“Tattaaffiin nageenya waaressuuf taasifame salphaatti kan ilaalamu waan hintaaneef ammas ittifufuu qaba” -Hayyoota

Finfinnee: Tibbana mariin nageenyaa marsaa 2ffaa mootummaa Itoophiyaafi Shanee waliin Taanzaaniyaatti taa’amaa ture firii malee goolabamuunsaa rifaatuu guddaa uumeera. Mariin kun gaaga’ama roga maraa biyyattii mudataa jiruuf furmaata ta’a jedhamee abdatamus xumurrisaa hawaasa hedduuf gadda guddaa ta’eera.

Dhimmuma nageenyaa kanaa ilaalchisee Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Hayyoota siyaasaa buleeyyii Obbo Toleeraa Adabaafi Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos waliin Kamisa darbe turtii taasiseera.

Dubbii Himaan ABO Obbo Toleeraa Adabaa akka jedhanitti, dhaabnisaanii waamicha nagaa mootummaan taasiseen qabsoo nagaa adeemsisuuf biyya seenus gartuu muraasni amma rakkoo uumaa jiru kun ajaja dhaabaa diduun bosona seene. Bakkeewwan qaamni kun socho’u hundatti waggoota shanan darban rakkoon hawaasummaafi dinagdee olaanaa ture. Ba’anii qotachuun, daldalanii horachuun akkasumas lubbuun jiraachuunuu daran yaaddessaa ture.

Erga rakkoon nageenyaa lammiilee nagaa gaaga’aa jiru uumamee asis mootummaan gara bal’inaa rakkoo jiru karaa nagaan furuuf taasiseetti galateeffatanii; ammas taanaan mootummaan tattaaffii marii nagaa ittifufuu akka qabu dubbatu. Qaamni didee ammas yoo qabsoo karaa humnaa filata ta’e ummata bal’aa ijaaruun tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhachuun fala isa dhumaa ta’uus ibsaniiru.

Ummatni burjaajii keessaa ba’ee nageenyasaa kabachiisuuf mootummaa cina hiriiruu qaba jedhanii; mootummaanis waldhabbii jiru karaa nagaan furuuf sochii hanga ammaatti taasiseef qabxiiwwan ifaajjii nageenyaa kana fashaleessan kanneen gama Shaneedhaan dhiyaaterratti hojii hubannoo uumuu bal’aa hojjechuu qabas jedhaniiru.

Dura Taa’aan Paartii Sooshaal Dimokraasii Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroos gamasaaniin, mootummaan biyyattiitti nageenya waaressuuf karaa walakkaa ol deemuu himanii, ammas taanaan biyya daddaaqama siyaasaa keessaa baasuuf garaa bal’achuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Biyyattiitti rakkoo nageenyaa qofa osoo hintaane rakkoon bulchiinsa gaariifi malaammaltummaa ilaalchisee ummata biraa komii guddaan jiraachuu ibsanii; rakkooleen kunneen oolanii bulanii sababa rakkoo nageenyaa ta’uu waan danda’aniif mootummaan bakka rakkoon nageenyaa jiru qofa osoo hintaane bakka rakkoon bulchiisa gaarii jirurrattis xiyyeeffachuu akka qabu dhaamaniiru. Keessattuu malaammaltummaan ummata hiraarsaa jiru furmaata argachuu akka qabuufi mootummaanis hunda dura golasaa qulqulleeffachuu akka qabus himaniiru.

Biyya kanatti aadaan afaan qawween aangoo qabachuu naannoo bira darbee mandaratti gad bu’aa jira kan jedhan hayyuun kun; Itoophiyaan biyya qaamni qawwee kaase hundi salphaatti itti milkaa’u ta’uu baatus gufuu misoomaafi nageenyaa waan ta’uuf tarkaanfii seeraa cinatti aadaa waliin dubbii gabbisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Rakkoon nageenyaa erga gabbatee booda dhabamsiisuun gatii guddaa biyya kaffalchiisa jedhanii; kanaan booda rakkoon bakka kamittuu mudatu hunda osoo hintuffatin xobbeetti furuun barbaachisaa akka ta’eefi  qabsoon afaan qawwee biyya hangam hubaa akka jiru ummata barsiisuun hundarraa akka eegamu dhaamaniiru.

Akka Pirofeesar Bayyanaatti, mootummaan qaama kamuu caalaa humna waan qabuuf rakkoon humna mootummaan olii hinjiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 15 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to ““Tattaaffiin nageenya waaressuuf taasifame salphaatti kan ilaalamu waan hintaaneef ammas ittifufuu qaba” -Hayyoota”

  1. Pingback: auto swiper
  2. Pingback: see
  3. Pingback: login dultogel
  4. Pingback: dultogel rtp

Comments are closed.