“Misooma qamadii bonaatiin lafa heektaara miliyoona sadiirraa callaa kuntaala miliyoona 100 oltu eegama” -Doktar Abiyyi Ahmad

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Wiixata darbe omisha qamadii bona baranaa naannoo Affaaritti ifatti jalqabsiisaniiru. Imala naannichatti taasisaniin iddoo Pirojektii Maaddiin Dhalootaafiin misoomsuuf adda bahe daawwataniiru.

Sirnicharratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya lafa qonnaa bal’aa, albuuda ba’ee maallaqatti hinjijjiiramneefi humna nama hojjetuufi baratuu guddaa qabduudha. Lafti naannoo Affaar akka iji mukaa qoraattii keessa jiruuti. Ija mukaa qoraattii keessa jiru bira geenyee nyaataafis ta’e qorichummaaf itti fayyadamuuf salphaa miti. Naannichatti waa’ee qonnaa, turizimii, indastirii yeroo yaadnu salphaatti kan bira geenyu utuu hintaane ifaajiifi hojii guddaa nu gaafata. Hojiin misooma qamadii jallisii bonaa jalqabsiifames guddina misooma qamadii biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba.

“Guddinni misooma qamadii bonaa biyyattii baay’ee ajaa’iba. Bara darbe omisha qamadii bonaatiin lafti heektaarri miliyoona 1.3 misoomee kan ture yoo ta’u, barana gara lafa heektaara miliyoona sadiitti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kana jechuun kan bara darbeerra lafa heektaara miliyoona 1.7n caala. Akkasumas, omishni qamadii kuntaalli miliyoona 47 kan ta’u argamee kan ture yoo ta’u, barana ammoo callaa qamadii kuntaala miliyoona 100 oltu eegama” jedhu.

Omishni qamadii bonaafi gannaa lafa heektaara miliyoona 600 ol ta’uu eeranii, haalli roobaafi qonna bara 2015/16 baay’ee gaarii turuufi yeroo ammaa iddoowwan hedduutti omishni qamadii kun sassaabamaa jiraachuu himu. Omisha qamadii gannaa qofarratti hundaa’uu utuu hintaane saffisaan omisha qamadii bona jalqabuu akka barbaachisuufi Naannoon Affaar lafa bal’aafi bishaan gahaa omisha qamadii bonaaf oolu qabaachuu kaasanii, lafaafi qabeenya uumamaa jiruutti fayyadamuun karoora omisha qonna qamadii akka biyyaatti qabame milkeessuuf hojjetamuu akka qabu hubachiisu.

Omisha qamadii bonaafi gannaa caalaatti guddisuudhaan alergii qamadiirra darbee wantoota baay’eef oolchuu akka danda’amu himanii, karoora omisha qamadii daran guddisuuf qabame milkeessuuf bakka hundattuu omisha qamadii bonaafi gannaa babal’isuurratti xiyyeeffachuun hojjechuu akka barbaachisu ibsu.

Itoophiyaa kadhaa midhaan nyaataarraa bilisa taasisuuf naannoleen hunduu xiyyeefatanii hojjechuu akka qaban hubachiisanii, hojiileen misooma qonnaa, maaddii guutuufi ashaaraa magariisaa raawwatamaa jiran walitti ida’amanii badhaadhina biyyattii kan mirkaneessan ta’uu eeru.

Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, pirojektii maaddiin dhalootaaf jedhu marsaa kanaan iddoowwan filataman kan kanaan duraarra fooyya’oo ta’uufi pirojektii kanaanis Arbaa Minci, Jimmaa, Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa, Walloo, Tigiraay, Somaaleefi Affaaritti iddoowwan mimmiidhagoo hawwata turistiif oolan adda ba’uu kaasu.

Affaaritti iddoon Pirojektii Maaddiin Dhalootaafiin misoomsuuf adda bahe iddoo omishni paalmii itti adeemsifamaa jiruufi daandiin saffisaa haaraa Awaashiifi Jibuutii walagarsiisu hojjetamurraa kiilomeetira 25 fagaatee argama jedhanii, bakki adda bahe kunis Paarkii Asabootiifi Paarkii Awaash gidduutti akka argamu ibsu. Bakkichi bishaan danfaa, simbirroota, bineensota bosonaa, omisha paalmii, margaafi lafa qonnaa bal’aadhaan marfamee akka argamuufi bakka miidhagaa hawwata turizimiif oolu akkasii utuu jiruu midhaan nyaataa kadhachuun sirrii akka hintaaneefi qabeenya uumamaa jiru misoomsuun itti fayyadamuurratti hanqinni guddaa jiraachuu dubbatu.

“Naannoon Affaar gammoojjummaadhaan beekama. Naannichi iddoowwan hawwata turistii Daalool, Ertaallee akkasumas iddoo argama dhala namaa (Luusii)fi iddoowwan seena qabeessa uumamaa mijatoofi lafa qonnaa bal’aa qabu ta’uun beekama. Lagni Awaash kan fagaatee yaa’uu ykn biyyaa ba’uu hinbarbaanne naannicha keessatti argama. Laga kanatti fayyadamuudhaan naannicha daran misoomsuufi jijjiiruu dandeenya. Naannichi iddoowwan misooma jallisii bal’aa, omisha albuudaafi hawata turizimii hedduu waan qabuuf daran misoomsuufi jijjiiruu dandeenya” jedhu.

Qaama hojii ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhu kan ta’e Pirojektii Loojii Paalmi Ispiriingii Ni’iillee jalqabsiisuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame waggaa lama booda xumuramee iddoo bashannanaafi hawwata turizimii filatamaa ta’uun tajaajila kennuu akka jalqabu himanii, humna guutuu jiru hojii misoomaaf oolchuun utuu danda’amee imala Itoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf eegalame yeroo gabaabaa keessatti milkeessuun akka danda’amu eeru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You