Finfinnee: Sassaabbii omishaa sadarkaa biyyaatti gaggeeffamaa jiruun lafa hektaara miliyoona 17.5 sanyiin uwwifame keessaa hanga ammaatti omishni lafa hektaara miliyoona 5.9rraa sassaabamuu Ministeerri Qonnaa ibse.
Ministeerichatti Raawwachiisaan Hojii Sabqunnamtiifi Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Laaqawu ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, bara omishaa 2015/2016tti lafa sanyiin uwwifame hektaara miliyoona 17.5 keessaa hanga Sadaasa 10tti omishni lafa hektaara 5.9rra jiru sassaabameera. Xumura bara omishaa kanatti callaa kuntaala miliyoona 513tu eegama.
Akka ibsasaaniitti, omishni qonna bara 2015/2016 qonnaan bulaa, hoggansaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu sadarkaa boqonnaa qophiirraa eegaluun walitti fufiinsaan hojjetamaa jira. Yeroo ammaas sadarakaa sassaabbiirra ga’ameera. Mala aadaatiin heektaara miliyoona 5.6, kombaayinaraan hektaara miliyoona 262 irraa sassaabameera.
Omisha hanga ammaatti sassaabamerraa midhaan kuntaalli miliyoona 46.8 argamuu ibsanii, hojiin omisha calleessuufi haala qilleensaa hordofuun sassaabbiin omishaa haaluma walfakkaatuun cimee ittifufuu beeksisaniiru.
Roobni waqtiisaa hineeggatiin omisha sassaabuuf danqaa uumaa jira kan jedha Obbo Kabbadaan; odeeffannoo raaga haala qilleensaa Inistiitiyuutii Meetiworolojii Itoophiyaarraa kennamu qonnaan bultoota dhaqqabaa jira. Qisaasama omishaa yeroo sassaabbii dhaqqabuu malu hambisuufis qaamoleen hawaasaa akkasumas barattoota waliin ta’uun omishni si’aayinaan sassaabamuu akka qabu dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Obbo Gannaa Mahaammad gamasaaniin, godinichatti sassaabbiin omishaa gaggeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti bara omishaa 2015/2016tti lafa hektaara kuma torba, 666fi 40 sanyiidhaan uwwisuun danda’amuu himanii; yeroo ammaa omishni hektaara kuma 300 sassaabbiif ga’eera jedhan. Hanga ammaatti lafa hektaara 240rraa midhaan sassaabamuu ibsaniiru.
Omishni mala aadaafi kombaayinaraan sassaabbamaa jirachuus himanii; kombaayinaroonni 173 hojii omisha sassaabuurratti bobba’aniiru. Omishni rooba yeroosaa hineegneen akka hinmiidhamneef qonnaan bulaan guyyaa roobni hinjirre hatattamaan omishasaa akka sassaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.
Sassaabbii midhaanii milkeessuuf humni raawwachiisaa abbootii qabeenyaafi caasaalee gandaa hundeeffamuun marii bal’aan gaggeeffamuun hojiitti seename kan jedhan Obbo Gannaan; qisaasama omishaa yeroo sassaabbii mudatu hir’isuuf duula barattoottaan deeggaramuu akka qabu hubachiisaniiru. Sassaabbiin omisha godinichaa roobaan duubatti harkifatus dhibbantaa 30 irra akka ga’u ibsaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016
4 Comments to “ Lafa hektaara miliyoona 5.9 irraa omishni sassaabame”
Comments are closed.