Finfinnee: Rakkoo nageenyaa Oromiyaatti mul’atu furuuf yoomiyyuu mootummaan naannichaa daandii nagayaa filata, “Harki keenya nagayaaf diriire hinqoollifatu, balballi keenya nagayaaf baname hincufamu” jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa.
Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaatti kurmaana 1ffaa bara bajataa 2016tti tajaajilli lammummaa hojiin qarshii biliyoona 40tti tilmaamamu hojjetameera.
Kurmaanichatti manneen barnoota Bu’uura Boruu afur, 199 ijaarsisaanii kan jalqabame yommuu ta’u, ijaarsi manneen barnootaa 2,444 ammoo xumurameera.
Manneen barsiisota sadarkaa 1ffaa 4000 ijaarsisuuf karoorfamee 6,053 ijaarsa jalqabsiisuun danda’ameera, manneen 4,052 ammoo ijaarsisaanii guutummaatti xumurameera.
Manneen barnootaatti barattoota miliyoona 7.5f nyaata dhiyeessuuf karoorfamee, miliyoona 3.3f dhiyeessuun danda’ameera. Sababa balaa namtolcheefi balaa uumamaatiin namoota rakkoof saaxilamuun miliyoona 1.1f deeggarsi midhaan nyaataa kuntaala kuma 124 taasifameera jedhan.
Naannichaatti qonna gannaa bara 2015/2016n lafa hektaara miiliyoona 8.2 ol misoomsuuf karoorfamee miiliyoona 9.4 ol midhaan akaakuuwwan garaa garaatin uwwisuu danda’eera jedhanii; kanarraas callaa kuntaala miiliyoona 265.3 ol akka eegamu himaniiru.
Naannichatti akaakuu midhaanii kanaan dura hinbaramne bal’inaan misoomsuun jiruufi jireenya qonnaan bulaafi horsiisee bulaa jijjiiruuf inisheetiviiwwan bocuun hojjetamaa jira. Baranas lafa hektaara miliyoona tokko olirratti ruuzii misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 44.2 ol argachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Akkasumas qamadii bonaa lafa hektaara miiliyoona 2.6 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 105.8 argachuuf karoorfamee hojiitti galuun hanga ammaattis lafti hektaarri miiliyoona 1.2 wayita qophaa’uufi lafti hektaarri kuma 500 ol ammoo sanyii qamadii bonaatiin uwwifamuu hubachiisaniiru.
Kurmaanichatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa 23 banamuun hawaasaaf tajaajila kennuu eegalaniiru. Weerara dhibee busaa ittisuuf hojii hojjetameen namootni miliyoona 1.57 akka qoraman taasisuun namoota kuma 608 olirratti dhukkubichi mul’ateera. Saaphanni siree miiliyoona torbaa ol namoota miiliyoona 11 ta’aniif raabsameera.
Namoota qe’eesaaniirraa buqqa’an deebisuuf mootummaan naannichaa mootummaa naannoo Amaaraa wajjin humna waloo hundeessuun hojjechaa jiraachuu ibsanii, hawwasni naannichaa akka tumsu Obbo Hayiluun gaafataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 1 Bara 2016
6 Comments to “ “Balballi keenya nagayaaf baname hincufamu” – Obbo Hayiluu Addunyaa”
Comments are closed.