Itoophiyaan potenshaala galteewwan konistiraakshinii biyya keessatti omishu guddaa qabdi

Finfinnee: Itoophiyaan potenshaala olaanaa galteewwan konistiraakshinii biyya keessatti omishuuf ishee dandeessisu qabaachuu Inistitiyuutiin Manaajimantii Konistiraakshinii Itoophiyaa beeksise.

Inistitiyuutichatti Daarektarri Ce’umsa Teknolojii Konistiraakshinii Injinar Fallaqaa Asaffaa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, yeroo ammaa gabaa biyyaa keessattis ta’ee sadarkaa idil addunyaatti gatiin galteewwan konistiraakshinii daran kan qaala’e yoo ta’u, kanaanis hojiilee ijaarsaarratti bal’inaan harkifannaan mul’ataa jiraachuu himu.

Biyyattiin galteewwan ijaarsaaf oolan keessaa dhibbantaa 60 sharafa alaa olaanaa baasuun biyya alaatii galchitee ittifayyadamaa jiraachuu ibsanii, rakkina kana hundeerraa furuuf inistitiyuutichi galteewwan alaa galaa turan biyya keessatti omishuun bakka buusuuf qooda fudhattoota waliin teknolojiiwwan konistiraakshinii kalaquun gara gabaatti fidaa jira jedhaniiru.

Seektarri konistraakshinii seektara qarshii olaanaafi humna namaa hedduu gaafatu waan ta’eef galteewwansaa biyya keessatti omishuu danda’uun carraa hojii namoota baay’eef uumuu keessattis shoora olaanaa akka taphatus himaniiru.

Galteewwan kunneen gariinsaanii qabeenya uumamaa biyyattiin qabdu qindeessuun kan omishaman yommuu ta’uu gariinsaaniimmoo meeshaalee garagaraa tajaajila xumuran deebisaanii fayyadamuun (recycle) kan omishaman ta’uu himanii, dhagaa gurraachi qabeenya uumamaa kutaalee biyyattii garagaraatti bal’inaan argamu ta’uus kanaan dura sona dabaluun konistiraakshiniif itti fayyadamuun taatee baratame akka hintaane ibsaniiru.

Dhagaa gurraacha (basalt) akka galteetti ittifayyadamuuf warshaa dhagicha qindeessuu qabaachuu gaafata kan jedhan Injinar Fallaqaan, fuulduratti teknolojiiwwan barbaachisoo fayyadamuun faayidaarra oolchuuf carraaqqiin ni taasifama jedhaniiru.

Gama pilaastika caccabaa deebisanii fayyadamuutiinis galteewwan hedduu omishuun akka danda’amu kaasanii, pilaastikoota rakkoo qulqullina naannawaa fidan dhabamsiisuufi hojii konistiraakshiniif oolchuun bu’aa dachaa argachuun akka danda’amus akeekaniiru.

Dhaabbata Maateriyaala Qabiyyee Basalt keessatti piromootarri teknolojii Obbo Nabiyyuu Nagaash gamasaanitiin akka jedhanitti, dhaabbatni isaanii dhagaa gurraacharratti qorannoo taasisaa kan jiruufi qabeenya kana gara galteetti jijjiiruuf dhama’aa jiruudha. Gatiin galtee kanaa gadaanaa ta’uunsaafi jabinni inni qabu daran barbaadamaa isa taasisa. Biyya kana keessatti garuu qixa sirriin fayyadamuun waan hinjalqabamneef akka qabeenyaattuu ilaalamaa hinjiru.

Hundeessaafi Raawwachiisaa Hojii Olaanaan Giddugala Teknolojii Adil Doktar Adil Tahabit Itoophiyaa keessatti pilaastikoota deebisanii fayyadamuun raajii hojjechuun akka danda’amu eeranii, biyyittii keessatti, pilaastikoota toonii kuma 386 ol faayidaa ala ta’anii naannawa faalaa jiraachuu himu. Kana faayidaarra oolchuun danda’amnaan qabeenya guddaa ta’us himu.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Itoophiyaan potenshaala galteewwan konistiraakshinii biyya keessatti omishu guddaa qabdi”

Comments are closed.