Haala magaalotni Oromiyaarraa bishaan dhugaatii argatan hawaasa naannichaa fayyadanirratti hojjetamaa jira

Finfinnee: Waliinga’iinsa bishaan dhugaatii naannichaa mirkaneessuuf Finfinnee dabalatee magaalotni Oromiyaarraa bishaan argatan haala hawaasa naannichaa fayyadanirratti hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Jijjiirama dura Finfinneefi hawaasni naannawaashee dugdaafi garaa ta’uun bishaan ujummoon oyiruu qonnaan bulaa keessa imalee Finfinnee sooru qonnaan bultoota naannichaaf keessummaa ta’uun komii bal’aa kaasaa tureera. Oyiruun qonnaan bulaa laphee ummata Finfinnee jiisuun dabalata kuusaa balfa magaalattii turuunis ni yaadatama.

Dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii kan taasisan Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Mahaammad Nuuraa jijjiiramaan booda rakkoon ture jijjiiramuu dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, xiyyeeffannaa mootummaan naannichaa kenneen barana qofa pirojektii bishaan dhugaatii kuma 10 oltu hojjetamaa jira. Fedhiin bishaan dhugaatiif jiru bajata mootummaa qofaan waan hinmilkoofneef inisheetiviiwwan garagaraa bocamanii hojiitti jiru. Magaalotni akka Finfinnee, Dirre Dhawaafi Harar bishaan dhugaatii naannawasaaniirraa argataniif baasii muraasa Oromiyaaf gumaachuun dirqama.

Bishaan Oromiyaarraa gara Finfinnee seenu haala ittifayyadamummaa waloo mirkaneessurratti boordiin waloo hundeeffamuu himanii; haaluma kanaan bulchiinsi magaalaa Finfinnee bishaan Oromiyaarraa argatuuf pirojektii bishaanii hawaasa magaalaa Shaggar kutaalee magaalotaa Sabbataa, Sulultaafi Buraayyuutti hojjechuu dubbataniiru.

Kanaan booda pirojektiin bishaan dhugaatii Oromiyaarraa Finfinneef bishaan dhiyeessu kamuu hammattummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuusaa kan to’atu boordii haaraan hundaa’e kana jedhaniiru.

Kana malees, fandiin misooma bishaanii kan haala itti fayyadama bishaaniirratti hojjetu hundaa’uu eeranii; fandiin kun haala hoteelotniifi dhaabbilee guguddoon bishaan ittifayyadamaniifi bishaan fayyadamaniif ammoo galii madda bishaanii gabbisu itti gumaachanirratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Kaffaltiin kun sadarkaa dhaabbata dhuunfaatti xiqqaa ta’us pirojektii bishaan dhugaatii dabalataa hojjechuuf daran kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Waliinga’iinsi bishaan dhugaatii mataduree, “Madda tokko ganda tokkoof” jedhuun hirmaannaa hawaasaatiin eegalamuu himanii; barana maddi bishaan xixiqqaa kuma saddeetii ol hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Kana malees, barana kallattii mootummaan naannichaa kaa’een naannawa gammoojjiifi horsiisee bulaatti Pirojektii Finnaa dabalatee pirojektonni bishaanii hojjetamaa jiran guutummaatti yookiin gariin ni xumuramu jedhanii; bu’uuruma kanaan Harargee lameenitti pirojektiin Hayyuufi Miinoo, Baalee Bahaatti pirojektiin Bareediifi Malkaa Odaa, Booranatti pirojektiin Tuqaa pirojektota gariin yookiin guutummaatti xumuramanii tajaajila kennuuf karoorfaman ta’uu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “Haala magaalotni Oromiyaarraa bishaan dhugaatii argatan hawaasa naannichaa fayyadanirratti hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Liquid LSD
  2. Pingback: porn film
  3. Pingback: ผ้า

Comments are closed.