“Mariin Nageenyaa Marsaa 2ffaaf Shanee waliin geggeeffamaa ture bu’aa malee xumurame” – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Nageenyiifi tasgabbiin bu’uura guddinaafi badhaadhina biyya tokkooti. Garagarummaa karaa safuufi qaroomina qabuun mariin hiikuu osoo hinguddifatin nagaafi gamtaan guddachuu danda’uun hinjiraatu.

Mootummaan federaalaa amantaa kana bu’uura godhachuun, dirree siyaasaa bal’isuun paartiilee siyaasaa sagantaa siyaasaasaa hinqoodne waliin aangoo qooddateera.

Haaluma kanaan sirna filannoofi hojmaata bulchiinsa biyyaa kan osoo hinajjeesiin gaggeeffamu, akkasumas mariifi qajeelfama kennuufi fudhachuun namoota heera cabsuun aangoo qabachuuf yaalan waliin nagaa babal’isuuf tattaaffii taasisaa tureera; taasisaas jira.

Gama mootummaatiin humna heeraafi birmadummaa biyyattii fudhachuuf qophii ta’e wajjin mariidhaan rakkoolee mudatan furuuf carraaqqiin ni taasifama.

Naannoo Oromiyaa naannawawwan tokko tokkotti socho’uun lubbuufi qabeenya namootaarratti miidhaa qaqqabsiisuun balaa nageenyaa kan ta’e garee shororkeessaa Shanee waliin ji’oota hedduu dura Taanzaaniyaa Zaanzibaaritti mariin gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramuun niyaadatama.

Marii kanaan qaamni shororkeessaa kun gaaffiilee waggoota 60 duraa Oromoofi sablammoonni Itoophiyaa biroo kaasaa turaniifi deebii argate hunda deebi’ee kaaseera.

Keessattuu jijjiirama booda, dhimmoota hojiirra oolan osoo hindubbisiin ajandaa ilaalamee hojiirra ooluu danda’u baasee dhufuu waan hindandeenyeef, gama mootummaatiin beellamaan akka turu taasiseera.

Torban lamaan darban keessa gareen shororkeessummaa kun dogoggora darbanirraa barachuun qabxiilee mariisaa sadarkaa biyyattiin irra geesse waliin walsimsiisuu yaala jechuun marii marsaa lammaffaa Daaresalaam Taanzaaniyaatti gaggeeffamaa tureera.

Marsaa kana keessatti gareen shororkeessummaa kun yaada “Mootummaan nabaatee mootummaa na haa taasisu” jechuun ala qabxii marii fiduu hindandeenye.

Haa ta’u malee, fedhii mootummaan biyyattii nagaa fiduufi badhaadhina Itoophiyaa gara qabeenya dhugaatti jijjiiruun badhaadhinashee mirkaneessuuf qaburraa kan ka’e karaa walakkaa ol imaluun dhimmicha hiikuuf yaaleera.

Garuu gareen shororkeessummaa kun yeroo nagaa akkamitti akka jiraatu adda baasuuf rakkateera.

Dhiigaafi dararaa lammiitiin daldaluu filate. Kanaaf marichi har’a bu’aa tokko malee bittinnaa’eera.

Mootummaan federaalaa ergama seeraafi sirna heera kabachiisuuf qabu cimsee ittifufa, furmaata karaa nagaa argachuuf ejjennoo qabu ni eega.

Carraa kanaan qaamoleen maricha milkeessuuf tattaaffii taasisaa turtan hundi galata guddaa qabdu.

Sadaasa 11 bara 2016

Finfinnee

Tajaajila Kominikeshinii Mootummaa

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ “Mariin Nageenyaa Marsaa 2ffaaf Shanee waliin geggeeffamaa ture bu’aa malee xumurame” – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa”

  1. Pingback: cumshot

Comments are closed.