Dur dur Oromoon gaafa hojiiwwan gara garaa kophaasaa namni tokko hojjachuu hindandeenyeef aadaa walgargaarsaa marsaa marsaadhaan nama miseensa hawaasa sanaa ta’e hunda bira qaqqabu fayyadamee hojiiwwan muddamsiisoo hojjatataa ture.
Aadaan walgaarsaa yeroo muddamaatti Oromoon walii birmatee waliin hojjatu kun immoo Daboo jedhama. Daboon kun kutaalee Oromiyaa gara garaa keessatti jechoota biraatiin kan bakka bu’amuu danda’u yemmuu ta’u, akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu naannawa ummatni Sikkoo mandoo bal’inaan keessa jiraatutti ‘Jigii’ jedhamee beekama.
Maqaa gara garaa qabaatus garuu hiikaasaatiin walqabatee garaa garummaan tokkollee akka hinjirre ifaadha. Nama balaa uumamaatiinis ta’e namtolcheetiin manni keessa jiraatu jalaa miidhame tokko hawaasa naannawicha jiraatu hunda daboo ykn jigii kadhachuudhaan akka manicha deebisanii ijaaraniif taasifama.
Namichi mannisaa sababoota garaa garaatiin jalaa diigame sun hanga fedhe maallaqa mana sana ittiin ijaarsisu qabaatus, hawaasa naannawa sanaa jigii kadhachuun akka dirqamaatti ilaalama. Akkuma “Loon hanga fedhan qabaataniif cidha kophaa hingodhatan” jedhamu, namni mannisaa rooba cimaadhaan jalaa jige, bubbeedhaan citaan yookiin margi irraa fudhatame kamuu daboo kadhachuu ykn ummanni naannawichaa rakkoo isarra ga’e hubachuudhaan walgurmeessee itti bahanii gargaaruun dirqama.
Daboon ykn Jigiin akaakuuwwan lama kan qabu yemmuu ta’u, innis jigii harka namarra kaa’atan (dabareedhaan walgargaaranii) fi jigii dabaree hinqabne ykn jigii gaafa rakkoon tasaa namarra ga’u namasanarra harka kaa’achuuf osoo hintaane, nama balaan ykn rakkoon tasaa irra gahe sana gargaaruuf dirqamni sabummaa, ollummaafi gosummaa namarratti dirqama taasisuudha.
Waa’ee Daboo ykn Jigii kana kutaalee Oromiyaa hunda keessatti namni hin beekne waan hinjirreef kana caalaa ibsuuf yaaluun beekumsa hawaasaa tuffachuu waan fakkaatuuf asumaan gara sababa waan kana kaafneetti ce’uun barbaachisaa ta’a.
Aadaa ofittummaafi hammayyummaadhaan daheeffatee qaqal’achaafi iddoowwan heddutti laafaa jiru kana dhiheenya dargaggootni Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa yemmuu Daboo walitti bahanii midhaan rooba jalaa ittifunaanan agarree callisnee bira hindabarre. Itti goruudhaan waan aadaa walgargaarsaa abbootni dur ittiin walii birmachaa turan kanatti isaan deebise gaafannee isinii qooduuf filanne.
Roobni ganna bara darbee gahaa waan tureef omishoota muraasaan ala omishni baranaa haala gaariidhaan kan ga’e ta’uu kan dubbatu dargaggoota daboodhaan osoo boqqolloo cabsan agarre keessaa tokko kan ta’e Nuuruu Guddataati. Akka fakkeenyaatti boqqolloofi xaafiin omisha barana naannawasaaniitti haala gaarii ta’een gaheefi ummannis callaa garii argachuuf abdii irratti gateedha jedha dargaggoon kun.
Akka yaada dargaggoo kanaatti; akka carraa ta’ee roobni waqtiisaa hineegganne yeroo sassaabbii midhaanii kanatti waan roobaa jiruuf midhaan callaa gaarii argamsiisa jedhamee abdatame akka hinballeessineef aadaa walgargaarsaa Jigii jedhamuun dabare dabaree walitti bahanii walii birmachaa jiru. Namni dabareen duraa kennamuuf kan midhaansaa sirriitti gahee roobaan jalaa baduu danda’uuf kennama.
Kana jechuun fakkeenyaaf boqqolloo yoo fudhanne kan walduraa booda ga’utu jira. Kan walduraa duuba ga’u kun immoo kan gogus haaluma walduraa duubasaatiini. Kana waan ta’eef daboo kanarratti namni carraa dursaa argatu kan midhaansaa dura ga’eefi carraan roobaan baduusaas olaanaa ta’eefi.
Haaluma sanaan kan itti aansuudhaan itti birmatamus kan midhaansaa ittaanee gaheefi carraan roobaan baduusaas ittaansuun olaanaa ta’eef birmannaan taasifama jechuudha. Kana waan ta’eef gaafa sana oyiruu dargaggoo Ibsaa jigiidhaan itti yaanee boqqolloo cabsaa jirra jechuun nutti hime.
Bokkaan yeroosaa hineeggatin roobuu jalqabuusaatiin manneen barnootaa aanicha keessa jiran torbaan tokkoof cufamuusaaniitiin carraa jigii obbolootasaatti bahuu argachuu kan himu immoo Dargaggoo Nasruu Qawweeti.
Midhaan gahe yoo sirnaan walitti qabamee manatti hingalle waan barbaachisu guuttatanii barachuunuu ulfaataa ta’uus nidubbata.
Akka yaadasaatti; gaafa nutti agarre sana (torban darbe) namni ani Jigii itti bahee boqqolloo haamaafi cabsaafii jiru kun Ibsaa Hajjiiti. Boqqolloonsaanii kan dura faca’e waan ta’eef dursee kan ga’eedhas. Boqqolloon dursee ga’e bokkaa yeroo ammaa roobaa jiruun miidhamuuf carraa bal’aa waan qabuuf dargaggootni naannawichaa hundi carraa duraa kennaniifii midhaansaa walitti qabaa jiru.
Aadaan akkanaa hojii walii salphisuu qofaaf osoo hintaane, aadaa waliin jireenyaa gabbisuudhaan hariiroo hawaasummaas kan cimsuudha. Dargaggootni hedduun asitti agartu irra jireessaan hiriyyoota waan ta’aniif taphachaa, walitti qoosaafi kolfaa hojjanna. Yoo akkas ta’e miirri dadhabbii namatti dhaga’amu hinjiraatu. Inumaayyuu akka bashannanaatti walbooharsaa hojjanna.
Akkuman dura sitti himetti jigii ani har’a boqqolloo haamaafi cabsaa itti bahe gurbaan kun kan naa deebisu ani barana kanin qabu boqqolloo osoo hintaane xaafii qofa waan ta’eefi. Innis dargaggoota biraa waliin ta’uudhaan gaafa xaafiinkoo haamamu natti bahanii na gargaaru jechuudha.
Mootummaan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennee torban tokkoof barnootni cufamee barattootni hundi gara maatiitti deebi’anii sanyii gahe walitti qabuudhaan roobni akka hinballeessine taasifamuun waan nama gammachiisu ta’uus dargaggeessi kun ni hima.
Osoo dargaggootni kunniin jigii itti bahanii boqqolloo gahe haamuufi cabsuu baatanii hojjataa maallaqaan mindeessinee hojjachiisuufis bokkaan roobaa jiru kan yeroo namaaf hinkennine waan ta’eef boqqolloon akka gaaritti gahe kun roobaan miidhamuunsaa hinoolu kan jedhu ammoo Abbaa jigii guyyaa sanaa kan ta’e Dargaggoo Ibsaa Hajjiiti.
Aadaan boonsaafi gaafa rakkootti akka waldhaqqabaniif Oromoon ganama lafa kaa’ate sun har’a salphina guddaa jalaa isa oolchuu dubbata.
Akka yaadasaatti; dargaggootni har’aa aadaafi duudhaa Oromoo kunuunfachuudhaan har’a ofiisaaniitiif ittifayyadamanii warra boodaa dhufaniifis dabarsuuf dirqama guddaa fudhachuu qabu. Teknolojiiwwan hammayyaa kan aadaalee kanneen nuuf gabbisuu danda’an malee kan aadaawwan walgargaarsaa kanniin balleessanii miira kophummaa dagaagsan ta’uu hinqaban.
Dargaggoota sassaabbii omisha boqqolloo kanarratti na gargaaraa jiran osoo ilaaltee, isaan kaan kan omisha qabaniifi dabareesaanii eegee anis itti birmadhu yemmuu ta’an, warri kaan kanneen miira obbolummaafi hiriyyummaa qofaan birmataniidha jedha.
Dargaggeessi jigiirratti bobba’an kan marsariitii hawaasaa kanneen akka feesbuukiifi tiktokiirratti yeroosaa gubaa oolu osoo hintaane, kan gaafa rakkoon tasaa akkanaa dhufus walcinaa dhaabbachuu danda’u ta’uunsaa hedduu kan nama boonsuudha.
Walumaagalatti; aadaawwan walgargaarsaa sabichi ganamaa eegalee ittifayyadamaa tureefi jiru dargaggoota har’aatiinis ittifufuunsaa kan abdii namatti horu waan ta’eef jajjabeeffamuu qabaan dhaamsa keenya.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
8 Comments to “ Dargaggoota daboodhaan midhaan waliisassaabanii, aadaa abbootasaanii haaressaa jiran”
Comments are closed.