Kan facaasne haamaa jirra

Warraaqsa dinagdee guutuu Oromiyaatti adeemsifamaa jiru milkeessuu keessatti misoomni qamadii bonaafi gannaa daran saffisaa kan jiru yoo ta’u, Oromiyaarra darbee seenaa Itoophiyaa haaressuu kan danda’udha jedhameefiira.

Kana daran milkeessuufis toora xiyyeeffannoo misooma qamadiif taa’een hojiin kilaastaraan qamadii omishuu yeroorraa yerootti dabalaa kan jiru yoo ta’u, sadarkaa alergiirra gahuun danda’ameera.

Sanuu Itoophiyaan raafama siyaasaa, koronaafi qaala’insa jireenyaatiin qoramaa miira nidanda’amaa mootummaan qabatee ka’een qamadiin alaa galu hafuu danda’eera. Kanamalees warraaqsa dinagdee akka Oromiyaatti jalqabame milkeessuuf misoomni omisha qamadii hojiitti seename gabaa alergiifillee akka gahu ta’eera.

Tibbana jilli Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaatti qamadii kilaastaraan misoome sassaabbii kan eegalchiisan yoo ta’u, sochichi seenaa Itoophiyaa kan haaressudha jedhaniiru.

Itoophiyaan sarara hiyyummaa qamadii itti kadhattu keessaa baatee sadarkaa gabaa alergiif dhiyeessuurra gahuu himanii, keessumaa Oromiyaatti xiyyeeffannoo kennameen milkaa’inni guddaan argamuu kaasaniiru.

Warraaqsi dinagdee misooma qamadii kilaastaraan omishamaa jiru kana bu’aadhaanis olkaasuuf deeggarsi dhiyeessiiwwan qonnaafi meeshalee teknolojii makaanaayzeeshinii qonnaa akka raabsamaniin jijjiiramoonni olaanaa galmaa’aniiru.

Kessumaa eeggattummaa roobaa hambisuuf dhiyeessii paampii gaggeessuu,teknoloojii tiraakteraan qotuu babal’isuuf dhiyeessii tiraakteraa gaggeessuu,qisaasa’ina callaa wayita sassaabamu mudatu maqsuuf kombaayinara dhiyeessuun omishaa fi omishtummaa dachaan dabaluuf hojjetamaa tureera.

Akka ibsasaaniitti kombaayinaroonni dhibba lamaa ol haamaa qamadii kanarratti bobba’uun sassaabbii callaa gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, omishni kan bara darbee caalutu eegama.

Kombaayinaroonni amma jiran gahaa waan hintaaneef komiin qonnaan bultoota biraa ka’u sirrii ta’uu kan kaasan Obbo Shimallis, akkuma mootummaan humna qabuun hojjetaa jiru dhaabbileen dhuunfaa, abbootiin qabeenyaas dhimma kanarratti hojjechuu akka qaban kallattii kaa’aniiru.

Callaan guddachuu jechuun hunduu guddachuu waan ta’eef dhimmi misooma qonnaa qonnaan bulaaf ykn sektara qonnaa qofaaf kan dhiifamu osoo hintaane dhimma hunda hirmaachisu waan ta’eef tumsi abbootii qabeenyaa murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Jalqabbii amma jiruun biyyi keenya qormaatawwan gara garaa keessa taatee qamadii alergiif oolchuunshee daran kan nama jajjabeessuudha jedhanii, hudhaaleen jiran osoo furamanii diina ummataa, hiyyummaa seenaa gochuun akka danda’amu agarsiistuu guddaadha jechuun eeraniiru.

Ittifayyadamni teknolojii qonnaa babal’achuun dhamaatii qonnan bulaa kan hambisu qisaasa’ina omishaa kan maqsuufi callaan dachaan akka dabalu kan taasisu waan ta’eef barana galii olaanaan misooma omisha qamadiirraa eegama.

Kanaan dura hirkattummaa roobaarratti hunda’uurraa kan ka’e waggaatti yeroo tokko waan omishamuuf galiin callaa gadi bu’aa kan ture yoo ta’u, amma aadaa jallisii babal’isuun waggatti lama omishuun bu’aa gaariin argamaa jira.

Lafti ciisaa Aanaa Sabbataa Hawaas misooma qamadiif mijataa ta’us laga Awaashiin walqabatee ganna gannarratti omishuu mitii naannawicha jiraachuunuu balaa ture,amma garuu jallisiif oolchuun nama nyaachuurra gara irraa nyaachuutti cehuun danda’ameera.

Isa kanas teknolojiin deeggaranii bonaafi ganna misoomaaf oolchuuf xiyyeeffannoon kennamee qoratamaa jiraachuu Obbo Shimallis kaasaniiru.

Keessumaa sagantaa jalqabsiisa facaasaa qamadii bonee Aanaa Sabbataa Hawaasitti gaggeeffameen lafti hektaarri heddu qamadiidhaan kan uwwifame yoo ta’u, aadaan misooma qamadii bonee cimuun qonnaan bulaan dinagdeedhaan akka of ijaaru toorri xiyyeeffannoo qamadii alaa galchuu hambisuufi alatti erguu akka milkaa’u taasifamaa jira.

Gama misooma qamadiitiin Oromiyaan dursaa kan jirtu yoo ta’u, alergiif oolchuu keessattis sadarkaa jalqabaarra jirti. Waggaatti yeroo lama qofa omishuun gahaa waan hintaaneef teknolojii makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuun fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Oromiyaan dinagdeen caaltee argamuuf omisha qamadiin ala omishaalee akka ruuzii, avokaadoofi bunarratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, gama kanaanis galii abdachiisaan galmaa’uu danda’eera.

Addumatti misooma avokaadoo yeroo ammaa gaggeeffamaa jiruun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultoonnis toora xiyyeeffannoo kaa’ame hordofuun kanamalees hordoffiifi deeggarsa gama kanaan taasifamaa jiruun fayyadamoo ta’aa jiru.

Gama misooma dammaatiinis xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuullee yadachiisanii, tarkaanfiiwwan omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf akka Oromiyaatti fudhatamaa jiran warraaqsa dinagdee badhaadhinni naannichaafi biyyaa itti mirkanaa’uuf galtee guddaa ta’anii kan tajaajilanidha.

Mul’anniifi maniin keenya Oromiyaafi Itoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuu yoo ta’u, kun akka milkaa’uuf dhimmi misooma qonnaa dhimma kooti jennee itti seennee hojjechuu qabna jedhan Obbo Shimallis.

Ittifayyadamni teknolojii qonna ammayyaa, makaanaayzeeshiniin qonnaa, aadaan jallisiifi waggaatti yeroo lamaa ol omishuu cimuun dirqama yeroon barbaaduudhaas jedhan.

Akkuma mootummaanis humna guutuun hojetu dhaabbileen dhuunfaafi mit-mootummaas aantummaan deeggarsa barbaachisu taasisuun ofis biyyasaaniis fayyaduu akka qaban dhaamaniiru.

Sadarkaa biyyaattis fudhannee yoo ilaalle Itoophiyaan qormaatawwan kanneen akka waraanaa, koronaa, qaala’insa jireenyaafi balaa uumamaa (hongee) keessatti guddina dinagdee dabaltee argamuunshee kan nama jajajbeessuudha jedhan Ministirri Muummee Itooophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad.

Doktar Abiyyi gaaffii tibbana miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa dhiyaateef oggaa ibsaafi yaada kennan akka jedhanitti, Itoophiyaan qormaatawwan gara garaatiin marfamtee guddinni dinagdeeshii dachaadhaan dabaleera.

Kun bu’aa gama misooma qonnaatiin xiyyeeffannoo kennamee irratti hojjetamaa tureefi jiruu yoo ta’u, wayita aangootti dhufan guddinni dinagdee biyyattii doolaara biliyoona 84 ture gara biliyoona 164tti ol guddachuus kaasaniiru.

Daataan kun mootummaa Itoophiyaatiinn kan ibsame osoo hintaane gabaasa ‘IMF’ baaseen kan ragga’eedha. Kanarraa kan ka’e Itoopiyaan biyyoota guddinarra jiran keessaa ishee dursaa jirtuudha jechuun ni danda’ama.

Omishaafi omishtummaan keenya dachaan akka dabaluuf toorri xiyyeeffannoo misooma qonnaatiif kenname gama indastiriifis kennamuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Itoophiyaan qabeenya uumamaasheetti haalaan fayyadamtee jennaan hudhan dinagdee biyyattii yeroo itti hiikamu fagoo hinta’u jedhaniiru.

Misooma naannawa lageenii, Magaalaa Finfinnee iftee akka mul’atuufi wiirtuu hawwata turistii akka taatuuf hojiin eegalame jajjabeessaa ta’uullee kaasanii, waggoota kudhan keessatti bu’aansaa mul’achuuf akka jiru ibsaniiru.

Baankiin Biyyaalessaa rifoormii haaraa gaggeessaa jiruun tajaajila liqaa dhaabbilee dhuunfaa warraaqsa dinagdeefis haala kan mijeessu ta’uus ibsaniiru. Gama omishaafi omishtummaa bunaatiin walqabatee rakkoo daldaltoonni seeraan alaa uumaniin gabaan bunaa rakkoo keessaa seeneera jedhan.

Dhimmi kun xiyyeeffannoo kan barbaadu waan ta’eef irratti hojjetamuu qaba. Bunni dinagdee biyyaa caalaatti jabeessuu keessatti bakka olaanaa qabu alseerotaan sakaalamee galii biyyaa maseensaa jira.

Kun furmaata waaraa akka argatuuf omishtootatti gadi bu’anii hojjechuun hordoffiifi deeggarsa barbaachisu taasisuun dhimmoota ijoo dagatamuu hinqabneedha. Omishtoota caalaa omisha bunaarraa fayyadamaa ta’aa kan jiru daldaltoota seeraan alaa ta’uun yeroorraa yerootti komiin ka’aa tureera.

Komiin fedhii gabaan buna Itoophiyaa barbaadanii akka gadi bu’u kan taasisu, kanamalees daldaltoota ulaagaa guutanii hojjetan gabaa keessaa kan baasu waan ta’eef dhimma salphaatti ilaalamu ta’uu hinqabu.

Walumaagalatti Itoophiyaan biyya qormaatawwan gara garaatiin marfamtee jirtu taatee osoo rakkinaaf harka hinkenniin guddina dinagdee dachaan dabalaa biyyoota guddinarra jiraniifi milkaa’ina gaariirra jiran keessaa ishee tokko yoo taatu, yeroo ammaattis kan facaaste haamaa kan qotame facaasaa omishaafi omishtummaashii dabalaa jirti.

Warraaqsa dinagdee qabamee dhugoomsuun badhaadhinashee mirkaneessuuf ittifayyadamni makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’achuun aadaan jallisii cimuun misoomni kilaastaraa dachaan dabaluun omishaafi omishtummaan keenya qamadiin ala buna, damma, avokaadoofi ruuzii fa’iinis daran cimee wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee sharafa alaa argamsiisuuf waliin hojjechuun murteessaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “ Kan facaasne haamaa jirra”

  1. Pingback: togel ip

Comments are closed.