Finfinnee: Sababa garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin waldhabbiin mudatu biyya gara mariitti malee gara badiitti geessuu akka hinqabne Gorsaan Tarsiimoo ABO, Obbo Ibsaa Nagawoo ibsan.
Gorsichi ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, hunduu leenca of fakkeessuun marii moggaatti dhiisee afaan qawwee filachuusaatiin biyyi akka wareegama hinmalle kaffaltuuf dirqisiiseera. Afaan qawwee lubbuu oladeemaa baay’ee galaafachuurra darbee bineensi bosonaayyuu tasgabbii dhabee akka biyya gad lakkisu waan taasisuuf eenyu birattuu filatamaa miti.
Akka isaan jedhanitti, mariin bakka dhabuun, dargaggoon Oromoo aarsaa lubbuu hinmalle kaffalaniiru. Obboleessi dhiiga obboleessasaa dhangalaasuun seerri sirna Gadaa cabeera. Manguddoofi dubartootni walumaagalatti kutaaleen hawaasaa hundi dararri akka sabaattuu nama qaaneffachiisu irratti raawwateera.
Qawweedhaan isa tokko balleessanii aangoo qabachuu barsiifata boodatti hafaa biyyattii gidiraa hamaaf saaxilaa tureedha jedhanii; haa ta’uutii, barsiifanni kun kan jaarraa 21ffaa hinmadaalleefi akkuma addunyaattuu waraana ololaa booda afaan qaawweetiin murni aangoo mootummaa qabachuuf milkaa’e akka hinjirres yaadachiisaniiru.
Wayyaaneen barsiifatuma kana qabatee waraanatti seenuun dargaggoota naannichaa kumaatamatti lakkaa’aman wareegeera. Biyyi aarsaa hinbarbaachifne hedduu kaffalteetti. Dubbii booda mariidhaan goolabamuu hinoolle osoo mariin dursee bu’aan argamu olaanaa ture. Namuu kanarraa barumsa fudhachuu qabaayyu jedhaniiru.
Biyya kanatti sirnoota darban keessatti dhiphachuun dirree siyaasaa qabsoo hidhannoof nama dirqisiisaa turuu yaadachiisanii; ammaan tana sirni bulchiinsa Doktar Abiyyi mariif bakka olaanaa kennee osoo jiruu sababni qabsoon afaan qawwee filatamuuf hinjiru jedhaniiru. Hundaa ol garuu qabsoo afaan qawwee ummataafi biyyi ni falminaaf jedhanii ka’an sana rakkoo walxaxaatti dhiibaa jiraachuusaaniis qalbeeffachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Waldhabbiin mariin furamu injifannoo qaama tokkoo osoo hintaane injifannoo qaamolee hundaati kan jedhan Obbo Ibsaan; osuma milkaa’eeyyuu injifannoon afaan qawweetiin argamu oolee bulee rakkoo biroo kan dhalu ta’uu seenaa darberraa barachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Mariin biyyaalessaa yaadame biyyattii maraammartoo jeequmsaa keessaa baasuuf kutannoo mootummaan qabu mul’isa jedhanii; gama kanaan ummatni biyyattii falmiif osoo hintaane yaada furmaataatiif of qopheessuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 8 Bara
2 Comments to ““Waldhabdeen jiru badiidhaan osoo hintaane mariin goolabamuu qaba” -Obbo Ibsaa Nagawoo”
Comments are closed.