Madiinaa Isaa kaadhimamtuu dhumaa taatee dhiyaatteetti

Finfinnee: Atileetiin Itoophiyaa Madiinaa Isaa badhaasa atileetii cimaa addunyaa waggaa 20 gadii Federeshiniin Atileetiksii Addunyaa qopheesse sadan xumuraa keessatti hammatamuu dandeessee jirti.

Atileetonni biroo kaadhimamoo ta’an lamaan Atileetii Keeniyaa Feeyiz Cherotikifi Atileetii Sarbiyaa Anjaliinaa Topik ta’uun beekameera.

Federeeshinii Atleetiksii Addunyaa kun akka ifa godhetti kaadhimamtooni shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Budapest bara kanaa, Shaampiyoonaa Qaxxaamuraa Biyyaa Atileetiksii Addunyaa Baaturist, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Riigaa Fiigicha Daandiirrafi dorgommiiwwan biroo irratti ga’umsa olaanaa agarsiisaniin akka filataman marsariitii isaa irratti beeksiseera.

Madiinaa Isaa, Shaampiyoonaa Qaxxaamuraa Biyyaa Addunyaa bara 2022/23tiin meedaaliyaa meetii kan argatte, Shaampiyoonaa Addunyaa meetira 5,000n sadarkaa 6ffaafi sa’aatii dhuunfaa ishee gaarii 14:16:54, akkasumas dorgommiin kiiloo meetira 5n Shaampiyoonaa Fiigicha Daandiirraa Addunyaatiin sadarkaa 4ffaa baate, filannoo kanaaf gumaacha isheef taasiseera.

Atileetiin dorgommicha injifate sirna badhaasaa Mudde 2 bara 2016 Moonaakootti gaggeeffamu irratti akka ifoomu Federeshiniin Atleetiksii Addunyaa beeksiseera.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Madiinaa Isaa kaadhimamtuu dhumaa taatee dhiyaatteetti”

Comments are closed.