Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 800 olirraa callaa kuntaala miliyoona 25.3tu eegama

Finfinnee: Godina Shawaa Lixaatti lafa hektara kuma 800 oli qotuun callaa kuntaala miliyoona 25.3 walittiqabuuf karoorfachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Garbuu lafa hektaara kuma 66 irratti addatti kilaastaraan omishuuf karoorfachuus ibseera.

Hogganaan waajjirichaa Obbo Tarrafaa Araarsaa tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti; godinichi godinaalee waggaatti rooba gahaa argatan keessaa tokko yommuu ta’u asiidummaa biyyeen daran hubamaadha. Rakkoo kana maqsuuf bara 2006 irraa eegalee nooraa fayyadamaa jiru. Hanga ammaattis nooraan kuntaalli kuma 143 ol qonnaan bultoota godinichaa kuma 10 bira dhaqqabeera.

Lafti godinichaa irra jireessaan asiidawaa waan ta’eef omishaafi omishtummaansaa waggaa gara waggaatti hir’achaa dhufuu eeranii; inumaayyuu qonnaan bultoonni duraan garbuufi midhaan garagaraa omishaa turan lafichi omisha kennuu waan dideef mosee qofa omishaa jiraachuu ibsaniiru.

Haa ta’u malee, yeroo ammaa asiidummaa biyyee kana maqsuuf aanaalee godinicha 23 keessaa nooraan aanaalee 22 dhaqqabuu himanii; barana lafti duraan omisha kennuu dide haala ajaa’ibaatiin misoomaa akka jirus dubbataniiru. Haaluma kanaan qamadiin hektaarri 400 yeroo jalqabaaf Aanaa Walmaraatti kilaastaraan misoomaa jiru agarsiistuu tokko ta’uu hubachiisaniiru.

Godina kanatti hanqina xaa’oo akka biyyaatti jiru furuuf xaa’oon uumamaa/vermin kompostiin bal’inaan qophaa’ee hojiirra oolaa jira. Ummatni godinichaas barbaachisummaa xaa’oo uumamaa kana hubatee hirmaannaa ho’aa taasisaa jira. Lafa dhangagga’aa/asiidawaa omisha hinkennine gara misoomaatti jijjjiiruu nooraa hubatees nooraa fayyadamuuf fedhii olaanaa qaba. Ta’us fedhiin nooraaf jiruufi dhiyeessiin waan walhinsimneef dhiyeessiirratti yaadamuu qaba jedhaniiru.

Ittigaafatamaan Warshaa Nooraa Gudar Obbo Fiixaa Kumsaa gamasaaniin akka jedhanitti, warshichi guyyaatti nooraa kuntaala kuma tokkoofi 600 omisha. Waggaa kana nooraa kuntaala kuma 150 omishuuf karoorri qabamee Fulbaanaa hanga ammaatti nooraa kuntaala kuma 40 omishuu danda’aniiru. Nooraas ta’e vermin kompostii godinaalee Oromiyaaf kan raabsu warshaadhuma kana.

Fedhiifi dhiyeessii jiru walsimsiisuuf barana maashinootni haaraan miliyoona 257n biyya alaarraa galuu himanii; gama carraa hojiinis dhaabbiin hojjettoota 24f akkasumas hojii guyyaan hojjettoota 148 walumaagalatti namoota 172 carraan hojii uumamuu yaadachiisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Godina Shawaa Lixaatti lafa hektaara kuma 800 olirraa callaa kuntaala miliyoona 25.3tu eegama”

  1. Pingback: fuck boy
  2. Pingback: ...

Comments are closed.