Dhiyeenya kan hundaa’e Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa naannoo meeshaalee aadaafi duudhaalee adda addaa, iddoowwan invastimantiif oolan dabalatee qabeenyawwan hawwata turizimii baay’ee of keessaa qaba. Naannichi naannawa homaa hintuqamneedha.
Agarsiisa turizimii Finfinnee, Godambaa Saayinsiitti dhiyaatee turerratti argannee kan dubbisne Biiroo Aadaafi Turizimii Naannichaatti ogeessi olaanaan bakka hawwata turistii Obbo Wandimmuu Abaataa yaada gabaabaa ittaanu Bariisaaf kennaniiru.
Meeshaaleen aadaa mana keessaa saboonni naannichaa durii kaasanii ittifayyadamaa turanis bal’inaan qabannee dhiyaanne. Waancaa gaanfarraa hojjetame, malakkaa, fal’aana, barnexaa saba Halaabaa, boraatii, masoobii, faayawwan adda addaa qaanca warqeerraa hojjetaman, meeshaa saba Hadiyyaa biratti yeroo sirni gaa’elaafi araaraa raawwatamu namoonni ykn misirroonni lamaan mijuu ittiin unataniifi qancaraa jedhamu. Qancaraan meeshaa aadaa xuwwee ykn okkotee ayyaatu ta’ee afaanota lamaafi ejjetaawwan lama qabuudha.
Dubbii keenyarratti saba Hadiyyaa biratti waadaan oggaa sirni gaa’elaa raawwatamu seenamu daran cimaa waan ta’eef walhiikuun hangana hinmul’atu. Walhiikanii hinbeekan jedhama. ittidabalees sirni araaraa sabichaas akkasuma cimaadha.
Maatiin sabicha dhimma kamiinuu wallole ykn waldhabe, kan ajjeesefi maatii namni jalaa ajjeeffamee araaramanii akka haaluma duriitiin jireenyasaanii ittifufan taasifama. Kanaafis meeshaa kanaan akka mijuu unatan taasisanii akka araarri bu’u taasisu.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
6 Comments to “Meeshaalee aadaa saboota Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa keessaa”
Comments are closed.