Godambaa Adwaa: Mallattoo waloofi cichoominaa

Godambaan Adwaa pirojektota guguddoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa jiran keessaa isa tokko.

Seenduubee Injifannoo Adwaa ka’umsa godhatee Finfinnee, fuullee Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee (Mana Qopheessaa)tti ykn Birbirsa Gooroo (Piyaassaa)tti ijaaramaa kan jiru Godambaan Adwaa kun haala gootota Itoophiyaafi teessuma naannawa Adwaa sirriitti ibsuun kan saxaxame ykn dizzaayin ta’eedha.

Godambichi bilookiiwwan 11 qabatee lafa hektaara kuma 45 irratti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, keessoosaatti fakkiiwwan tulluu Adwaa akka funcaa walqaqqabatan, yaadannoo abbootii fardaa Adwaa, yaadannoo dubartoota goototaaf moggaafame, wiirtuu tokkummaa, yaadannoo bilisummaa Afrikaa akkasumas godambaa imala gootota Itoophiyaa agarsiisu qaba.

Pirojektichi haala tajaajiloota damdaneessa kennuu danda’uun ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, galmoota adda addaa altokkotti namoota 300 hanga 4000 keessummeessuu danda’an akkasuma iddoowwan taphaa adda addaa kanneen akka kaafteeriyaafi sinimaafaas ni qaba.

Pirojektiin kun gama seenaa kaa’uufi ittifufsiisuutiin xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, faayidaansaas daran olaanaadha. Bulchiinsi magaalichaas kanuma yaada keessa galchuun hojicha jalqabsiisee hojjetaa kan jiruuf.

Pirojektii kana keessatti waa’ee waraana Adwaa jalqabaa kaasee haalonni hanga ammaatti jiran galaniiru ykn agarsiifamaniiru. Pirojektichi caalaatti injifannoo Adwaafi gootota yeroo waraanichaa aarsaa ta’an kan yaadachiisu, gootummaa kanas addunyaatti beeksisuufi yaadachuuf yaadamee ijaaramaa kan jiruudha.

Bakki itti ijaaramaa jiru kun Piyaassaa waan ta’eef faasiliitiiwwan naannawa kanatti argaman hunda walittiqabee kan qabateedha.

Godambicha keessatti akkuma irranatti eerre gootonni yeroo waraanaa sana aarsaa ta’an ni yaadatamu. Kanaafis haala daaw’attootaaf mijatuun daran miidhagfamee hojjetamaa jira.

Pirojektiin kun egaa gootummaan keenya yeroo sana ture maal akka fakkaatu, gootummaa keenya har’aa misoomarratti qabu walittiqabnee ittidabaluun agarsiisuuf kan yaadameedha.

“Pirojektii guddicha waa’ee kaleessaafi har’arra tarree Itoophiyaan egere maal fakkaachuu qabdi jennee ogummaa damee ijaarsaatiin, dameewwan aadaafi misooma ittifufsiisuutiin addunyaa keessaa maal fakkaatti jedhu sirriitti hubachuu daran kan gargaaruufi agarsiisuudha.

“Dabalataanis akka bulchiinsa magaalaatti manni marii bulchiinsa magaalichaafi waajjirrisaa akka godambicha keessa ta’u taasifamee kan hojjetameedha. Bulchiinsa magaalaatiifis galmi guddichi godambichatti argama jechuudha” jedha hogganaa Ittaanaan Waajjira Pirojektota Guguddoo Finfinnee Injiinar Daawwit Xibabuu, ibsa yeroo darbe dhimma ijaarsa godambichaarratti kenneen.

Kana malees taaksiiwwaniifi atoobisoonni ammaan tana naannawaa Piyaassaa dhiphisan hafuun godambichi konkolaattota kanneeniif tarminaala ta’ee tajaajila. Kanaanis aduufi rooba keessa dhaabatamee taaksiifi awutoobisii eeguun ni hafa jechuudha.

Akkuma kan biyyoota kaanii tajaajilli geejibaa dallaa keessaa (‘in door’) bakka kanatti akka kennamu taasifamee kan hojjetameedha jechuudha. Kanaanis waldhiphisni geejibaa naannawa kanatti mul’atu ni hafa jechuudha. Konkolaatonni karaarra dhaabamaa turaniifis akka paarkiitti kan tajaajiluudha; godambichi.

Pirojektichi dandeettii konkolaattota kuma tokko akka qabatu taasifamee kan hojjetame yoo ta’u haala taateewwan Adwaa yeroo labsiin ittarii (kitat) labsamerraa kaasee jiran hunda ibsuu danda’uun kan hojjetameedha.

Fakkeenyaaf, yeroo labsii ittariitti gootota kutaalee Itoophiyaa adda addaarraa ka’aniif akka yaadannoo ta’uuf balbaloonni gara garaa jiru; kan kibbaa, lixaa…jedhamee haala naannawa hunda gootonni labsii ittarii labsame hordofanii irraa dhufan ibsuun.

Asii ka’amee ammoo haala hanga bakka injifannootti jiru ibsuuf sadarkaalee miilaan ol ittiin bahamu hojjechuudhaan imalichi hammam dadhabsiisaa akka ture ogummaadhaan agarsiisameera. Achi keessatti gumaacha gootonni darban galmeessisan kan ittiyaadatamu tilmaama keessa galchuunis kan hojjetameedha.

Yeroo waraanaa sana hirmaannaan dubartootaa olaanaa waan tureef kunis akka sirriitti yaadatamuuf haalota addaatiin ibsamaniiru. Naannoonsaas akka Adwaa fakkaatuuf fakkeenyaaf tulluuwwan Adwaa keenyan gamoo irratti akka mul’atan gochuudhaan ogummaadhaan ibsaniiru.

Bakki itti argama godambichaa Birbirsa Gooroo ta’uun walqabatee akka qofaasaa ta’ee ittihinfufneef manneen kitaabaafaa akka qabaatu taasifameera.

“Pirojektii qarshii biliyoona 4.6n ijaaramaa jiru kana ji’oota muraasa keessatti xumurree eebbisiisuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan hojjetaa jirra. Ijaarsisaa fiizikaalaan ammaan tana gara xumuraatti jira. Kanaafis Waajjirri Ministira Muummeefi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee pirojekticha dhiyeenyaan hordofaa jiru. Hojiinsaas torban guutuu halkanii guyyaa hojjetamaa jira” jedha Injinar Daawwiit.

Keessoon godambichaa meeshaalee teknolojii sadarkaasaanii eeggataniin kan hojjetameedha. Dibbeen (miidiyaan) yeroo duula waraanaa Adwaa waamichi ittarii taasifameenis ogummaa addaatiin miidhageeti godambichatti kan hojjetame.

Bitaa mirga dibbee hojjetameetti ammoo bocni haala kufaatiifi waraana goototaa agarsiisu bareechee mul’ata. Dhaadannoon yeroo sana qabatamee tures kan hojjetamu ta’uudha kan hubanne.

Gaalariiwwan hojiilee artiis godambichatti iddoo guddaa argataniiru. Adeemsonni yeroo waraanichaa turan marti haala gaariidhaan ibsamanii mul’atu. Iddoon agarsiisiwwan adda addaa ittidhiyaatanis ni jiru.

Bakki guyyaan yaadannoo Adwaa ittikabajamus bakkuma dibbeen argamu kanatti kan qophaa’e yoo ta’u, bakki teessumaa namoota ayyaanicharratti hirmaataniis danaa teessumaa istaadiyemii qabatee miidhaginaan hojjetameera.

Bakki abaaboon yaadannoo kaa’amus haala bareedaadhaan sirnaan hojjetameera. Manneen sinimaa, laayibirarii, jiminaaziyeemii, deeykeer (iddoo daa’imman ittikunuunfaman), suuqiiwwan adda addaa qaba, bakka daa’imman. Gubbaasaarratti bakka magariisa bashannanaaf oolu, kaafteeriyaafi reestoraantii guddichas qaba.

Pirojektii seenaqabeessi kun caalaatti Itoophiyummaa, mallattoo walfaana hojjechuufi cichuuti. Pirojektii Finfinnee saffisaafi kalaqaan guddaachaa jirtuuf miidhagina addaa dabaluudhas. Pirojektichi magalaattiif qofa otoo hintaane biyyaafis fakkeenya addaa ta’ee kan tajaajiluudha.

Pirojektiin ammaan tana gara xumuraatti jiru kun mallattoowwaniifi duudhaaleen keessoo godambichaatti ibsamaniifi iddoowwan tajaajilaa (galmoonni walga’ii, cinimaan, gaalariifi kkf) asitti argaman hiika addaa qabu. Akkasumas agarsiistuu qabatamaa dhimma jennu kanaati.

Pirojektii kana torbanuma darbe hayyoonni Seenaa Yunivarsitii Finfinneefi ogeeyyiifi hoggansi Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee, Pirojektii Adwaa daawwataniiru. Akkaataa pirojektichi seenaa dhugaa himuufi wareegamtootaaf yaadannoo sirrii ta’uu danda’urrattis mari’ataniiru. Adeemsi ijaarsa pirojektichaas haala gaariirratti akka argamu wayituma kana hubachiisaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You