Naannichatti invasteroota kuma 30 simachuuf karoorfameera

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti bara bajataa 2016tti invastaroota kuma 30 simachuuf karoorfamuu Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Ermiyaas Dannaqaa ibsa kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Oromiyaan naannoo potenshaala invastimantii olaanaa qabu waan ta’eef waggaa tokko keessatti invastaroota kuma 30 simachuuf karoorfameera. Qabeenya uumamaa bal’aa qabuufi giddugalessa biyyattiitti argamuunsaa invastimantiif filatamaa isa taasisa.

Carraa jirutti fayyadamuun biirichi karoora hiixataan qopheessera jedhanii karoorri waggoota soddomman darbanitti qabamaa ture yoo walitti ida’ame hamma baranaa akka hingeenye eeraniiru.

Karoora kana keessatti qonnaan bultoota kuma 21, Waldaalee Hojii Gamtaa 705, Intarpiraayizii Maykiroo xixiqqoo 3000fi abbootii qabeenyaa 4500 hojii invastimantiitti galchuun qarshii biliyoona 770 galmeessisiisuuf karoorfameera.

Akka ibsasaaniitti, pirojektonni invastimantii kunniin guutummaatti gaafa hojiitti galan carraan hojii lammiilee miliyoona lamaa oliif ni uumama. Pirojektota biirichi simachuuf karoorfate kana keessaayis seektara qonnaarratti kuma torbaafi 728 ol, agroo industirii kuma 5,172, maanufaakcharingii 3,141fi tajaajilarratti kuma13 ta’uu eeran.

Xiyyeeffannoon hundaa ol maanufaakcharingiirratti ta’us, humni invastarootaafi haalli jiru manufaakcharingiirra seektara tajaajilaaf salphaafi mijataa waan ta’eef biirichi tajaajilarrattis karoora guddaa qabateera jedhan.

Hanqinni galtee sababa hanqina sharafa alaatiin mudatu yeroo ammaa sochii invastimantii naannichaatiif hudhaa guddaa ta’uu kan eeran obbo Eermiyaas rakkoo kana furuuf galteewwan alaa galan biyya keessatti omishuun bakka buusuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamaa jira jedhan.

Sochii simannaa invastimantii kana keessatti qonnaan bulaa Waldaa Hojii Gamtaan gurmeessuun gara invastimantiitti ceesisuuf waan argaturraa qusatee omisha omishurratti sona dabalee gara invastimantiitti akka galuuf paakeejii deeggarsaa laachuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Karooricha milkeessuuf birokiraasii mana mootummaa keessatti kanaan dura sochii invastimantii danqaa turan haala dhabamsiisuu danda’urratti mariifi caasaalee garaagaraa qopheessuufi karooricha qooda fudhattoota waliin karoora waloo godhachuun hojjiitti galamuu Obbo Eermiyaas ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

8 Comments to “ Naannichatti invasteroota kuma 30 simachuuf karoorfameera”

  1. Pingback: anti stress
  2. Pingback: Dentistry

Comments are closed.