaa qaba jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad.

Ministirri Muummeen yaa’ii 28ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (‘COP28’) irratti haasaa taasisaniin hojiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaa, Itoophiyaa bira darbee biyyoota addunyaatiif jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Doktar Abiyyi Ahmad sagantaan ashaaraa magariisaa pirojektii misooma bosonaa addunyaarratti isa guddaa ta’uu ibsaniiru. Sagantichi eegumsaafi misooma naannawaa dagaagsuu qofa osoo hintaane namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaan biqiltoota adda addaa biyyoota ollaatiifis raabsuun sagantaa ashaaraa magariisaa cimsuushees dubbatanii, sagantichi hojiilee walta’iinsa misoomaa biroo Afrikaatti argaman cimsuufis galtee akka ta’u hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi yaa’ii ‘COP 28’ cinatti hoggantoota biyyoota adda addaa waliin dhimmoota tumsa garlameerratti irratti marii milkaa’aa taasisaniiru.

Gama biraatiin addunyaa faalama qilleensaatiin dararamaa jirtu keessatti furmaata ta’anii dhiyaachuun ogummaafi hubannaa akka gaafatu Ministirri Muummeen ibsan.

Itoophiyaan waggoota shanii as durabu’ummaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin sagantaan ashaaraa magariisaa hojiitti hiikame biyyarra darbee addunyaafuu furmaataafi fakkeenya ta’uu danda’eera. Hanga ammaatti yoo xiqqaate biqiltoonni soora lubbuu dhala namaa ta’an biliyoonni 32 ol dhaabataniiru.

Itoophiyaan Yaa’ii Haala Qilleensaa Idiladdunyaa ‘Kop 28’ Gamtaa Emireetota Arabaa, Magaalaa Dubaayitti taa’amaa jirurratti bu’aa ifaajjiishee karaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad qooddeetti.

Doktar Abiyyi yaa’icharratti hirmaachuu maddiitti mootii Gamtaa Emireetota Arabaa, Sheeh Mahaammad Biin Al Nahiyaan akkasumas gitasaanii Ministira Muummee Beeljiyeem Alekzaanderoo Deekiroof muuxannoo ashaaraa magariisaa qoodaniiru, marii waloos adeemsisaniiru.

Dhimmi faalama qilleensaa lubbuqabeeyyii dacheerra jiran hundaaf yaaddoo ta’uun bubbuleera. Rakkoo kanaan kan dararamaa jiran biyyoota industiriin duroomaniifi faalama qilleensaaf sababa ta’an qofa osoo hintaane kanneen qilleensa faaluurraa bilisa ta’an hunda.

Riippoortata Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 22 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to ““Ashaaraan magariisaa qabsoo Itoophiyaan badhaadhinaaf taasiftuuf gahee olaanaa qaba”  -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: ai ดูดวง

Comments are closed.