Finfinnee: Turiizimii Oromiyaa addunyaarratti, waaltawaa, dijitaalawaafi sadarkaasaa kan eeggate akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa (KTO) beeksise. Komishinichi erga hundaa’ee hojiilee dijitaalessuu hedduus raawwateera.
Komishinichatti Daarektarri Dijitaalaayizeeshiniifi Misooma Teknolojii Obbo Mul’ataa Alam gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin kaleessa taasisaniin akka jedhanitti, KTOn erga hundaa’ee waggoota muraasa ta’us hojiilee damicha ammayyeessuufi jijjiiruu danda’anirratti hojiilee jajjabeessoo hojjetaa tureera. Keessumaa dijitaaleessuun walqabatee hojiilee hedduun hojjetamaniiru; marsariitiiwwaniifi appilikeeshinoonni adaddaas kalaqamaniiru.
Dijitaaleessuu jechuun ragaalee maloota aadaa fayyadamuun kanaan dura waraqaadhaan jiran teknolojiitti fayyadamuun gara waraqaa maleeyyiitti jijjiiruu ta’uu eeranii, kunis hojiilee humna namaa baay’ee, yeroo dheeraafi baasii olaanaa baasisaa turan hunda hambisuun hojii hojjetamu si’aawaa, yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu, kan baasii qusatuufi waaltawaa taasisu ta’uu ibsu.
Akkasumas odeeffannoo barbaadame yeroo barbaadametti argachuufi fayyadamtootaaf tajaajila si’ataa waan kennuuf keessumaa daldala keessatti maamilli akka dabaluuf, taateewwan addunyaa raaguufi kkf keessatti shoora olaanaa akka qabus ni kaasu.
Komishinichis faayidaa dijitaalaayizeeshiniin qabu hubachuun wayita waggoota sadan kana hundeeffame damicha akka kutaa hojii tokkootti qabatee hojjechuu eegaluu kan himan daarektarichi, erga hundaa’ees beeksisuufi misoomsuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu dubbatu.
Gama beeksisuutiin haala salphaa ta’een miidiyaa hawaasummaa addaddaarratti maxxansuun hubannoo uumuurraa kaasee hanga dhaabbileefi namoota dhuunfaa addaddaatiif ‘email’ erguutti, marsariitiiwwan banuufi appilikeeshiniiwwan addaddaa hojjechuu raawwachuu ibsu.
“Hanga yoonaattis, marsariitiiwwan lama kanneen hojii biraandiigiifi korpooreetii qofaaf fayyadamnu qabna. Sadaffaan, marsariitii baruulee komishinichi maxxansiisu namoonni qaamaan argachuu hindandeenye karaa ‘online’ akka argatan gochuuf qophaa’eedha. Dhiheenyattis marsariitii ‘visit Oromia’ afaan Arabaatiin jalqabuuf qophii xumureerra.
“Appilikeeshiiniin walqabatees ‘play store’ irratti ‘Album Oromia’ jedhu bilbilawwan andirooyidiirratti argachuun kan danda’amu yoo ta’u, kunis suurawwan bakkeewwan hawwata turiizimii yeroo baay’ee bakka tokkotti argachuun rakkisaa ta’e bakka tokkotti argachuu kan dandeesisuudha” jedhu.
Inni biraan, turistoonni bakkeewwan hawwata turiizimii deemuu gaafa barbaadan haala kamiin argachuu akka danda’an kallattiifi odeeffannoo guutuu kan kennu hojjetamuu kan himan Obbo Mul’ataan, kana malees bakka namni kamuu suurawwan hawwata turiizimii Oromiyaan qabdu kaasee maxxansuu danda’u, gallery. visitoromia.org jedhu qophaa’uu ibsu.
Siistamaan walqabatees chaanaalii telegiraamii ‘Visit Oromia Chat Bot’ jedhamu hojjetamee kan xumurame yoo ta’u, kunis namni gaaffii barbaade onlaayinii kan ittigaafatuufi deebii itti argatu ta’uu addeessu.
Kunis namaa namattiifi intalajansii artafishaalaatti hidhata kan qabu yoo ta’u, gaaffii ofii deebisuu danda’u ofii akka deebisu, kan dadhabe ammo namatti kan ergu ta’uu himu. Kana malees torban dhufuu kaasee koodii ‘QR’dhaan yaada namootaa sassabuuf qophiin xumuramuu kan himan daarektarichi, kanaanis namni kamuu tajaajila hoteelota Oromiyaa keessa jiranirratti yaadasaa kallattiidhaan KTOf ittiin kennuu akka danda’u kaasu. Daataa turistootaa sassabuufis siistamni gargaaru jiraachuu eeru.
Hojiin dijitaalessuu komishinicha qofaan hojjetamee bakka barbaadamu waan hingeenyeef dorgommii kalaqaa waggaa waggaadhaan qopheessuun dargaggoota dorgomsiisaa jiraachuus himanii, yunivarsiitiiwwan Adaamaafi Jimmaatti wiiruuwwan kalaqaa hundeessuun hojii turiizimii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016
3 Comments to “ Turiizimii Oromiyaa addunyaarratti waaltawaafi dijitaalawaa taasisuuf hojjetamaa jira”
Comments are closed.