“Balicha booda tarii Waaqayyoo isan miila lamaan dhabe miila tokkoon naa kennuufi, jedheen of amansiise” -Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu

Jiruu keenya guyyuu keessatti waan nu mudatu hinbeeknu. Karoorfannee bakka akkanaan ga’ee, kana hojjedheen dhufa jennee malee akkamitti akka oolluufi hojjennu waan beeknu hinqabnu. Yeroo tokko tokko akka jennetti akka yaadnetti oollee galla. Takka takkammoo faallaa yaadneefi karoorfanne oolla.

Namni barreeffama kanaan seenaashee isiniif qooduuf jennus hojiisheetiin tattaafattuu, karoora hedduu kan qabduufi bakka hojjettutti kan dinqisiifamtu turte. Ogummaa gaazexeessummaa ijoollummaasheerraa kaastee hawwaa turte yommuu argattus dheebuushee waggootaa sana garaa ga’achuuf xiiqiidhaan hojjetti. Ogummaa kana cinaattis aartii keessa seenuun diraamaawwan, beeksisawwan, hojiilee waltajjii hojjechuun moodeeliingiidhaan ogummaashee baay’ifachuu dandeesseetti.

Haaluma kanaan bara 2006 keessa guyyaa tokko Maltiimiidiyaa Saraawiit Fiqree wajjin ta’uun diraamaa raadiyoo hojjechuuf tuuta diraamaa hojjetan waliin Magaalaa Adaamaadhaa subii ba’anii, gaafa Finfinnee oolanii deebi’an waan isaan hin yaadne isaan mudate.

Konkolaataan gaazexeessituu kanaafi waa’illan ishee fe’ee ture ni galagale. Namoota keessa turan keessaas miidhaan olaanaan kan irra qaqqabe haadha seenaa keenyaa kana yoo taatu, sababa balaa sanaan miila ishee mirgaa dhabuuf dirqamteetti; Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu.

Firehiwoot kan dhalatte Godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaatti yoo ta’u, barnootashee sadarkaa tokkoffaa hamma tokkos achumatti baratte. Boodarra wayita abbaanshee hojiidhaan jijjiiramanii gara Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Gimbii deemanis isheefi maatii mara fudhatanii garasumatti imalan.

Isheenis barnootashee sadarkaa tokkoffaa hafe achitti xumurteetti. Turtii barnootaashee Magaalaa Jimmaafi Gimbiittis gareewwan sarkasii manneen barnootaa keessatti hirmaachaa turteetti.

Barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo gara Magaalaa Finfinnee dhufuun kan xumurte yoo ta’u, kolleejjii seenuunis Saayinsii Kompiwutaraatiin eebbifamteetti. Aartiifi gaazexeessummaatti kan seentes yeroos ta’uudha gaafdeebii Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen kan ibsite. Bara 2001s bultoo dhaabachuun jireenyashee Magaalaa Adaamaa taasifatteetti.

Achittis dorgommiin miidhaginaa ‘Miss Bright Millennium’ jedhamu qophaa’ee kan ture yoo ta’u, isa injifachuun waggoota shaniif filatamtee, waggoota shaniif hojii tola ooltummaa hojjetaa turte. Utuma hojjechaa jirtuu OBNtti oduu Afaan Amaaraa dubbisuutiin mindeeffamtee hojjechuu eegalte.

Gaazexeessummaan abjuu ijoollummaashee akka ta’e kan himtu gaazexeessituun kun, mana keessatti gaazexaawwan abbaanshee waajjiraa fidan akka oduu dubbistuutti taatee maatiif dubbisaa turuu yaadatti. Erga gara hojichaa dhuftees leenjiiwwan gaggabaaboo ogummaashee deeggaran barachuusheellee ni kaasti.

Umurii ijoollummaatti, fagoo taa’anii ogummaa gaazeexessummaa yommuu hawwaniifi ilaalan waan salphaa fakkaatuus yommuu keessa seenan rakkoolee hedduu qabaachuu kan kaastu Firehiwoot, waan baay’ee dhabuufi argachuun akkuma jirutti ta’ee garuu bu’aa hojii ofii gaafa ilaalan akka nama gammachiisu himti. Keessumaa aadaa ofii, biyya ofiifi dhimmoota garagaraa hojjechuu qofa osoo hintaane baraa waan deemamuuf akka mana barumsaattillee kan ilaalamu ta’uu dubbatti.

Isheef immoo addatti aarsaa cimaa jireenyasheetti hindaganne waan ta’eef bakka olaanaa akka qabu kaastee, balaa konkolaataa cimaa qaqqabeen miillishee akka citu murteeffamuu yaadatti. Miillishee akka hincinneef wal’aansiwwan garagaraa iddoowwan adda addaatti taasifamaniifis carraa biraa waan hinqabneef citee miila namtolcheetiin socho’aa jiraachuu dubbatti.

“Akka miillikoo citu anumatu murteesse. Keessumaa ogummaan koo odeeffannoowwan addaddaa akkan qabaadhu na taasiseera. Namoonni miidhaan irra qaqqabee kutaan qaamasaanii haa citu jedhamee didan, gaafa gara dhibee cimaatti jijjiiramee isaan ajjeesu argeera. Kana malees namoonni miidhamaa qaamaa ta’anii hojiilee guguddoo ofirra darbee biyyasaaniif ta’ullee hojjetan jiraachuu waanin argeef murteessuuf hinrakkanne. Anarratti balaan kun qaqqabuun kaayyookoorraa boodatti nan hambisu jedheen murteesse” jetti.

Hunda caalaa garuu amantii isheen Waaqasheerratti qabdu daran ishee gargaaruu kan eertu Gaazexeessituu Firehiwoot, gaafa rakkoon tokko gara jireenyasheetti dhufu amaleeffannaa “Waaqni waa malee natti hinfidne, waan karaakootiin hojjechuu barbaadetu jira” jedhu qabaachuunshee ishee jabeessuun waan ta’etti Waaqa galateeffachuushee himti. Sababnisaa nama maatii qabu, haadha ijoollee lamaa waan taateef lubbuudhaan ooluunshee ijoolleenshee haadha malee guddachuurraa isaan hambisuu kaasti.

Akka isheen jettutti, miilli namtolcheedhaan bakka bu’uu danda’a; lubbuun tokkoonuu bakka buusuun waan hindanda’amneef Waaqni waan bakka bu’uu danda’uun miidhaashee isheef slphisuusaatiif nigalateeffatti.

Maatiifi firoonnishee dur yeroo isheen hojiif boqonnaa dhabdee asii achi fiigdu beekan yeroo isheen akkana taatee argan daran gaddanii yommuu jecha ittiin ishee jajjabeessaniin dhabanis isheetu, “Waaqayyo isan miila lamaan dhabe, miila tokkoon naa kennuuf yaadeetu” jettee of amansiisuurra darbee isaanillee jajjabeessaa turte.

Dhiheenya kanas viidiyoo seenaa jireenyashee ibsu daqiiqaa lamaafi sekondii 40 waraabameen dorgommii feestivaala fiilmii gabaabaa idiladdunyaa ‘Focus on Ability’ jedhamu, waggaa waggaatti qophaa’uufi barana Awustiraaliyaatti qophaa’erratti injifachuun kan mo’atte yoo ta’u, doolaara Ameerikaa kuma shaniifi carraa barnoota tolaa onlaayiniidhaan argachuusheefi badhaasashees karaa bakka bu’oota dhaabbatichaatiin dhihootti Itoophiyaatti kan fudhattu ta’uu himti.

Carraa dorgommii kanaa kan argattes kanaan dura dorgommii bara darbee sadarkaa Itoophiyaarratti qophaa’eerratti hiriyyaanshee seenaa ishee qabattee dhihaatteen ishees keessummummaan affeeruu kaasti.

Waltajjicharratti carraan dorgommii idiladdunyaa jiraachuu hubachuufi keessumaa miidhamtoonni qaamaa hojjechuu akka danda’an agarsiisuuf yaadamee qophaa’uusaa beekuun qopheessitoota waliin walbaruushee yaadatti. Viidiyoodhuma sanaan dorgomuun fiilmiiwwan biyyoota addunyaarraa ergaman keessaa 134 calalamanii hafuun kaadhimamtuu ta’uufi fiilmiinshii tokko ta’uu himti. Isa boodas torban tokkoof onlaayinii sagalee kennisiisuun shanan ciccimoo keessa seenuu danda’uushee dubbatti.

Ulaagaan fiilmichi itti madaalamu sagalee onlaayinii kenname qofa osoo hintaane, akkaataan waraabbii, editiingiifi dhimmoonni biroo qabxii mataasaanii qabaachuu ibsitee, keessumaa sagalee ummanni Itoophiyaa biyya keessaafi alaa kenneefiin sadarkaa kanarra qaqqabuu himti. Injifannoon kunis kan baranaa qofa osoo hintaane dhaabbatichi erga qophii kana qopheessuu eegalee sagalee olaanaa argachuun riikardii kan qabate ta’uu eerti.

Wayita ammaa hojii gaazexeessummaa dhiisuun hojiilee addaddaa hojjetaa kan jirtu Firehiwoot, hiriyyootumashee ishee waliin hojjetaa turan wajjin ta’uun dhaabbata maltiimiidiyaa Miiloo hundeessuun hojiilee beeksisaa, sagantaa ayyaanaa qopheessuu, dokimantarii, waltajjii gaggeessuufi kanneen biroo Afaan Oromoofi Amaariffaan hojjetaa jiru. Dabalataanis leenjiiwwan hubannoo gabbisuurratti dhaabbata mitimootummaa tokko waliin hojjetaa jirti.

Bara 2010, yommuu hojii kana hiriyyootashee waliin eegaltu, waa’illanshee hedduun “Lakkii dhiisi akkana taatee, sitti cimaa” jechaanii akka turan yaadattee, hammam dadhabsiisaafi obsa fixachiisaa ta’ullee mindeeffamanii mindaa ji’aa eeguurra muuxannoofi dandeettii qabaniin hojii ofii hojjechuun akka nama gammachiisu himti.

“Erga hojicha eegalee kan natti ulfaate miidhama qaamaa osoo hintaane, maatii faana hojii akkanaa hojjechuun xiqqoo ni jabaata. Maatiirraa fagaattee guyyoota dheeraaf bakka biraa deemuu dandeessa. Yaaddoon jira; ijoolleenis si yaadne jedhanii keessakee raasu. Ta’us waan kaayyoo ta’eef cicheetuman hojjedha. Kanarratti garuu gargaarsi abbaa warraakoo olaanaadha. Gaafan hinjirre ijoolleekoo akka haadhaafi abbaatti kunuunsa. Kun anaaf hamilee guddaadha” jetti.

Fuuldurattis, hojiidhumasheetti cimtee wiirtuu miidhamtoonni qaamaa deeggarsa qaamaa namtolchee itti argatan, kan akka dhiheenya kana Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad eebbisiisan banuun ijoolleen miidhaawwan addaddaatiif saaxilamanii carraa dhaban akka argatan taasisuuf yaada qabaachuu dubbatti.

Qaamni namtolcheen jiraachuun hammam akka rakkoo namaaf salphisu waan ofirratti argiteef kana babal’isuuf of kennitee akka hojjettu dubbatti. Kana malees leenjiiwwan hubannoo cimsan bal’inaan hojjechuun dargaggootaaf muuxannoo jireenyaashee qoodaa leenjisuu akka ittifuftu kaasti.

Dhumarrattis dargaggoonni wantoonni kaayyoo ofiirraa duubatti nama hambisuu danda’an hedduun jiraatanis, isaaniif ijaafi gurra osoo hinkenniin jabaatanii hojjechuu akka qabaniifi, keessumaa fayyadama miidiyaa hawaasaatiin walqabatee kan fayyadu qofa fudhachuun kaayyoosaanii milkeeffachuuf tattaafachuu akka qaban dhaamti. Bu’uurri egeree kan kaa’amu umurii dargagummaatti waan ta’eef yerootti fayyadamuun dirqama jetti.

Nutis muuxannoo Gaazexeessituu Firehiwootirraa waa baay’ee barachuun milkaa’uu dhabuuf sababa kaa’uu osoo hintaane, haalli kamuu yoo namarratti dhufe cabsanii keessaa ba’anii milkaa’uu barachuu qabna jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ “Balicha booda tarii Waaqayyoo isan miila lamaan dhabe miila tokkoon naa kennuufi, jedheen of amansiise” -Gaazexeessituu Firehiwoot Taammiruu”

  1. Pingback: Non Ffl Gun Store
  2. Pingback: best promos

Comments are closed.