Finfinnee: Qala’iinsa jireenyaa maqsuuf wiirtuuleen gabaa omishaalee qonnaa shan karrawwan Finfinnee shananirratti qarshii biliyoona 8.3n ijaaramaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Hogganaan biirichaa Obbo Biiniyaam Mikruu ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, qalaa’iinsa jireenyaa magaalichatti mul’atu maqsuuf biirichi karra magaalichaa shananirratti wiirtuulee gabaa omishaalee qonnaa shan qarshii biliyoona 8.3n ijaarsisaa jira.
Wiirtuulee shanan kanneen keessaa sadii guutummaatti kan xumuraman yommuu ta’u, lama ammoo ji’oota muraasa keessatti xumuramu jedhan.
Giddugala gabaa xumuramanii eebbifaman kana keessaa tokko kan ta’e Wiirtuun Gabaa Omisha Qonnaa Kolfee daldala midhaaniif, kuduraafi muduraaf akka mijatutti kan hojjetameedha kan jedhan Obbo Biiniyaam; wiirtichi qorrisiistuu utuu omishni hinmanca’iin tursiisu of keessaa akka qabus dubbataniiru.
Qaala’iinsa gatiif sababni ijoon dhiibbaa faddaaltota seeraan alaati kan jedhan Obbo Biiniyaam; haa ta’uutii wiirtuuleen gabaa kunneen omishtootaafi bitattoota kallattiin waan walqunnamsiisuuf dhiibbaa faddaalotaa hir’isuu keessatti gahee guddaa kan taphatan ta’uu hubachiisaniiru.
Dabalataanis wiirtuu tokko midhaan nyaataa, kuduraafi muduraa, beeyladaafi bu’aalee beeyladaa fayyadamtootaaf dhiyeessuun jiraattota magaalichaa fayyadamaa taasisuu akka danda’anis himaniiru.
Wiirtuuleen kunneen yuniyeenotaafi waldaalee qonnaan bultootaa kutaalee biyyattii garagaraatti argamaniif dabarfamanii kan kennaman yommuu ta’u, haala bulchiinsa wiirtuulee kanneenii ilaalchisees biirichi qajeelfamarratti hundaa’ee yuniyeenotaaf dabarsee kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsa hoggantichaatti, yuniyeenotni gara wiirtuu gabaatti seenan omishasaanii fayyadamtootaafi daldaltootaaf gatii gabaa idileerraa dhibbantaa 15 hanga 20tti hir’isuun qulqullina madaalawaan akka dhiyeessaniif biirichi deeggarsa barbaachisaa ni taasisa.
Hojigaggeessaan Yuniyeenii Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii-Baatuu Obbo Kumasaa Guddinaa gamasaanitiin akka jedhanitti, yeroo baay’ee sababa dhiibbaa faddaaltotaatiin qonnaan bultootni omisha kuduraafi muduraarratti bobba’an omishuuf dafquu malee bu’aa barbaadan hinargatan. Kanaan dura yuniyeenichi omishasaa gabaa giddugaleessaatti dhiyeessuuf haalli mijaa’an akka uumamuuf mootummaaf gaaffii dhiyeessaa tureera.
Omishtootni kuduraafi muduraa waldaan gurmaa’uun yoo wiirtuulee kanneen argatan omishnisaanii mancaatiirraa baraaramuu bira darbee gatii madaalawaatti akka gurguratan taasisa jedhanii; yuniyeenota jala qonnaan bultoonni hedduun waan jiraniif wiirtuuleen kunniin namoota dhuunfaaf osoo hintaane yuniyeenotaaf kennamuunsaanii tarkaanfii sirrii ta’uu eeraniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
4 Comments to “Wiirtuuwwan gabaa karrawwan Finfinnee shananirratti qarshii biliyoona 8.3 ijaaramaniifi ijaaramaa jiran”
Comments are closed.