Sadaasa 29: Waltajjii araaraafi jaalalaa

Sadaasni 29 bara 1987 Guyyaa heerri biyya keenyaa itti ragga’eedha. Manni Marii Federeeshinii marsaa 3fa, yaa’ii idilee 2fa bara hojiisaa jalqabaa Ebla 21 bara 1998 taa’een guyyaan heerri ummatoota mirgoota adda addaa gonfachiise itti ragga’e, Sadaasni 29 Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummatoota ta’ee akka kabajamu murteesseera.

Haaluma kanaan guyyichi bara 1999 irraa eegalee wagguma waggaan waltaasisummaa Mana Marii Federeeshiniitiin naannolee gara garaatti matadeewwan adda addaatiin kabajamaa kan ture yoo ta’u, baranas al 13faf mataduree, “Tokkummaa Itoophiyaa Heddumminaan Miidhagee” jedhuun Finfinneetti kabajama.

Ayyaanichi waltajjii duudhaaleen sabootaa barootaaf ukkaamamanii turan ifatti bahanii itti mul’atan yoo ta’u, heerri mootummaa RFDIs dhimma ibsituu eenyummaafi sanada walamantii saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii akkasumas kakuu wajjummaa lammiilee kanaaf beekamtii kan kenneedha.

Walqixxummaan sabootaafi sablammootaa, mirgi aadaa, afaaniifi seenaa ofii guddifachuu ummata biyyattii gonfachiise itti ragga’e, Sadaasni 29 sadarkaa biyyaalessaatti guyyaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa ta’ee waggaa waggaadhaan haala hariiroo ummatoota biyyattii cimsuufi duudhaaleesaanii eegeen kabajamaa jira.

Saboonni sablammoonniifi ummatoonni biyyattii aadaa, uffannaa, afaan, sirbaafi ragadasaanii qabatanii waggaatti altokko walga’anii ummata bakka ayyaanichi itti kabajamutti argamuuf ni dhiyeessu. Ayyaanichaan dahachuunis saboonni kunniin duudhaaleesaanii waljijjiiru, walbaru, walhubachiisu.

Ayyaana kanarratti dubartoonni, shamarraniifi dardarran akkasumas namoonni guguddoon garee gareedhaan ta’anii shubbisaafi sirba naannawa naannawasaanii taphachaa oggaa agarsiisan daaw’achuun daran qalbii namaa akka hawatu inni akka koo carraa argatee qaamaan bakka ayyaanichaatti argamee daaw’ate ragaa baha.

Fakkeenyaaf qophii bardheengadddaa gareen jila aadaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti taasisaa ture asirratti kaasuun ni danda’ama. Gareen jila aadaa kun nyaata aadaa Oromoo, uffannaa, faayaafi kkf qabachuun waltajjii ayyaana sabootaa, sablammootaafi ummatoota Itoophiyaa 13fa Finfinneetti kabajamurratti dhiyeessuuf qophii cimaa gochaa tureera.

Egaa ayyaanni haala kanaan iddoowwan hundatti qophii guddaan taasifamuuf kun hariiroo ummatootaa cimsuufi duudhaalee ibsuu bira taree qalbii turistootaa hawachuun madda galii ta’uu akka danda’uudha kan ibsamu.

Akkuma seensa Heeraarratti eerametti, hawaasa dinagdeefi siyaasaa tokko uumuun waadaa wajjummaa waan ta’eef aadaa sabaafi sablammootaa keessaa isa hariiroofi walitti hidhamiinsa mul’isu cimsuufi beeksisuufis ayyaanichi gumaacha olaanaa qabaata. Hojiileen misooma ayyaanicha sababeeffachuun geggeeffamanis akka bu’aa guddaa tokkootti kan ilaalamaniidha.

Akka ragaaleen gara garaa ibsanitti, galteewwan ayyaanicharraa argamanirratti hundaa’uun aadaalee sabootaafi sablammootaa irratti qorannoon ni gaggeeffama. kanaanis aadaafi duudhaan sabootaafi sablammiilee 73 olii qoratamuusaati kan eeramu.

Akkuma irranatti eerame hojiileen walduraa duubaan hojjetamuu eegalan ciminaan yoo raawwatamanii qalbii turistoota hawachuu danda’an aadaan sabootaafi sablammoota biyyattii madda sharafa alaa ta’uu danda’u jechuudha.

Ayyaanichi saboonniifi sablammoonni akka walbaraniifi walhubataniif akkasumas ilaalchonni adda addaa akka sirraa’an gochuu keessatti gumaacha olaanaa taphateera, taphataas jira. Martuu eenyummaa isaatiin boonuun sabboonummaa dimokraatawaan akka dagaagu ni taasisa.

Ayyaanicha akkuma kanaan duraa baranas aadaa sirbaa, shubbisaafi ragadawwan miira namaa dhormataniin waa’elchamee Finfinneetti boru kabajuuf qophiin haalduree marti xumuramaniiru.

Akkuma beekamu bakka buutonni sabootaafi sablammoota biyyattii shaakalliisaanii yeroo dheeraa xumuranii ergamasaanii milkeeffachuuf aadaafi duudhaaleesaanii lammiilee biroo hubachiisuuf daandii dheeraa qaxxaamuruun Finfinnee seenaniiru. Kanaaf jiraattonni magaalattii keessummootasaanii sirnaan simatanii waan qaban nyaachisaniifi obaasanii geggeessuuf garanumaa of qopheessuu qabu.

Walumaagalatti guyyaan sabootaa waggaa waggaadhaan haala ho’aafi miidhagaadhaan kabajamaa jiru kun duudhaalee sabootaa gabbisuufi cimsuu maddiitti miira tursitii hawatee madda galiif waan ooluuf dagaaginaafi ittifufiinsa ayyaanichaatiif hunduu haa gumaachu.
Saboonniifi sablammoonni afaan, aadaafi duudhaaleesaanii dagaagfachuuf har’as akkuma kaleessaa gurmuu tokkoon walcina dhaabatanii sirna federaalawaa cimsuufi heericha kunuunsuufi eeguuf tattaafachuu qabu. Waltajjichas kan jaalalaafi araaraa godhannee ittifayyadamuu qabna.

Gaazeexaa Bariisaa

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

10 Comments to “Sadaasa 29: Waltajjii araaraafi jaalalaa”

  1. Pingback: dark168
  2. Pingback: fox888
  3. Pingback: pg168
  4. Pingback: 15 รับ 100
  5. Pingback: Yakuza Honor

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *