Finfinnee: Qonnaan bultootni Godina Harargee Bahaa daldalli jimaa waan faddaaltotaan dhuunfatameef omishasaaniirraa bu’aa barbaadamu argachaa akka hinjirre ibsan.
Qonnaan bultootni godinichaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, faddaalotni jimaarratti bobba’an networkiidhaan walhidhanii gatii omisha jimaa oyiruurraa hanga bitataa dhuunfaatti, gabaa gandaatii hanga gabaa giddugaleessaa darbees gabaa alaatti haala fedhaniin gatii jimaa murteessaa jiru.
Jiraataa Aanaa Malkaa Bal’oo, Ganda Araddaa Biiftuu Oromiyaa kan ta’an Obbo Siraaj Ahmad akka dubbatanitti, jimaa omishuuf ganna roobaafi qorraan bona ammoo aduudhaan kan rukutamu qonnaan bulaa ta’us omishicharraa caalaatti fayyadamaa kan jiru faddaalaadha.
Qonnaan bulaan aanichaa omishasaa gara gabaawwan guguddoo geessee gurgurachuuf geejjiba ittiin gara magaalaatti geeffatuufi yeroo geeffates iddoo tursiisu hinqabu kan jedhan Obbo Siraaj; faddaaltonni rakkina qonnaan bulaa kana akka carraa gaariitti fayyadamuun gatii omisha jimaarratti guutummaatti murteessaa jirus jedhaniiru.
Jiraataafi qonnaan bulaan gandichaa biraan Obbo Waasil Ibraahim gamasaanitiin akka dubbatanitti, sababa dhiibbaan faddaalotaa hammaateef omishasaaniirraa galii argachuun maluuf argachaa hinjiran. Mootummaan qonnaan bultootaaf magaalotatti bakka gamtaan omishasaanii itti dhiyeeffatan mijeessuu akka qabus gaafataniiru.
Bakka bu’aan Ittigaafatamaa Waajjira Daldala Godinichaa Obbo Ziyaad Kadiroo gamasaanitiin akka dubbatanitti, osoo mootummaan jijjiiramaa gara aangootti hindhufin dura daldalli jimaa seeras, dambiis qajeelfamas hinqabu ture. Kanarraa kan ka’e omishicharraa fayyadamaa kan ture abbaa qabeenyaa maxxaanaadha malee qonnaan bulaa hinturre.
Keessattuu alergiin jimaa fuuncaansaa garmalee dheeraadha kan jedhan Obbo Ziyaad; Oyiruu qonnaan bulaarraa eegalee hanga alatti ergamutti jimaan fuuncaa adda addaa keessa darbaa akka tures yaadachiisaniiru.
Haa ta’u malee, erga jijjiirramni siyaasaa biyyattiitti dhufee as rakkoo gabaa jimaatiin walqabatu furuuf sadarkaa naannootti dambiin 224/2013fi qajeelfamni 10/2014 bahee hojiitti hiikamaa jiras jedhaniiru.
Dambiifi qajeelfamni kuni abbaa qabeenyummaa jimaa gara qonnaan bulaatti kan deebisaniidha kan jedhan Obbo Ziyaad; rakkoolee barootaaf sirna daldala jimaa keessa turan kanneen hundeerraa furuuf hojiileen jalqabaman jiraachuuu eeraniiru.
Deeggarsa mootummaa naannootiin godinicha, Magaalaa Awwadaayitti giddugalli gabaa jimaa guddaa qarshii miliyoona 457n ijaarame dhuma ji’a kanaatti ni eebbifama jedhanii; giddugalichi qonnaan bultootni yuuniyeeniifi waldaadhaan gurmaa’uun omishasaanii gara gabaa giddugaleessaafi gabaa alaatti erguuf kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru. Waajjirichi giddugaloota gabaa aanaalee godinichaa afur keessatti ijaarsises hojii jalqabsiiseera.
Tarkaanfiin gabaa jimaarratti fudhatamaa jiru tarkaanfii jalqabaati malee isa dhumaa miti kan jedhan Obbo Ziyaad; rakkoolee daldala jimaarratti mul’atan furuuf hoggansi sadarkaa sadarkaadhaan jiru gabaa omishichaatiif xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu eeraniiru.
Qaamotni jimaa kontirobaandiin erguu baran tarkaanfilee amma fudhatamuu eegalaman kanneen gufachiisuuf burjaajiiwwan garagaraa uumaa jiraachuus ibsanii; qonnaan bulaan bifa gurmaa’een qaamolee kanneenirratti qabsaa’uu akka qabus dhaamaniiru.
Tarkaanfiin Ministeera Daldalaafi Walittihidhamiinsa Naannawaatiin dhaabbilee jimaa alatti ergan bifa haaraan galmeessuufi eeyyama kennuuf fudhatame komii qonnaan bultoota kanneenii kan deebisuudhas jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
4 Comments to “ Qonnaan Bultootni Harargee Bahaa sababa faddaaltotaatiin gurgurtaa jimaarraa fayyadamaa hinjiran”
Comments are closed.